< Hooseʼaa 4 >

1 Yaa Israaʼeloota, Waaqayyo isin warra biyyattii keessa jiraattan irratti himata dhiʼeeffatu waan qabuuf dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa: “Biyyattii keessa amanamummaan, jaalallii fi Waaqa beekuun hin jiru.
Sikilizeni neno la Bwana, enyi watu wa Israeli. Bwana ana mashtaka dhidi ya wenyeji wa nchi, kwa sababu hakuna ukweli au uaminifu wa agano, hakuna ujuzi wa Mungu katika nchi.
2 Abaaruu, sobuu fi ajjeesuu, hannaa fi ejja qofatu jira; isaan kakuu hunda ni cabsu; dhiiga dhangalaasuutu baayʼata.
Kuna laana, uongo, mauaji, wizi na uzinzi. Watu wamevunja mipaka yote, na damu inakuja baada ya damu.
3 Sababii kanaaf biyyattiin ni gadditi; warri ishee keessa jiraatan hundis ni badu; bineensonni bosonaa, simbirroonni samiitii fi qurxummiin galaanaa dhumaa jiru.
Kwa hiyo nchi inakauka, na kila mtu aliyeishi ndani yake anaangamia; wanyama katika mashamba na ndege angani, hata samaki katika bahari, wanaondolewa.
4 “Garuu namni tokko iyyuu dubbii hin kaasin; namni tokko iyyuu nama kaan hin himatin; sabni keessan akkuma nama luba himatu tokkoo ti.
Lakini usiruhusu mtu yeyote kuleta mashtaka; msiruhusu mtu yeyote ahukumu mtu mwingine. Kwa maana ninyi ndio makuhani, ninaowashtaki.
5 Ati halkanii fi guyyaa gufatta; raajonnis isin wajjin gufatu. Kanaafuu ani haadha kee nan balleessa;
Ninyi makuhani mtajikwaa wakati wa mchana; manabii pia watajikwaa pamoja nanyi usiku, nami nitamwangamiza mama yako.
6 sabni koo beekumsa dhabuudhaan badeera. “Waan ati beekumsa tuffatteef anis akka ati luba naaf hin taaneef si tuffadheera; sababii ati seera Waaqa keetii gatteef anis ilmaan kee nan gata.
Watu wangu wanaharibiwa kwa sababu ya ukosefu wa maarifa. Kwa sababu makuhani wamekataa maarifa, nami nitawakataa msiwe makuhani kwangu. Kwa sababu umesahau sheria yangu, ingawa mimi ni Mungu wako, nami pia nitasahau watoto wako.
7 Luboonni akkuma baayʼachaa deemaniin, akkasuma cubbuu natti hojjechuu baayʼisan; isaan ulfina isaanii salphinatti geeddaraniiru.
Makuhani wengi waliongezeka, zaidi walifanya dhambi dhidi yangu. Walibadilisha heshima zao kwa aibu.
8 Isaan cubbuu saba kootii nyaatu; hammina isaaniis ni hawwu.
Wanajilisha dhambi ya watu wangu; wao ni wenye tamaa zaidi ya uovu wao.
9 Wanni kunis akkuma sabaa, akkuma lubootaa taʼa. Anis sababii karaa isaaniitiif lachan isaanii iyyuu nan adaba; hojii isaaniis isaanumatti nan deebisa.
Itakuwa sawa kwa watu kama kwa makuhani: nitawaadhibu wote kwa matendo yao; Nitawalipa kwa matendo yao.
10 “Isaan ni nyaatu; garuu hin quufan; ni sagaagalu; garuu hin baayʼatan; kunis sababii isaan Waaqayyoon dhiisanii dabarsanii
Watakula lakini hawatashiba; watafanya uzinzi lakini hawataongezeka, kwa sababu wamekwenda mbali na Bwana.
11 sagaagaltummaatti, daadhii wayinii moofaa fi haaraa hubannaa isaanii fudhatetti of kennaniif.
Wanapenda uasherati, divai, na divai mpya, ambayo imechukua uelewa wao.
12 Sabni koo waaqa muka irraa tolfame gorsa gaafata; uleen falfaltuus isaanitti dubbata. Hafuurri sagaagaltummaa karaa irraa isaan jalʼisa; isaan Waaqa isaaniitiif hin amanaman.
Watu wangu hutaka shauri kwa sanamu zao za mbao, na fimbo zao za kutembelea huwapa unabii. Kwa maana mawazo ya uasherati yamewadanganya, na wamefanya kama makahaba badala ya kuwa mwaminifu kwa Mungu wao.
13 Isaan fiixeewwan tulluu irratti qalma, aarsaa gubamu immoo gaarran irratti, qilxuu jalatti, alaltuu fi hoomii gaaddisni isaanii namatti tolu jalatti dhiʼeessu. Kanaafuu intallan keessan sagaagaltummaatti deebiʼu; niitonni ilmaan keessaniis ejjatti deebiʼu.
Wanatoa sadaka juu ya milima na kuteketeza uvumba kwenye milima, chini ya mialoni, milibua na miela, kwa sababu kivuli ni nzuri. Basi binti zenu hufanya uasherati, na binti zenu wanazini.
14 “Sababii warri dhiiraa iyyuu sagaagaltummaatti deebiʼanii galma waaqeffannaa ejjaatti qalma dhiʼeessaniif, yommuu intallan keessan sagaagaltummaatti deebiʼanitti yookaan yommuu niitonni ilmaan keessanii ejjatti deebiʼanitti ani isaan hin adabu; sabni hubannaa hin qabne ni badaatii!
Mimi siwaadhibu binti zako wakati wanachagua kutenda uasherati, wala binti zako wakati wazini. Kwa maana wanaume pia wanajitoa kwa makahaba, na hutoa dhabihu ili waweze kufanya vitendo vya uasherati na makahaba. Hivyo watu wasiofahamu wataangamizwa.
15 “Yaa Israaʼel, ati yoo ejja hojjette illee akka Yihuudaan yakka qabaatu hin godhin. “Isin Gilgaal hin dhaqinaa; Beet Aawwenittis ol hin baʼinaa. ‘Dhugaa Waaqayyo jiraataa!’ jettaniis hin kakatinaa.
Ingawa wewe, Israeli, umefanya uzinzi, lakini Yuda asiwe na hatia. Ninyi msiende Gilgali; msiende hadi Beth Aven. Wala msiape, “Aishivyo Bwana.”
16 Israaʼeloonni akkuma goromsa mataa jabaate tokkoo mataa jabeeyyii taʼaniiru. Yoos Waaqayyo akkamiin akka xobbaallaawwan hoolaatti kaloo balʼaatti isaan bobbaasuu dandaʼa ree?
Kwa maana Israeli amefanya ukaidi, kama ndama mkaidi. Je! Bwana anaweza kuwaleta kwenye malisho kama kondoo mahali penye nafasi?
17 Efreem waaqota tolfamootti galeera; isa ittuma dhiisaa!
Efraimu alijiunga na sanamu; mwache peke yake.
18 Dhugaatiin isaanii yoo dhume iyyuu isaan sagaagaltummaa isaanii ittuma fufu; bulchitoonni isaanii ulfina irra qaanii jaallatu.
Hata wakati kileo chao kimeondoka wakaendelea kufanya uzinzi; watawala wake hupenda sana aibu yao.
19 Bubbeen hamaan haxaaʼee isaan balleessa; aarsaan isaaniis qaanii isaanitti fida.
Upepo utamfunga kwa mabawa yake; nao wataona aibu kwa sababu ya dhabihu zao.

< Hooseʼaa 4 >