< Hooseʼaa 13 >

1 Yeroo Efreem dubbatetti namoonni ni hollatan; inni Israaʼel keessatti ol ol jedhee ture. Garuu yakka Baʼaalin waaqeffachuutiin duʼe.
Kale Efereimu ankati akayankhula, anthu ankanjenjemera; anali wolemekezeka mu Israeli. Koma analakwa popembedza Baala, motero anafa.
2 Isaan ammas itti deddeebiʼanii cubbuu hojjetu; meetii ofii isaaniitiin waaqa tolfamaa tolfatu; fakkii mimmiidhagaa kanneen hundi isaanii harka ogeeyyiitiin hojjetaman. Waaʼee saba kanaas, “Isaan nama qalanii aarsaa dhiʼeessu; waaqa tolfamaa jabbiis ni dhungatu!” jedhame.
Tsopano akunka nachimwirachimwirabe; akudzipangira mafano pogwiritsa ntchito siliva wawo, zifanizo zopangidwa mwaluso, zonsezo zopangidwa ndi amisiri. Amanena za anthu awa kuti, “Amatenga munthu ndi kumupereka nsembe ndipo amapsompsona fano la mwana wangʼombe.”
3 Kanaafuu isaan akkuma hurrii ganamaa, akkuma fixeensa barii baduu, akkuma habaqii oobdii midhaan itti dhaʼan irraa kaʼuu akkuma aara foddaadhaan baʼuu ni taʼu.
Choncho adzakhala ngati nkhungu yammawa, ngati mame amene amakamuka msanga, ngati mungu wowuluka kuchokera pa malo opunthira tirigu, ngati utsi umene ukutulukira pa zenera.
4 “Ani garuu yeroo ati Gibxii baatee jalqabee Waaqayyo Waaqa kee ti. Ati ana malee Waaqa tokko illee beekuu hin qabdu; ana malee fayyisaa tokko illee hin qabdu.
Koma Ine ndine Yehova Mulungu wanu, amene ndinakutulutsani mu Igupto. Simuyenera kudziwa Mulungu wina, koma Ine ndekha, palibe Mpulumutsi wina kupatula Ine.
5 Ani gammoojjii keessatti, biyya hoʼa gubaa keessatti si kunuunseera.
Ndinakusamalira mʼchipululu, mʼdziko lotentha kwambiri.
6 Yeroo ani isaan sooretti ni quufan; isaan yeroo quufanitti of tuulan; ergasii immoo na irraanfatan.
Pamene ndinawadyetsa, iwo anakhuta; iwo atakhuta anayamba kunyada; ndipo anandiyiwala Ine.
7 Kanaafuu ani akkuma leencaa isaanitti nan taʼa; akkuma qeerransaa riphee daandii irratti isaan nan eeggadha.
Motero ndidzawalumphira ngati mkango, ndidzawabisalira mu msewu ngati kambuku.
8 Ani akkuma amaaketa ilmaan ishee jalaa fudhatamaniitti isaan lolee garaa isaanii nan baqaqsa. Ani akkuma leencaatti qorqee isaan nan nyaadha; bineensi bosonaa gargar isaan ciccira.
Ngati chimbalangondo cholandidwa ana ake, ndidzawambwandira ndi kuwathyolathyola. Ndidzawapwepweta ngati mkango; chirombo chakuthengo chidzawakhadzula.
9 “Yaa Israaʼel, waan ana gargaaraa kee mormiteef ati baddeerta.
“Iwe Israeli, wawonongedwa, chifukwa ukutsutsana ndi Ine, ukutsutsana ndi mthandizi wako.
10 Akka si oolchuuf mootiin kee eessa jira? Bulchitoonni kee warri magaalaa kee hunda keessaa kanneen ati, ‘Mootii fi ilmaan moototaa naaf kenni’ jettee kadhatte sun eessa jiru?
Kodi mfumu yako ili kuti, kuti ikupulumutse? Olamulira ako a mʼmizinda yonse ali kuti, amene iwe unanena za iwo kuti, ‘Patseni mfumu ndi akalonga?’
11 Ani aarii kootiin mootii siifan kenne; dheekkamsa kootiin immoo isa sirraa nan fudhadhe.
Choncho Ine ndinakupatsani mfumu mwachipseramtima, ndipo ndinayichotsa mwaukali.
12 Balleessaan Efreem walitti kuufamee cubbuun isaas galmeeffameera.
Kulakwa kwa Efereimu kwasungidwa, machimo ake alembedwa mʼbuku.
13 Miixuun akkuma dubartii ciniinsuun qabatteetti isatti dhufa; inni garuu daaʼima wallaalaa dha; inni yommuu yeroon gaʼutti, gadameessa keessaa baʼuu hin fedhu.
Zowawa zonga za mayi pa nthawi yobala mwana zamugwera, koma iye ndi mwana wopanda nzeru, pamene nthawi yake yobadwa yafika iyeyo safuna kutuluka mʼmimba mwa amayi ake.
14 “Ani saba kana humna awwaalaa jalaa nan baraara; duʼa jalaa isaan nan baasa. Yaa duʼa, dhaʼichi kee meerre? Yaa awwaala, balleessuun kee meerre? “Ani gara laafina tokko illee hin qabaadhu; (Sheol h7585)
“Ndidzawapulumutsa ku mphamvu ya manda; ndidzawawombola ku imfa. Kodi iwe imfa, miliri yako ili kuti? Kodi iwe manda, kuwononga kwako kuli kuti? “Sindidzachitanso chifundo, (Sheol h7585)
15 Yoo inni obboloota ofii gidduu jireenya tolaa jiraate iyyuu, bubbeen baʼaa Waaqayyo biraa ni dhufa; lafa gammoojjii keessaa ni bubbisa; burqaan isaa bishaan dhaba; boolli bishaan isaas ni goga. Mankuusni isaa, qabeenyi inni qabu hundis ni saamama.
ngakhale Efereimu akondwe pakati pa abale ake, mphepo ya kummawa yochokera kwa Yehova idzabwera, ikuwomba kuchokera ku chipululu. Kasupe wake adzaphwa ndipo chitsime chake chidzawuma. Chuma chake chonse chamtengowapatali chidzafunkhidwa ndipo chidzatengedwa.
16 Sabni Samaariyaa waan Waaqa isaatti fincileef gatii balleessaa isaa ni argata. Isaan goraadeedhaan dhumu; daaʼimman isaanii lafatti harcaafamu; dubartoonni isaanii kanneen ulfa qabanis ni baqaqfamu.”
Anthu a ku Samariya adzalangidwa chifukwa cha zolakwa zawo, chifukwa anawukira Mulungu wawo. Adzaphedwa ndi lupanga; ana awo adzaphedwa mowamenyetsa pansi, akazi awo oyembekezera adzatumbulidwa pa mimba.”

< Hooseʼaa 13 >