< Hooseʼaa 2 >

1 “Obboloota keessaniin, ‘Saba koo’ obboleettota keessaniin immoo, ‘Jaallatamtuu koo’ jedhaa.
Call ye your brothers, 'Ammi [[my people]]; and your sisters, Ruchamah [[That hath obtained mercy]].
2 “Haadha keessanitti dheekkamaa; isheetti dheekkamaa; isheen niitii koo mitiitii; anis dhirsa ishee miti. Isheen fuula ishee irraa ilaalcha ejjummaa haa balleessitu; amanamummaa dhabuus harma ishee gidduudhaa haa balleessitu.
Contend with your mother, contend; for she is not my wife, and I am not her husband; but let her put away her prostitution from her face, and her adulteries from between her breasts:
3 Yoo kanaa achii ani wayyaa ishee irraa baasee akkuma guyyaa isheen dhalatte sanaa qullaa ishee nan hambisaa; akkuma gammoojjii ishee nan godha; lafa goggogaatti ishee nan geeddara; dheebuudhaanis ishee nan ajjeesa.
Lest I strip her naked, and set her, as on the day that she was born, and make her as a wilderness, and render her like a dry land, and let her die with thirst.
4 Isaan ijoollee ejjummaa waan taʼaniif, ani ijoollee isheetiif garaa hin laafu.
And upon her children will I not have mercy; for they are children of prostitution;
5 Haati isaanii amanamummaa dhabdee karaa salphinaatiin isaan ulfoofte. Isheen, ‘Ani warra na jaallatu, warra nyaata koo fi bishaan koo, warra suufii koo fi wayyaa quncee talbaa irraa hojjetame, warra dibataa fi dhugaatii koo naaf kennan duukaa nan buʼa’ jette.
For their mother hath played the harlot; she that conceived them hath done shamefully; for she said, I will go after my lovers, that give me my bread and my water, my wool and my flax, my oil and my drink.
6 Kanaafuu ani haafa qoraattiitiin daandii ishee nan cufa; akka isheen karaa ittiin baatu hin arganneef dallaa itti nan ijaara.
Therefore, behold, I will hedge up thy way with thorns, and I will close it up with a fence, that she shall not find her paths.
7 Isheen michoota ishee duukaa buuti; garuu isaan hin qaqqabdu; isaan barbaaddi; garuu hin argitu. Ergasii isheen, ‘Ani akkuma duraa gara dhirsa kootti nan deebiʼa; amma caalaa yeroo sana wayya tureetii’ jetti.
And she will make pursuit after her lovers, but she shall not overtake them; and she will seek them, but shall not find them: then will she say, I will go and return to my first husband; for it was better with me then than now.
8 Isheen akka ani midhaan, daadhii wayinii haaraa fi zayitii isheedhaaf kenne, meetii fi warqee isaan Baʼaaliif dhiʼeessanis kan ishee irratti dhangalaase anuma akka taʼe hin beekne.
But she indeed did not acknowledge, that it was I that had given her the corn, and the wine, and the oil, and multiplied for her silver and gold, which they devoted for Ba'al.
9 “Kanaafuu ani yeroo inni bilchaatutti midhaan koo, daadhii wayinii koo haaraa illee yeroo inni qophaaʼutti irraa nan fudhadha. Ani suufii koo fi wayyaa koo kan quncee talbaa irraa hojjetame kanan qullaa ishee dhoksuudhaaf kenneefis amma ishee irraa nan fudhadha.
Therefore will I turn back, and take away my corn in its time, and my wine in its season, and I will snatch away my wool and my flax, [given] to cover her nakedness.
10 Ani amma ijuma michoota ishee duratti addaggummaa ishee nan saaxila; namni tokko iyyuu harka koo keessaa ishee hin baasu.
And now will I lay open her disgrace before the eyes of her lovers, and no man shall deliver her out of my hand.
11 Ani ayyaana ishee hunda jechuunis, ayyaana ishee kan waggaa, ayyaana ishee kan gaafa baatii haaraa, ayyaana ishee kan Sanbataatii fi ayyaanota ishee kanneen murtaaʼan hunda nan hambisa.
And I will cause to cease all her mirth, her festival, her new-moon, and her sabbath, and all her appointed feasts.
