< Ibroota 1 >
1 Bara durii Waaqni yeroo baayʼee fi karaa adda addaatiin raajotaan abbootii keenyatti dubbatee ture;
神既在古时借着众先知多次多方地晓谕列祖,
2 bara dhumaa kana keessa garuu Ilma isaa kan inni dhaaltuu waan hundumaa godhee muudeen nutti dubbate; isumaanis addunyaawwan uume. (aiōn )
就在这末世借着他儿子晓谕我们;又早已立他为承受万有的,也曾借着他创造诸世界。 (aiōn )
3 Ilmi calaqqisa ulfina Waaqaa ti; eenyummaa Waaqaas akkuma jirutti mulʼisa; dubbii isaa humna qabeessa sanaanis waan hunda hirkisee baata. Innis erga cubbuu keenya nurraa qulqulleessee booddee samii irra mirga Waaqa ulfina qabeessa sanaa taaʼe.
他是 神荣耀所发的光辉,是 神本体的真像,常用他权能的命令托住万有。他洗净了人的罪,就坐在高天至大者的右边。
4 Akkuma maqaan inni dhaale sun kan ergamootaa caalaa guddaa taʼe sana innis ergamoota caalaa guddaa dha.
他所承受的名,既比天使的名更尊贵,就远超过天使。
5 Waaqni ergamoota keessaa isa kamiin, “Ati Ilma koo ti; ani harʼa si dhalcheera” Yookaan isa kamiin, “Ani isaaf Abbaa nan taʼa; innis Ilma naa taʼa” jedhee beeka?
所有的天使, 神从来对哪一个说: 你是我的儿子, 我今日生你? 又指着哪一个说: 我要作他的父, 他要作我的子?
6 Akkasumas Waaqni yommuu Ilma isaa hangafa gara addunyaa kanaatti ergutti, “Ergamoonni Waaqaa hundi isa haa waaqeffatan” jedha.
再者, 神使长子到世上来的时候,就说: 神的使者都要拜他。
7 Yommuu waaʼee ergamootaa dubbatus, “Inni ergamoota isaa hafuurota, tajaajiltoota isaa immoo arraba ibiddaa godha” jedha.
论到使者,又说: 神以风为使者, 以火焰为仆役;
8 Waaʼee Ilmaa garuu akkana jedha; “Yaa Waaqayyo, teessoon kee bara baraa hamma bara baraatti ni jiraata; bokkuun qajeelummaas bokkuu mootummaa keetii ni taʼa. (aiōn )
论到子却说: 神啊,你的宝座是永永远远的; 你的国权是正直的。 (aiōn )
9 Ati qajeelummaa jaallatte; jalʼina immoo ni jibbite; kanaafuu Waaqayyo Waaqni kee zayitii gammachuutiin si dibee, hiriyoota kee si caalchise.”
你喜爱公义,恨恶罪恶; 所以 神,就是你的 神,用喜乐油膏你, 胜过膏你的同伴;
10 Akkasumas inni akkana jedha; “Yaa Gooftaa, ati jalqabatti lafa hundeessite; samiiwwanis hojii harka keetii ti.
又说:主啊,你起初立了地的根基; 天也是你手所造的。
11 Isaan ni badu; ati garuu ni jiraatta; hundumti isaanii akkuma uffataa ni moofaʼu;
天地都要灭没,你却要长存。 天地都要像衣服渐渐旧了;
12 ati akkuma wayyaatti isaan marta; isaan akkuma uffataatti geeddaramu; ati garuu sanuma; umuriin kees gonkumaa dhuma hin qabu.”
你要将天地卷起来,像一件外衣, 天地就都改变了。 惟有你永不改变; 你的年数没有穷尽。
13 Waaqni ergamoota keessaa isa kamiin, “Hamma ani diinota kee ejjeta miilla keetii godhutti, gara mirga koo taaʼi” jedhe?
所有的天使, 神从来对哪一个说: 你坐在我的右边, 等我使你仇敌作你的脚凳?
14 Ergamoonni hundinuu hafuurota tajaajilan kanneen warra fayyina dhaalan tajaajiluuf ergaman mitii?
天使岂不都是服役的灵、奉差遣为那将要承受救恩的人效力吗?