< Hooseʼaa 4 >

1 Yaa Israaʼeloota, Waaqayyo isin warra biyyattii keessa jiraattan irratti himata dhiʼeeffatu waan qabuuf dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa: “Biyyattii keessa amanamummaan, jaalallii fi Waaqa beekuun hin jiru.
以色列人哪,你们当听耶和华的话。 耶和华与这地的居民争辩, 因这地上无诚实, 无良善,无人认识 神。
2 Abaaruu, sobuu fi ajjeesuu, hannaa fi ejja qofatu jira; isaan kakuu hunda ni cabsu; dhiiga dhangalaasuutu baayʼata.
但起假誓,不践前言, 杀害,偷盗,奸淫,行强暴, 杀人流血,接连不断。
3 Sababii kanaaf biyyattiin ni gadditi; warri ishee keessa jiraatan hundis ni badu; bineensonni bosonaa, simbirroonni samiitii fi qurxummiin galaanaa dhumaa jiru.
因此,这地悲哀, 其上的民、田野的兽、 空中的鸟必都衰微, 海中的鱼也必消灭。
4 “Garuu namni tokko iyyuu dubbii hin kaasin; namni tokko iyyuu nama kaan hin himatin; sabni keessan akkuma nama luba himatu tokkoo ti.
然而,人都不必争辩,也不必指责, 因为这民与抗拒祭司的人一样。
5 Ati halkanii fi guyyaa gufatta; raajonnis isin wajjin gufatu. Kanaafuu ani haadha kee nan balleessa;
你这祭司必日间跌倒; 先知也必夜间与你一同跌倒; 我必灭绝你的母亲。
6 sabni koo beekumsa dhabuudhaan badeera. “Waan ati beekumsa tuffatteef anis akka ati luba naaf hin taaneef si tuffadheera; sababii ati seera Waaqa keetii gatteef anis ilmaan kee nan gata.
我的民因无知识而灭亡。 你弃掉知识, 我也必弃掉你, 使你不再给我作祭司。 你既忘了你 神的律法, 我也必忘记你的儿女。
7 Luboonni akkuma baayʼachaa deemaniin, akkasuma cubbuu natti hojjechuu baayʼisan; isaan ulfina isaanii salphinatti geeddaraniiru.
祭司越发增多,就越发得罪我; 我必使他们的荣耀变为羞辱。
8 Isaan cubbuu saba kootii nyaatu; hammina isaaniis ni hawwu.
他们吃我民的赎罪祭, 满心愿意我民犯罪。
9 Wanni kunis akkuma sabaa, akkuma lubootaa taʼa. Anis sababii karaa isaaniitiif lachan isaanii iyyuu nan adaba; hojii isaaniis isaanumatti nan deebisa.
将来民如何, 祭司也必如何; 我必因他们所行的惩罚他们, 照他们所做的报应他们。
10 “Isaan ni nyaatu; garuu hin quufan; ni sagaagalu; garuu hin baayʼatan; kunis sababii isaan Waaqayyoon dhiisanii dabarsanii
他们吃,却不得饱; 行淫,而不得立后; 因为他们离弃耶和华, 不遵他的命。
11 sagaagaltummaatti, daadhii wayinii moofaa fi haaraa hubannaa isaanii fudhatetti of kennaniif.
奸淫和酒,并新酒, 夺去人的心。
12 Sabni koo waaqa muka irraa tolfame gorsa gaafata; uleen falfaltuus isaanitti dubbata. Hafuurri sagaagaltummaa karaa irraa isaan jalʼisa; isaan Waaqa isaaniitiif hin amanaman.
我的民求问木偶, 以为木杖能指示他们; 因为他们的淫心使他们失迷, 他们就行淫离弃 神, 不守约束,
13 Isaan fiixeewwan tulluu irratti qalma, aarsaa gubamu immoo gaarran irratti, qilxuu jalatti, alaltuu fi hoomii gaaddisni isaanii namatti tolu jalatti dhiʼeessu. Kanaafuu intallan keessan sagaagaltummaatti deebiʼu; niitonni ilmaan keessaniis ejjatti deebiʼu.
在各山顶,各高冈的橡树、 杨树、栗树之下,献祭烧香, 因为树影美好。 所以,你们的女儿淫乱, 你们的新妇行淫。
14 “Sababii warri dhiiraa iyyuu sagaagaltummaatti deebiʼanii galma waaqeffannaa ejjaatti qalma dhiʼeessaniif, yommuu intallan keessan sagaagaltummaatti deebiʼanitti yookaan yommuu niitonni ilmaan keessanii ejjatti deebiʼanitti ani isaan hin adabu; sabni hubannaa hin qabne ni badaatii!
你们的女儿淫乱, 你们的新妇行淫, 我却不惩罚她们; 因为你们自己离群与娼妓同居, 与妓女一同献祭。 这无知的民必致倾倒。
15 “Yaa Israaʼel, ati yoo ejja hojjette illee akka Yihuudaan yakka qabaatu hin godhin. “Isin Gilgaal hin dhaqinaa; Beet Aawwenittis ol hin baʼinaa. ‘Dhugaa Waaqayyo jiraataa!’ jettaniis hin kakatinaa.
以色列啊,你虽然行淫, 犹大却不可犯罪。 不要往吉甲去, 不要上到伯·亚文, 也不要指着永生的耶和华起誓。
16 Israaʼeloonni akkuma goromsa mataa jabaate tokkoo mataa jabeeyyii taʼaniiru. Yoos Waaqayyo akkamiin akka xobbaallaawwan hoolaatti kaloo balʼaatti isaan bobbaasuu dandaʼa ree?
以色列倔强, 犹如倔强的母牛; 现在耶和华要放他们, 如同放羊羔在宽阔之地。
17 Efreem waaqota tolfamootti galeera; isa ittuma dhiisaa!
以法莲亲近偶像, 任凭他吧!
18 Dhugaatiin isaanii yoo dhume iyyuu isaan sagaagaltummaa isaanii ittuma fufu; bulchitoonni isaanii ulfina irra qaanii jaallatu.
他们所喝的已经发酸, 他们时常行淫, 他们的官长最爱羞耻的事。
19 Bubbeen hamaan haxaaʼee isaan balleessa; aarsaan isaaniis qaanii isaanitti fida.
风把他们裹在翅膀里; 他们因所献的祭必致蒙羞。

< Hooseʼaa 4 >