< Hooseʼaa 8 >

1 “Malakata afaan keetti kaaʼadhu! Sababii namoonni kakuu koo cabsanii seera kootti fincilaniif risaan tokko mana Waaqayyootiin ol jira.
“Ka sa kakaki a leɓunanka! Gaggafa tana a bisan gidan Ubangiji domin mutane sun tā da alkawarina suka kuma tayar wa dokata.
2 Israaʼel, ‘Yaa Waaqa keenya nu si beekna!’ jedhee gara kootti iyyate.
Isra’ila ta yi mini kuka, ‘Ya Allahnmu, mun yarda da kai!’
3 Taʼu iyyuu Israaʼel waan gaarii dideera; kanaafuu diinni isa ariʼa.
Amma Isra’ila sun ƙi abin da yake mai kyau; abokin gāba zai fafare su.
4 Isaan walii galtee koo malee mootota moosifatan; utuu ani hin fudhatiniif ilmaan moototaa filatan. Isaan meetii fi warqee isaaniitiin badiisa isaaniitiif waaqota tolfamoo ofii isaaniitiif tolfatan.
Suna naɗa sarakuna, ba da izinina ba; sun zaɓa shugabanni ba da yardanta ba. Da azurfa da zinariya sun ƙera gumaka wa kansu wanda zai kai zuwa ga hallakarsu.
5 Yaa Samaariyaa, waaqa kee tolfamaa bifa jabbii sana baasii gati! Dheekkamsi koo isaanitti bobaʼa. Isaan hamma yoomiitti qulqullaaʼuu dadhabu?
Ku zubar da gunkin maraƙinku, ya Samariya! Fushina yana ƙuna a kansu. Sai yaushe za su rabu da gumaka?
6 Isaan warra Israaʼel! Jabbii kana ogeessa hojii harkaatu tolche; inni Waaqa miti. Jabbiin Samaariyaa ni hurraaʼa.
Su daga Isra’ila ne! Wannan maraƙi, mai aikin hannu ne ya yi shi; gunki ne ba Allah ba. Za a farfashe shi kucu-kucu, waccan maraƙin Samariya.
7 “Isaan bubbee facaafatanii bubbee hamaa haammatu. Mukni isaa mataa hin qabu; daraaraas hin baasu. Utuu inni midhaan naqatee silaa namoonni ormaa ni nyaatu ture.
“Gama sun shuka iska don haka za su girbe guguwa. Hatsin da yake tsaye ba shi da kai, ba zai yi tsaba ba. Ko da ya yi tsaba ma, baƙi ne za su ci.
8 Israaʼel liqimfameera; isaan amma saboota gidduutti akka waan faayidaa hin qabne tokkoo ti.
An haɗiye Isra’ila; yanzu tana cikin al’ummai kamar abin da ba shi da amfani.
9 Isaan akkuma harree diidaa kan asii fi achi kophaa jooruu gara Asooriitti ol baʼaniiruutii; Efreemis michootatti of gurgureera.
Gama sun haura zuwa Assuriya kamar jakin jejin da yake yawo shi kaɗai. Efraim ya sayar da kansa ga maza.
10 Isaan saboota gidduutti yoo of gurguran iyyuu ani amma walitti isaan nan qaba. Isaan hacuuccaa mooticha jabaa jalatti ni sukkuumamu.
Ko da yake sun sayar da kansu a cikin al’ummai, yanzu zan tattara su wuri ɗaya. Za su fara lalacewa a ƙarƙashi danniyar babban sarki.
11 “Efreem aarsaa cubbuutiif iddoo aarsaa hedduu yoo hojjete iyyuu, lafti sun iddoo aarsaa itti cubbuu hojjechuuf qopheessan taʼeera.
“Ko da yake Efraim ya gina bagadai masu yawa don hadayun zunubi, waɗannan sun zama bagade don yin zunubi.
12 Ani waaʼee seera koo waan baayʼee isaaniif barreesseera; isaan garuu akkuma waan alaa dhufe tokkootti ilaalu.
Na rubuta musu abubuwa masu yawa na dokata, amma suka ɗauke su tamƙar wani baƙon abu ne.
13 Isaan aarsaa naaf kenname dhiʼeessu; foon sanas ni nyaatu; Waaqayyo garuu isaanitti hin gammanne. Inni amma hammina isaanii yaadatee cubbuu isaanii adaba: Isaan gara Gibxitti deebiʼu.
Suna miƙa hadayun da aka ba ni su kuma ci nama, amma Ubangiji ba ya jin daɗinsu. Yanzu zai tuna da muguntarsu yă kuma hukunta zunubansu. Za su koma Masar.
14 Israaʼel Uumaa isaa irraanfatee masaraawwan mootummaa ijaare; Yihuudaan magaalaawwan hedduutti dallaa ijaare. Ani garuu ibidda daʼannoowwan isaanii barbadeessu magaalaawwan isaaniitti nan erga.”
Isra’ila ya manta da Mahaliccinsa ya kuma gina fadodi; Yahuda ya gina katanga a yawancin garuruwansa. Amma zan aiko da wuta a bisa biranensu da zai cinye kagaransu.”

< Hooseʼaa 8 >