< Hooseʼaa 2 >
1 “Obboloota keessaniin, ‘Saba koo’ obboleettota keessaniin immoo, ‘Jaallatamtuu koo’ jedhaa.
“Waambie ndugu zako, ‘Watu wangu,’ na pia waambie dada zako, ‘Wapendwa wangu.’
2 “Haadha keessanitti dheekkamaa; isheetti dheekkamaa; isheen niitii koo mitiitii; anis dhirsa ishee miti. Isheen fuula ishee irraa ilaalcha ejjummaa haa balleessitu; amanamummaa dhabuus harma ishee gidduudhaa haa balleessitu.
“Mkemeeni mama yenu, mkemeeni, kwa maana yeye si mke wangu, nami si mume wake. Aondoe sura ya uzinzi katika uso wake na uzinzi kati ya matiti yake.
3 Yoo kanaa achii ani wayyaa ishee irraa baasee akkuma guyyaa isheen dhalatte sanaa qullaa ishee nan hambisaa; akkuma gammoojjii ishee nan godha; lafa goggogaatti ishee nan geeddara; dheebuudhaanis ishee nan ajjeesa.
Kama sivyo nitamvua nguo zake awe uchi na kumwacha uchi kama siku ile aliyozaliwa. Nitamfanya kama jangwa, nitamgeuza awe nchi ya kiu, nami nitamuua kwa kiu.
4 Isaan ijoollee ejjummaa waan taʼaniif, ani ijoollee isheetiif garaa hin laafu.
Sitaonyesha upendo wangu kwa watoto wake, kwa sababu ni watoto wa uzinzi.
5 Haati isaanii amanamummaa dhabdee karaa salphinaatiin isaan ulfoofte. Isheen, ‘Ani warra na jaallatu, warra nyaata koo fi bishaan koo, warra suufii koo fi wayyaa quncee talbaa irraa hojjetame, warra dibataa fi dhugaatii koo naaf kennan duukaa nan buʼa’ jette.
Mama yao amekosa uaminifu na amewachukua mimba katika aibu. Gomeri alisema, ‘Nitawaendea wapenzi wangu, ambao hunipa chakula changu na maji yangu, sufu yangu na kitani yangu, mafuta yangu na kinywaji changu.’
6 Kanaafuu ani haafa qoraattiitiin daandii ishee nan cufa; akka isheen karaa ittiin baatu hin arganneef dallaa itti nan ijaara.
Kwa hiyo mimi Mungu nitaizuia njia yake kwa vichaka vya miiba, nitamjengea ukuta ili kwamba asiweze kutoka.
7 Isheen michoota ishee duukaa buuti; garuu isaan hin qaqqabdu; isaan barbaaddi; garuu hin argitu. Ergasii isheen, ‘Ani akkuma duraa gara dhirsa kootti nan deebiʼa; amma caalaa yeroo sana wayya tureetii’ jetti.
Gomeri atawafuatia wapenzi wake lakini hatawapata; atawatafuta lakini hatawapata. Kisha atasema, ‘Nitarudi kwa mume wangu kama kwanza, kwa maana nilikuwa na hali njema zaidi kuliko sasa.’
8 Isheen akka ani midhaan, daadhii wayinii haaraa fi zayitii isheedhaaf kenne, meetii fi warqee isaan Baʼaaliif dhiʼeessanis kan ishee irratti dhangalaase anuma akka taʼe hin beekne.
Gomeri hajakubali kuwa mimi ndiye niliyempa nafaka, divai mpya na mafuta, niliyemwongezea fedha na dhahabu waliyoitumia kwa kumtumikia Baali.
9 “Kanaafuu ani yeroo inni bilchaatutti midhaan koo, daadhii wayinii koo haaraa illee yeroo inni qophaaʼutti irraa nan fudhadha. Ani suufii koo fi wayyaa koo kan quncee talbaa irraa hojjetame kanan qullaa ishee dhoksuudhaaf kenneefis amma ishee irraa nan fudhadha.
“Kwa hiyo nitachukua nafaka yangu wakati itakapokomaa na divai yangu mpya wakati itakapokuwa tayari. Nitamnyangʼanya sufu yangu na kitani yangu iliyokusudiwa kufunika uchi wake.
10 Ani amma ijuma michoota ishee duratti addaggummaa ishee nan saaxila; namni tokko iyyuu harka koo keessaa ishee hin baasu.
Basi sasa nitaufunua ufisadi wake mbele ya wapenzi wake; hakuna yeyote atakayemtoa mikononi mwangu.
11 Ani ayyaana ishee hunda jechuunis, ayyaana ishee kan waggaa, ayyaana ishee kan gaafa baatii haaraa, ayyaana ishee kan Sanbataatii fi ayyaanota ishee kanneen murtaaʼan hunda nan hambisa.
