< Hooseʼaa 1 >

1 Dubbiin Waaqayyoo kan bara Uziyaan, Yootaam, Aahaaziitii fi Hisqiyaas mootota Yihuudaa keessa, akkasumas bara Yerobiʼaam ilma Yooʼaash mooticha Israaʼel keessa gara Hooseʼaa ilma Biʼeer dhufe kanaa dha:
דבר יהוה אשר היה אל הושע בן בארי בימי עזיה יותם אחז יחזקיה מלכי יהודה--ובימי ירבעם בן יואש מלך ישראל
2 Yeroo Waaqayyo karaa Hooseʼaatiin dubbachuu jalqabetti Waaqayyo akkana isaan jedhe; “Sababii biyyattiin Waaqayyo irraa gortee yakka sagaagalummaa guddaa isaa hojjetteef ati dhaqiitii niitii sagaagaltuu fi ijoollee hin amanamne ofii keetiif fudhadhu.”
תחלת דבר יהוה בהושע ויאמר יהוה אל הושע לך קח לך אשת זנונים וילדי זנונים--כי זנה תזנה הארץ מאחרי יהוה
3 Kanaafuu inni dhaqee Goomer intala Diblaayiim fuudhe; isheenis ulfooftee ilma deesseef.
וילך ויקח את גמר בת דבלים ותהר ותלד לו בן
4 Kana irratti Waaqayyo Hooseʼaatiin akkana jedhe; “Ani sababii dhiiga Yizriʼeel keessatti dhangalaʼe sanaatiif dafee mana Yehuu waanan adabuuf Yizriʼeel jedhii isa moggaasi; ani mootummaa Israaʼel nan balleessa.
ויאמר יהוה אליו קרא שמו יזרעאל כי עוד מעט ופקדתי את דמי יזרעאל על בית יהוא והשבתי ממלכות בית ישראל
5 Gaafas ani Sulula Yizriʼeel keessatti iddaa Israaʼel nan cabsa.”
והיה ביום ההוא ושברתי את קשת ישראל בעמק יזרעאל
6 Goomer amma illee ulfooftee intala deesse. Waaqayyo Hooseʼaatiin akkana jedhe; “Sababii ani isaaniif araaramuu fi siʼachis mana Israaʼeliif garaa hin laafneef Loo-Ruhaamaa jedhii ishee moggaasi.
ותהר עוד ותלד בת ויאמר לו קרא שמה לא רחמה כי לא אוסיף עוד ארחם את בית ישראל--כי נשא אשא להם
7 Taʼus ani mana Yihuudaatiif garaa nan laafa; ani xiyyaan yookaan goraadeedhaan yookaan waraanaan yookaan fardeeniin yookaan abbootii fardaatiin isaan hin oolchu; garuu ani Waaqayyo Waaqni isaanii isaan nan oolcha.”
ואת בית יהודה ארחם והושעתים ביהוה אלהיהם ולא אושיעם בקשת ובחרב ובמלחמה בסוסים ובפרשים
8 Goomer erga Loo-Ruhaamaa harma guusiftee booddee ulfooftee ilma deesse.
ותגמל את לא רחמה ותהר ותלד בן
9 Ergasiis Waaqayyo akkana jedhe; “Isin waan saba koo hin taʼinii fi anis Waaqa keessan hin taʼiniif Loo-Amii jedhii isa moggaasi.
ויאמר קרא שמו לא עמי כי אתם לא עמי ואנכי לא אהיה לכם
10 “Taʼus Israaʼel akkuma cirracha qarqara galaanaa kan madaalamuu yookaan hedamuu hin dandaʼamnee taʼa. Isaan iddoodhuma itti, ‘Isin saba koo miti’ isaaniin jedhame sanatti, ‘Ilmaan Waaqa jiraataa’ jedhamanii ni waamamu.
והיה מספר בני ישראל כחול הים אשר לא ימד ולא יספר והיה במקום אשר יאמר להם לא עמי אתם יאמר להם בני אל חי
11 Guyyaan Yizriʼeel waan guddaa taʼuuf, sabni Yihuudaatii fi sabni Israaʼel deebiʼanii tokko taʼu; isaan hoogganaa tokko muuddatanii biyya sana keessaa ni baʼu.
ונקבצו בני יהודה ובני ישראל יחדו ושמו להם ראש אחד ועלו מן הארץ כי גדול יום יזרעאל

< Hooseʼaa 1 >