< Hooseʼaa 8 >

1 “Malakata afaan keetti kaaʼadhu! Sababii namoonni kakuu koo cabsanii seera kootti fincilaniif risaan tokko mana Waaqayyootiin ol jira.
你用口吹角吧! 敌人如鹰来攻打耶和华的家; 因为这民违背我的约, 干犯我的律法。
2 Israaʼel, ‘Yaa Waaqa keenya nu si beekna!’ jedhee gara kootti iyyate.
他们必呼叫我说: 我的 神啊,我们以色列认识你了。
3 Taʼu iyyuu Israaʼel waan gaarii dideera; kanaafuu diinni isa ariʼa.
以色列丢弃良善; 仇敌必追逼他。
4 Isaan walii galtee koo malee mootota moosifatan; utuu ani hin fudhatiniif ilmaan moototaa filatan. Isaan meetii fi warqee isaaniitiin badiisa isaaniitiif waaqota tolfamoo ofii isaaniitiif tolfatan.
他们立君王,却不由我; 他们立首领,我却不认。 他们用金银为自己制造偶像, 以致被剪除。
5 Yaa Samaariyaa, waaqa kee tolfamaa bifa jabbii sana baasii gati! Dheekkamsi koo isaanitti bobaʼa. Isaan hamma yoomiitti qulqullaaʼuu dadhabu?
撒马利亚啊,耶和华已经丢弃你的牛犊; 我的怒气向拜牛犊的人发作。 他们到几时方能无罪呢?
6 Isaan warra Israaʼel! Jabbii kana ogeessa hojii harkaatu tolche; inni Waaqa miti. Jabbiin Samaariyaa ni hurraaʼa.
这牛犊出于以色列, 是匠人所造的,并不是神。 撒马利亚的牛犊必被打碎。
7 “Isaan bubbee facaafatanii bubbee hamaa haammatu. Mukni isaa mataa hin qabu; daraaraas hin baasu. Utuu inni midhaan naqatee silaa namoonni ormaa ni nyaatu ture.
他们所种的是风,所收的是暴风; 所种的不成禾稼,就是发苗也不结实; 即便结实,外邦人必吞吃。
8 Israaʼel liqimfameera; isaan amma saboota gidduutti akka waan faayidaa hin qabne tokkoo ti.
以色列被吞吃; 现今在列国中,好像人不喜悦的器皿。
9 Isaan akkuma harree diidaa kan asii fi achi kophaa jooruu gara Asooriitti ol baʼaniiruutii; Efreemis michootatti of gurgureera.
他们投奔亚述,如同独行的野驴; 以法莲贿买朋党。
10 Isaan saboota gidduutti yoo of gurguran iyyuu ani amma walitti isaan nan qaba. Isaan hacuuccaa mooticha jabaa jalatti ni sukkuumamu.
他们虽在列邦中贿买人, 现在我却要聚集惩罚他们; 他们因君王和首领所加的重担日渐衰微。
11 “Efreem aarsaa cubbuutiif iddoo aarsaa hedduu yoo hojjete iyyuu, lafti sun iddoo aarsaa itti cubbuu hojjechuuf qopheessan taʼeera.
以法莲增添祭坛取罪; 因此,祭坛使他犯罪。
12 Ani waaʼee seera koo waan baayʼee isaaniif barreesseera; isaan garuu akkuma waan alaa dhufe tokkootti ilaalu.
我为他写了律法万条, 他却以为与他毫无关涉。
13 Isaan aarsaa naaf kenname dhiʼeessu; foon sanas ni nyaatu; Waaqayyo garuu isaanitti hin gammanne. Inni amma hammina isaanii yaadatee cubbuu isaanii adaba: Isaan gara Gibxitti deebiʼu.
至于献给我的祭物, 他们自食其肉, 耶和华却不悦纳他们。 现在必记念他们的罪孽, 追讨他们的罪恶; 他们必归回埃及。
14 Israaʼel Uumaa isaa irraanfatee masaraawwan mootummaa ijaare; Yihuudaan magaalaawwan hedduutti dallaa ijaare. Ani garuu ibidda daʼannoowwan isaanii barbadeessu magaalaawwan isaaniitti nan erga.”
以色列忘记造他的主,建造宫殿; 犹大多造坚固城, 我却要降火焚烧他的城邑, 烧灭其中的宫殿。

< Hooseʼaa 8 >