< Hooseʼaa 11 >

1 “Israaʼel yeroo daaʼima turetti, ani isa nan jaalladhe; ani Gibxii ilma koo waameera.
“Wakati Israeli alipokuwa mtoto, nilimpenda, nilimwita mwanangu kutoka Misri.
2 Garuu hammuma ani itti deddeebiʼee isaan waamu, isaan narraa fagaachaa deeman. Isaan Baʼaaliif aarsaa dhiʼeessanii fakkiiwwaniif ixaana aarsan.
Lakini kadiri nilivyomwita Israeli, ndivyo walivyokwenda mbali nami. Walitoa dhabihu kwa Mabaali na kufukiza uvumba kwa vinyago.
3 Kan irree isaanii qabee Efreemin miillaan deemuu barsiise anuma; isaan garuu akka ani isaan fayyise hin hubanne.
Mimi ndiye niliyemfundisha Efraimu kutembea, nikiwashika mikono; lakini hawakutambua kuwa ni mimi niliyewaponya.
4 Ani funyoo gara laafina namaatiin, hidhaa jaalalaatiinis isaan nan harkise; ani morma isaanii irraa waanjoo fuudhee isaan sooruuf gadan jedhe.
Niliwaongoza kwa kamba za huruma ya kibinadamu, kwa vifungo vya upendo; niliondoa nira shingoni mwao nami nikainama kuwalisha.
5 “Isaan qalbii jijjiirrachuu waan didaniif Gibxitti hin deebiʼan; Asoor garuu isaan bulcha.
“Je, hawatarudi Misri, nayo Ashuru haitawatawala kwa sababu wamekataa kutubu?
6 Goraadeen magaalaawwan isaanii keessatti balaqqisa; raajota sobduu isaanii ni barbadeessa; karoora isaaniis ni fashaleessa.
Panga zitametameta katika miji yao, zitaharibu makomeo ya malango yao na kukomesha mipango yao.
7 Sabni koo narraa deebiʼuuf kutateera. Yoo isaan Waaqa Waan Hundaa Olii waammatan iyyuu inni gonkumaa ol isaan hin qabu.
Watu wangu wamedhamiria kuniacha. Hata kama wakimwita Yeye Aliye Juu Sana, kwa vyovyote hatawainua.
8 “Yaa Efreem ani akkamiinan dandaʼee si dhiisa? Yaa Israaʼel ani akkamiinan dabarsee si kenna? Ani akkamiinan dandaʼee akka Adimaa si godha? Akkamiinan akka Zebooʼiim si godha? Garaan koo na keessatti geeddarameera; gara laafinni ani siif qabu guddateera.
“Efraimu, ninawezaje kukuacha? Ee Israeli, ninawezaje kukutoa? Nitawezaje kukutendea kama Adma? Nitawezaje kukufanya kama Seboimu? Moyo wangu umegeuka ndani yangu, huruma zangu zote zimeamshwa.
9 Ani dheekkamsa koo sodaachisaa sana gad hin dhiisu; yookaan ani deebiʼee Efreemin hin balleessu. Ani Waaqa malee nama miti; ani Isa Qulqulluu gidduu kee jiruu dha. Ani dheekkamsaan hin dhufu.
Sitatimiza hasira yangu kali, wala sitageuka na kumharibu Efraimu. Kwa kuwa mimi ndimi Mungu, wala si mwanadamu, Aliye Mtakatifu miongoni mwenu. Sitakuja kwa ghadhabu.
10 Isaan Waaqayyoon duukaa buʼu; inni akkuma leencaa aada; yommuu inni aadutti ilmaan isaa hollachaa lixa biiftuutii dhufu.
Watamfuata Bwana; atanguruma kama simba. Wakati angurumapo, watoto wake watakuja wakitetemeka kutoka magharibi.
11 Isaan akkuma simbirroo Gibxi irraa, akkuma gugee ollachaa Asoor irraa dhufu. Ani mana isaanii keessa isaan nan jiraachisa” jedha Waaqayyo.
Watakuja wakitetemeka kama ndege wakitoka Misri, kama hua wakitoka Ashuru. Nitawakalisha katika nyumba zao,” asema Bwana.
12 Efreem sobaan, manni Israaʼel immoo gowwoomsaadhaan na marse. Yihuudaanis Waaqatti, amanamaa Qulqullicha Sanatti iyyuu fincile.
Efraimu amenizunguka kwa uongo, nyumba ya Israeli kwa udanganyifu. Naye Yuda ni mkaidi dhidi ya Mungu, hata kinyume cha yule mwaminifu Aliye Mtakatifu.

< Hooseʼaa 11 >