Nitakomesha furaha na macheko yake yote: sikukuu zake za mwaka, sikukuu za Miandamo ya Mwezi, siku zake za Sabato, sikukuu zake zote zilizoamriwa.
12 Ani muka wayinii isheetii fi muka harbuu ishee kan isheen michoota kootu naaf kenne jettu sana nan barbadeessa. Ani daggala isaan nan godha; bineensi bosonaa isaan dheeda.
Nitaiharibu mizabibu yake na mitini yake, ambayo alisema yalikuwa malipo yake kutoka kwa wapenzi wake; nitaifanya kuwa kichaka, nao wanyama pori wataila.
13 Ani guyyoota isheen itti Baʼaaliif ixaana aarsite sanaaf ishee nan adaba; isheen qubeelaa fi faaya garaa garaatiin of miidhagsitee michoota ishee duukaa butee na irraanfatte” jedha Waaqayyo.
Nitamwadhibu kwa ajili ya siku alizowafukizia uvumba Mabaali; alipojipamba kwa pete na kwa vito vya thamani, na kuwaendea wapenzi wake, lakini mimi alinisahau,” asema Bwana.
14 “Kanaafuu ani amma ishee nan sossoba; gara lafa gammoojjiitti ishee geessee jaalalaan itti nan dubbadha.
“Kwa hiyo sasa nitamshawishi; nitamwongoza hadi jangwani na kuzungumza naye kwa upole.
15 Ani iddoo dhaabaa wayinii ishee deebisee nan kennaaf; Sulula Aakooris balbala abdii nan godha. Isheen achitti akkuma gaafa shamarrummaa isheetti, akkuma gaafa biyya Gibxii baateetti sirbiti.
Huko nitamrudishia mashamba yake ya mizabibu, nami nitalifanya Bonde la Akori mlango wa matumaini. Huko ataimba kama alivyofanya katika siku za ujana wake, kama siku zile alizotoka Misri.
16 “Ati gaafa sana” jedha Waaqayyo; “‘Dhirsa koo’ jettee na waamta; ati lammata deebitee, ‘Gooftaa koo’ naan hin jettu.
“Katika siku ile,” asema Bwana, “utaniita mimi ‘Mume wangu’; hutaniita tena mimi ‘Bwana wangu.’
17 Ani maqaawwan Baʼaal afaan isheetii nan balleessa; maqaan isaanii lammata hin dhaʼamu.
Nitaondoa majina ya Mabaali kutoka midomoni mwake, wala hataomba tena kwa majina yao.
18 Ani gaafas bineensa bosonaatii fi simbirroota samii wajjin, uumamawwan lafa irra munyuuqan wajjin isaaniif kakuu nan gala. Ani akka isin nagaadhaan bultaniif xiyya, goraadee fi waraana lafa irraa nan balleessa.
Katika siku ile nitafanya Agano kwa ajili yao na wanyama wa kondeni, na ndege wa angani, na viumbe vile vitambaavyo ardhini. Upinde, upanga na vita, nitaondolea mbali katika nchi, ili kwamba wote waweze kukaa salama.
19 Ani bara baraan ofii kootiif sin kaadhimadha; ani qajeelummaa fi dhugaadhaan jaalalaa fi gara laafinaan sin kaadhimadha.
Nitakuposa uwe wangu milele; nitakuposa kwa uadilifu na haki, kwa upendo na huruma.
20 Ani amanamummaadhaan sin kaadhimadha; atis Waaqayyoon ni beekta.”
Nitakuposa kwa uaminifu, nawe utamkubali Bwana.
21 Waaqayyo akkana jedha; “Ani gaafas deebii siif nan kenna; ani samiif deebii nan kenna; samiinis lafaaf deebii ni kenna;
“Katika siku ile nitajibu,” asema Bwana, “nitajibu kwa anga, nazo anga zitajibu kwa nchi;
22 laftis midhaaniif, daadhii wayinii haaraa fi zayitiif deebii kenniti; isaanis Yizriʼeeliif deebii kennu.
nayo nchi itajibu kwa nafaka, divai mpya na mafuta, navyo vitajibu kwa Yezreeli.
23 Ani ofii kootiif lafa irra ishee nan dhaabbadha; ani kanan, ‘Ati jaalallee koo miti’ jedheen sana nan jaalladha. Ani warra, ‘Isin saba koo miti’ jedhaman sanaan, ‘Isin saba koo ti’ nan jedha; isaanis, ‘Ati Waaqa koo ti’ naan jedhu.”
Nitampanda katika nchi kwa ajili yangu mwenyewe; nami nitaonyesha pendo langu kwake yule ambaye nilimwita, ‘Si mpenzi wangu.’ Nitawaambia wale walioitwa, ‘Sio watu wangu,’ ‘Ninyi ni watu wangu’; nao watasema, ‘Wewe ndiwe Mungu wangu.’”