< Hooseʼaa 7 >

1 yeroo ani Israaʼelin fayyisutti cubbuun Efreem saaxilamee yakki Samaariyaas ifatti baafama. Isaan nama gowwoomsu; hattuun cabsitee mana seenti; saamtonni daandii irratti nama saamu;
When I would heal Israel, then the iniquity of Ephraim is uncovered, also the wickedness of Samaria; for they commit falsehood, and the thief enters in, and the gang of robbers ravages outside.
2 isaan garuu akka ani jalʼina isaanii hunda yaadadhu hin hubatan. Cubbuun isaanii isaan marseera; yeroo hundas fuula koo dura jira.
They don’t consider in their hearts that I remember all their wickedness. Now their own deeds have engulfed them. They are before my face.
3 “Isaan hammina isaaniitiin mootii, soba isaaniitiin immoo ilmaan mootii gammachiisu.
They make the king glad with their wickedness, and the princes with their lies.
4 Isaan hundinuu ejjitoota, akkuma badaa ibiddaa kan tolchituun tokko yeroo bukoo sukkuumanii jalqabee hamma inni bukaaʼutti itti tuttuquu hin barbaannee ti.
They are all adulterers. They are burning like an oven that the baker stops stirring, from the kneading of the dough, until it is leavened.
5 Guyyaa ayyaana mootii keenyaatti ilmaan moototaa daadhii wayiniitiin finiinan; innis qoostota wajjin harka isaa diriirsa.
On the day of our king, the princes made themselves sick with the heat of wine. He joined his hand with mockers.
6 Akkuma badaa ibiddaatti garaa isaanii qopheessaniiru; isaan dabaan gara isaatti dhiʼaatu. Aariin isaanii halkan guutuu irraa hin galu; ganama immoo akkuma arraba ibiddaa balaliʼa.
For they have prepared their heart like an oven, while they lie in wait. Their anger smolders all night. In the morning it burns as a flaming fire.
7 Hundi isaanii akkuma badaa ibiddaa hoʼu; bulchitoota isaaniis ni fixu. Mootonni isaanii hundinuu ni dhumu; tokkoon isaanii iyyuu na hin waammatan.
They are all hot as an oven, and devour their judges. All their kings have fallen. There is no one among them who calls to me.
8 “Efreem sabootaan walitti makama; Efreem maxinoo gara hin galfaminii dha.
Ephraim mixes himself among the nations. Ephraim is a pancake not turned over.
9 Namoonni ormaa humna isaa nyaatan; inni garuu hin hubatu. Arriin isatti baʼe; inni garuu hin beeku.
Strangers have devoured his strength, and he doesn’t realize it. Indeed, gray hairs are here and there on him, and he doesn’t realize it.
10 Of tuulummaan Israaʼel dhugaa isatti baʼa; inni garuu utuu wanni kun hundi akkana taʼee jiruu, gara Waaqayyo Waaqa isaatti hin deebiʼu yookaan isa hin barbaaddatu.
The pride of Israel testifies to his face; yet they haven’t returned to the LORD their God, nor sought him, for all this.
11 “Efreem akkuma gugee gowwaa sammuu hin qabnee ti; isaan Gibxin waammatu; isaan gara Asooritti deebiʼu.
“Ephraim is like an easily deceived dove, without understanding. They call to Egypt. They go to Assyria.
12 Yommuu isaan deeman ani kiyyoo koo isaan irra nan buusa; ani akkuma simbirroo samii gad isaan nan harkisa. Ani yommuun akka isaan walii wajjin yaaʼan dhagaʼutti, isaan nan qaba.
When they go, I will spread my net on them. I will bring them down like the birds of the sky. I will chastise them, as their congregation has heard.
13 Waan narraa goraniif isaaniif wayyoo! Waan natti fincilaniif badiisni isaaniif mala! Ani isaan furuu nan barbaada; isaan garuu waaʼee koo soba dubbatu.
Woe to them! For they have wandered from me. Destruction to them! For they have trespassed against me. Though I would redeem them, yet they have spoken lies against me.
14 Isaan garaa isaanii guutuudhaan gara kootti hin iyyatan; garuu siree isaanii irra tataaʼanii booʼu. Isaan midhaanii fi daadhii wayiniitiif walitti qabamu; garuu natti fincilu.
They haven’t cried to me with their heart, but they howl on their beds. They assemble themselves for grain and new wine. They turn away from me.
15 Ani leenjiseen irree isaanii jajjabeesse; isaan garuu waan hamaa natti yaadu.
Though I have taught and strengthened their arms, yet they plot evil against me.
16 Isaan gara Waaqa Waan Hundaa Oliitti hin deebiʼan; isaan akkuma xiyya jalʼatee ti. Hooggantoonni isaanii sababii soba dubbataniif goraadeedhaan dhumu. Sababii kanaaf isaan biyya Gibxitti ni tuffatamu.
They return, but not to the Most High. They are like a faulty bow. Their princes will fall by the sword for the rage of their tongue. This will be their derision in the land of Egypt.

< Hooseʼaa 7 >