12 Ani muka wayinii isheetii fi muka harbuu ishee kan isheen michoota kootu naaf kenne jettu sana nan barbadeessa. Ani daggala isaan nan godha; bineensi bosonaa isaan dheeda.
And I will make desolate her vine and her fig-tree, whereof she hath said, These are my reward which my lovers have given me: and I will change them into a forest, and the beasts of the field shall devour them.
13 Ani guyyoota isheen itti Baʼaaliif ixaana aarsite sanaaf ishee nan adaba; isheen qubeelaa fi faaya garaa garaatiin of miidhagsitee michoota ishee duukaa butee na irraanfatte” jedha Waaqayyo.
And I will visit upon her the days of the Be'alim, to which she used to burn incense, when she decked herself with her earrings and her jewels, and went after her lovers, and me she forgot, saith the Lord.
14 “Kanaafuu ani amma ishee nan sossoba; gara lafa gammoojjiitti ishee geessee jaalalaan itti nan dubbadha.
Therefore, behold, will I allure her, and lead her forth into the wilderness, and I will speak comfortingly unto her heart.
15 Ani iddoo dhaabaa wayinii ishee deebisee nan kennaaf; Sulula Aakooris balbala abdii nan godha. Isheen achitti akkuma gaafa shamarrummaa isheetti, akkuma gaafa biyya Gibxii baateetti sirbiti.
And I will give her [again] her vineyards from there, and the valley of 'Achor [[sorrow]] as an entrance for hope: and she shall sing there, as in the days of her youth, and as on the day of her coming up out of the land of Egypt.
16 “Ati gaafa sana” jedha Waaqayyo; “‘Dhirsa koo’ jettee na waamta; ati lammata deebitee, ‘Gooftaa koo’ naan hin jettu.
And it shall happen at that day, saith the Lord, that thou shalt call me Ishi [[my husband]], and shalt not call me any more Ba'ali [[my lord]].
17 Ani maqaawwan Baʼaal afaan isheetii nan balleessa; maqaan isaanii lammata hin dhaʼamu.
For I will remove the names of the Be'alim out of her mouth, and they shall no more be mentioned by their name.
18 Ani gaafas bineensa bosonaatii fi simbirroota samii wajjin, uumamawwan lafa irra munyuuqan wajjin isaaniif kakuu nan gala. Ani akka isin nagaadhaan bultaniif xiyya, goraadee fi waraana lafa irraa nan balleessa.
And I will make for them a covenant on that day with the beasts of the field, and with the fowls of the heaven, and with the creeping things of the ground: and bow, and sword, and war I will break away out of the land, and I will cause them to lie down in safety.
19 Ani bara baraan ofii kootiif sin kaadhimadha; ani qajeelummaa fi dhugaadhaan jaalalaa fi gara laafinaan sin kaadhimadha.
And I will betroth thee unto me for ever: yea, I will betroth thee unto me in righteousness, and in justice, and in loving-kindness, and in mercy.
20 Ani amanamummaadhaan sin kaadhimadha; atis Waaqayyoon ni beekta.”
And I will betroth thee unto me in faithfulness; and thou shalt know the Lord.
21 Waaqayyo akkana jedha; “Ani gaafas deebii siif nan kenna; ani samiif deebii nan kenna; samiinis lafaaf deebii ni kenna;
And it shall come to pass on that day, that I will answer prayer, saith the Lord, I will answer the heavens, and they shall answer the earth;
22 laftis midhaaniif, daadhii wayinii haaraa fi zayitiif deebii kenniti; isaanis Yizriʼeeliif deebii kennu.
And the earth shall answer the corn, and the wine, and the oil; and they shall answer Yizre'el.
23 Ani ofii kootiif lafa irra ishee nan dhaabbadha; ani kanan, ‘Ati jaalallee koo miti’ jedheen sana nan jaalladha. Ani warra, ‘Isin saba koo miti’ jedhaman sanaan, ‘Isin saba koo ti’ nan jedha; isaanis, ‘Ati Waaqa koo ti’ naan jedhu.”
And I will sow her for me in the land; and I will have mercy upon “Her that had not obtained mercy” [[Lo-ruchamah]]; and I will say to those who were “Not my people” [[Lo-'ammi]], Thou art my people: and they shall say, Thou art my God.

< Hooseʼaa 2 >