< Hooseʼaa 6 >

1 “Kottaa gara Waaqayyootti deebinaa. Inni nu ciccireera; garuu nu fayyisa; inni nu madeesseera; garuu madaa keenya ni waldhaana.
“Njoo, turudi kwa Bwana. Kwa maana ametuvunja vipande vipande, lakini atatuponya; ametujeruhi, lakini atatufunga majeraha yetu.
2 Akka nu fuula isaa dura jiraannuuf, guyyaa lama booddee nu bayyanachiisa; guyyaa sadaffaatti immoo deebisee nu dhaaba.
Baada ya siku mbili atatufufua; siku ya tatu atatuinua, na tutaishi mbele yake.
3 Kottaa Waaqayyoon haa beeknu; isa beekuufis haa tattaaffannu. Akkuma aduun dhugumaan baatu sana inni dhugumaan ni dhufa; inni akkuma bokkaa gannaa, akkuma bokkaa birraa kan lafa quubsu sanaatti gara keenya ni dhufa.
Nasi tumjue Bwana; tukaendelee kumjua Bwana. Kuja kwake ni hakika kama asubuhi; atakuja kwetu kama mvua, kama mvua ya vuli ambayo huinyeshea ardhi.”
4 “Yaa Efreem, ani maalan si godha? Yaa Yihuudaa, ani maalan si godha? Jaalalli keessan akkuma hurrii ganamaa, akkuma fixeensa barii baduu ti.
Efuraimu, nikufanyie nini? Yuda, nikufanyie nini? Uaminifu wako ni kama wingu la asubuhi, kama umande unaoondoka mapema.
5 Kanaafuu ani raajota kootiin isin cicciree dubbii afaan kootiin isin fixe; murtiin koos akkuma aduu ni baʼa.
Kwa hiyo nimewavunja vipande vipande kwa vinywa vya manabii, nimewaua kwa maneno ya kinywa changu. Maagizo yako ni kama nuru inayoangaza.
6 Ani araaran fedha malee aarsaa hin fedhuutii; aarsaa gubamu caalaa Waaqa beekuu nan fedha.
Kwa maana natamani uaminifu wala si dhabihu, na kumjua Mungu kuliko sadaka za kuteketezwa.
7 Isaan akkuma Addaam kakuu cabsaniiru; achittis anaaf hin amanamne.
Kama Adamu wamevunja agano; hawakuwa waaminifu kwangu.
8 Giliʼaad magaalaa hamootaa kan dhiigaan faalamtee dha.
Gileadi ni jiji la wahalifu wenye miguu ya damu.
9 Akkuma saamtuun riphxee nama eeggattu sana, gareen lubootaas akkasuma godhu; isaan yakka qaanessaa hojjechuudhaan karaa Sheekem irratti nama ajjeesu.
Kama makundi ya wanyang'anyi wanaomngojea mtu, hivyo makuhani hujiunga pamoja kufanya mauaji kwa njia ya Shekemu; wamefanya uhalifu wa aibu.
10 Ani mana Israaʼel keessatti waan suukaneessaa tokko argeera. Achitti Efreem ni sagaagale; Israaʼelis ni xuraaʼe.
Katika nyumba ya Israeli nimeona jambo baya; Uzinzi wa Efraimu ukopale, na Israeli ametiwa unajisi.
11 “Yaa Yihuudaa sittis haamamuun murteeffameera. “Yeroo ani boojuu saba koo deebisutti,
Kwa maana wewe, Yuda, mavuno yameteuliwa, nitakaporudisha urithi wa watu wangu.

< Hooseʼaa 6 >