< Hooseʼaa 10 >

1 Israaʼel muka wayinii dagaage ture; inni matuma isaatiif ija naqata. Akkuma iji isaa baayʼateen inni iddoo aarsaa hedduu ijaarrate; akkuma lafti isaa gabbatteen utubaawwan waaqeffannaa isaa miidhagfate.
Israeli ni mzabibu mzuri ambao huzaa matunda yake. kwa kadiri matunda yake yanavyoongezeka vivyo hivyo anajenga madhabahu nyingi. Kwa kuwa nchi yake ilizalishwa zaidi, aliboresha nguzo zake.
2 Garaan isaanii gowwoomsaadhaan guutameera; isaan amma yakka isaanii baadhachuu qabu. Waaqayyo iddoo aarsaa isaanii ni diiga; utubaawwan waaqeffannaa isaaniis ni barbadeessa.
Moyo wao ni udanganyifu; sasa wanapaswa kubeba hatia yao. Bwana ataharibu madhabahu zao; ataharibu nguzo zao.
3 Ergasii isaan akkana jedhu; “Nu sababii Waaqayyoon sodaachuu didneef mootii hin qabnu. Garuu utuu mootii qabaanne iyyuu inni silaa maal nuuf godha?”
Kwa maana watasema, “Hatuna mfalme, kwa maana hatukumcha Bwana. Na mfalme-angeweza kutufanyia nini?”
4 Isaan waan hedduu waadaa galu; kakuu sobaas seenanii walii galtee uummatu; kanaafuu seera dhabeeyyiin akkuma aramaa summii qabu kan lafa qotiisaa keessaatti latu.
Wanasema maneno tupu na kufanya maagano kwa kuapa uongo. Kwa hivyo haki inakuja kama magugu yenye sumu katika mito ya shamba.
5 Namoonni Samaariyaa keessa jiraatan sababii waaqa tolfamaa fakkii jabbii kan Beet Aawwen keessaa sanaatiif sodaatu. Sabni ishee isheedhaaf booʼa. Luboonni ishee ejjitoonni warri ulfina isheetiin gammadan sunis sababii isheen isaan irraa boojiʼamteef ni booʼu.
Wakazi wa Samaria wataogopa kwa sababu ya ndama za Beth Aveni. Watu wake waliomboleza juu yao, kama walivyofanya wale makuhani wa sanamu ambao walikuwa wamefurahi juu yao na utukufu wao, lakini hawako tena.
6 Jabbichis akka harka fuudhaatti Yaariim mootichaaf Asooritti geeffama. Efreem ni salphifama; Israaʼel waaqota ishee kanneen muka irraa tolfamaniif ni qaanofti.
Wao watachukuliwa kwenda Ashuru kama sadaka kwa mfalme mkuu. Efraimu atakuwa na aibu, na Israeli atakuwa na aibu kwa sanamu yake.
7 Samaariyaa fi mootiin ishee akkuma hoomacha bishaan irraatti fudhatamanii badu.
Mfalme wa Samaria ataangamizwa, kama chipu cha kuni juu ya uso wa maji.
8 Iddoowwan sagadaa kanneen Awween ni barbadeeffamu; kunis cubbuu Israaʼel. Qoraattii fi sokorruun irratti biqilee iddoo aarsaa isaanii haguuga. Yeroo sana namoonni tulluuwwaniin, “Nurratti jigaa!” gaarraniin immoo, “Nu dhoksaa!” jedhu.
Sehemu za juu za uovu zitaharibiwa. Hii ndiyo dhambi ya Israeli! Miti na vichaka vitakua juu ya madhabahu zao. Watu wataiambia milima, “Tufunike sisi!” na kwa vilima, “Tuangukieni!”
9 “Yaa Israaʼel isin bara Gibeʼaatii jalqabdanii cubbuu hojjettaniirtu; ammas achumatti haftaniirtu. Gibeʼaa keessatti waraanni kaʼee jalʼoota hin fixuu?
Ee Israeli, umetenda dhambi tangu siku za Gibea; huko umebaki. Je, vita vitawapata wana wa uovu huko Gibea?
10 Ani yoon fedhe isaan nan adaba; sababii cubbuu isaanii dachaa sanaatiif hidhaa keessa isaan buusuuf saboonni naannoo isaaniitti walitti qabamu.
Nitakapotaka, nitawaadhibu. Mataifa wataungana pamoja nao na kuwaweka katika vifungo kwa uovu wao mara mbili.
11 Efreem goromsa leenjifame kan midhaan siribsiisuu jaallatuu dha; kanaafuu ani morma ishee irra waanjoo nan kaaʼa. Ani Efreemin nan oofa; Yihuudaan lafa qotiisaa qotuu qaba; Yaaqoobis biyyoo bulleessuu qaba.
Efraimu ni ndama mwenye mafunzo ambayo anapenda kupura nafaka, hivyo nitaweka jozi juu ya shingo yake nzuri. Efraimu nitauweka jozi; Yuda ataimea; Yakobo atauvuta pigo kwa nafsi yake.
12 Ofii keessaniif qajeelummaa facaafadhaatii ija jaalalaa kan hin dhumne haammadhaa; lafa keessan kan hin qotamin illee baqaqsaa; yeroon kun yeroo hamma inni dhufee qajeelummaa isinitti roobsutti Waaqayyoon barbaaddataniitii.
Jifanyieni haki, vuneni matunda ya uaminifu wa agano. Chimbueni ardhi yenu isiyopandwa, kwa maana ni wakati wa kumtafuta Bwana, mpaka atakapokuja na kuinua haki juu yenu.
13 Isin garuu hammina facaafattanii jalʼina haammattan; isin ija sobaa nyaattaniirtu. Sababii ati jabina keetii fi loltoota kee baayʼee sana abdatteef,
Mmelima uovu; mmevuna udhalimu. Mmekula matunda ya udanganyifu kwa sababu uliamini katika mipango yako na katika askari wako wengi.
14 akkuma Shalmaan gaafa lolaatti Beet Arbeelin balleessee haadhota ijoollee isaanii wajjin biyyootti makaman sana, daʼannoowwan kee hundi ni barbadaaʼu; huursaan waraanaas saba keetti ni kaʼa.
Kwa hiyo mlipuko wa vita utafufuka kati ya watu wako, na miji yako yote yenye ngome itaharibiwa. Itakuwa kama Shalmani aliharibu Beth Arbeli siku ya vita, wakati mama alivunjika vipande vipande na watoto wake.
15 Yaa Beetʼeel, sababii hamminni kee akka malee guddaa taʼeef, wanni akkasii sittis ni dhufti. Gaafa guyyaan sun bariʼutti mootiin Israaʼel guutumaan guutuutti ni barbadeeffama.
Kwa hiyo itakuwa kwako, Betheli, kwa sababu ya uovu wako mkubwa. Wakati wa mchana mfalme wa Israeli atakatwa kabisa.

< Hooseʼaa 10 >