< Hooseʼaa 3 >
1 Waaqayyo akkana naan jedhe; “Namni biraa ishee jaallatee isheen sagaagaltuu taatu iyyuu, ati dhaqiitii ammas niitii keetti jaalala kee argisiisi. Akkuma Waaqayyoo utuma isaan waaqota biraatti deebiʼanii bixxillee wayinii jaallatanuu Israaʼeloota jaallate sana atis ishee jaalladhu.”
Ubangiji ya ce mini, “Ka tafi, ka sāke nuna wa matarka ƙauna, ko da yake wani yana son ta, ita kuma mazinaciya ce. Ka ƙaunace ta yadda Ubangiji yake ƙaunar Isra’ilawa, ko da yake sun juya ga waɗansu alloli suna kuma ƙauna wainar zabibi mai tsarki.”
2 Kanaafuu ani meetii saqilii kudha shaniin, garbuu hoomeerii tokkoo fi walakkaatiin ishee nan bitadhe.
Ta haka na saye ta da shekel goma sha biyar na azurfa da kuma wajen buhu na sha’ir.
3 Ani ergasii akkana nan jedheen; “Ati bara hedduu na wajjin jiraachuu qabda; ati sagaagaltuu taʼuu yookaan nama kam iyyuu wajjin tokko taʼuu hin qabdu; ani si wajjin nan jiraadha.”
Sai na faɗa mata, “Za ki zauna tare da ni kwanaki masu yawa; kada ki yi karuwanci ko ki yi abuta da wani namiji, ni kuwa zan zauna tare da ke.”
4 Israaʼeloonni mootii yookaan ilma mootii malee, aarsaa yookaan utubaa waaqeffannaa malee dirata yookaan waaqota tolfamoo malee bara baayʼee ni jiraatuutii.
Gama Isra’ilawa za su yi kwanaki masu yawa ba tare da sarki ko shugaba ba, babu hadaya ko keɓaɓɓun duwatsu, babu efod ko gunki.
5 Ergasii immoo Israaʼeloonni deebiʼanii Waaqayyo Waaqa isaaniitii fi Daawit mootii isaanii barbaadu. Isaan bara dhumaa keessa hollachaa gara Waaqayyootii fi gara eebba isaa ni dhufu.
Daga baya Isra’ilawa za su dawo su nemi Ubangiji Allahnsu da kuma Dawuda sarkinsu. Za su je da rawan jiki wajen Ubangiji da kuma ga albarkunsa a kwanakin ƙarshe.