< Hooseʼaa 11 >

1 “Israaʼel yeroo daaʼima turetti, ani isa nan jaalladhe; ani Gibxii ilma koo waameera.
When Israel was a child, then I loved him, and called my son out of Egypt.
2 Garuu hammuma ani itti deddeebiʼee isaan waamu, isaan narraa fagaachaa deeman. Isaan Baʼaaliif aarsaa dhiʼeessanii fakkiiwwaniif ixaana aarsan.
As they called them, so they went from them: they sacrificed unto Baalim, and burned incense to graven images.
3 Kan irree isaanii qabee Efreemin miillaan deemuu barsiise anuma; isaan garuu akka ani isaan fayyise hin hubanne.
I taught Ephraim also to go, taking them by their arms; but they knew not that I healed them.
4 Ani funyoo gara laafina namaatiin, hidhaa jaalalaatiinis isaan nan harkise; ani morma isaanii irraa waanjoo fuudhee isaan sooruuf gadan jedhe.
I drew them with cords of a man, with bands of love: and I was to them as they that take off the yoke on their jaws, and I laid food unto them.
5 “Isaan qalbii jijjiirrachuu waan didaniif Gibxitti hin deebiʼan; Asoor garuu isaan bulcha.
He shall not return into the land of Egypt, and the Assyrian shall be his king, because they refused to return.
6 Goraadeen magaalaawwan isaanii keessatti balaqqisa; raajota sobduu isaanii ni barbadeessa; karoora isaaniis ni fashaleessa.
And the sword shall abide on his cities, and shall consume his branches, and devour them, because of their own counsels.
7 Sabni koo narraa deebiʼuuf kutateera. Yoo isaan Waaqa Waan Hundaa Olii waammatan iyyuu inni gonkumaa ol isaan hin qabu.
And my people are bent to backsliding from me: though they called them to the most High, none at all would exalt him.
8 “Yaa Efreem ani akkamiinan dandaʼee si dhiisa? Yaa Israaʼel ani akkamiinan dabarsee si kenna? Ani akkamiinan dandaʼee akka Adimaa si godha? Akkamiinan akka Zebooʼiim si godha? Garaan koo na keessatti geeddarameera; gara laafinni ani siif qabu guddateera.
How shall I give you up, Ephraim? how shall I deliver you, Israel? how shall I make you as Admah? how shall I set you as Zeboim? mine heart is turned within me, my repentings are kindled together.
9 Ani dheekkamsa koo sodaachisaa sana gad hin dhiisu; yookaan ani deebiʼee Efreemin hin balleessu. Ani Waaqa malee nama miti; ani Isa Qulqulluu gidduu kee jiruu dha. Ani dheekkamsaan hin dhufu.
I will not execute the fierceness of mine anger, I will not return to destroy Ephraim: for I am God, and not man; the Holy One in the midst of you: and I will not enter into the city.
10 Isaan Waaqayyoon duukaa buʼu; inni akkuma leencaa aada; yommuu inni aadutti ilmaan isaa hollachaa lixa biiftuutii dhufu.
They shall walk after the LORD: he shall roar like a lion: when he shall roar, then the children shall tremble from the west.
11 Isaan akkuma simbirroo Gibxi irraa, akkuma gugee ollachaa Asoor irraa dhufu. Ani mana isaanii keessa isaan nan jiraachisa” jedha Waaqayyo.
They shall tremble as a bird out of Egypt, and as a dove out of the land of Assyria: and I will place them in their houses, says the LORD.
12 Efreem sobaan, manni Israaʼel immoo gowwoomsaadhaan na marse. Yihuudaanis Waaqatti, amanamaa Qulqullicha Sanatti iyyuu fincile.
Ephraim compasses me about with lies, and the house of Israel with deceit: but Judah yet rules with God, and is faithful with the saints.

< Hooseʼaa 11 >