< Ibroota 9 >

1 Kakuun jalqabaa sun iyyuu sirna waaqeffannaatii fi iddoo qulqulluu isa lafa irraa qaba ture.
Alkawarin farko ya ƙunshi ƙa’idodi don sujada da kuma tsattsarkan wuri a duniya.
2 Dunkaanni qulqulluun dhaabamee ture. Kutaan dunkaana sanaa kan jalqabaa, “Iddoo Qulqulluu” jedhama ture; kutaa kana keessas baattuu ibsaatii fi minjaala akkasumas buddeena qulqulleeffametu ture.
An kafa tabanakul. A cikin ɗakinsa na farko akwai wurin ajiye fitila, tebur da kuma keɓaɓɓen burodi; an kira wannan Wuri Mai Tsarki.
3 Golgaa lammaffaa duubaan immoo kutaa, “Iddoo Hundumaa Caalaa Qulqulluu” jedhamu tokkotu ture.
Sa’an nan akwai labule, kuma a bayan labulen akwai ɗaki na biyu da ake kira Wuri Mafi Tsarki,
4 Achis iddoo aarsaa ixaanaa kan warqee irraa hojjetamee fi taabota kakuu kan karaa hundaan warqee dibametu ture. Taabota sana keessas okkotee warqee kan mannaa baatu, ulee Aroon inni latee fi gabatee dhagaa kan kakuun sun irratti barreeffametu kaaʼame.
wanda yake da bagaden zinariya na turare da kuma akwatin alkawarin da aka dalaye da zinariya. A cikin akwatin alkawarin akwai tulun zinariya mai Manna a ciki, sandan Haruna wanda ya yi toho, da kuma allunan dutsen alkawari.
5 Taaboticha gubbaadhaanis kiirubeeliin Ulfinaa teessoo araaraa irra golboobanii turan. Amma garuu waaʼee kanaa gad fageenyaan dubbachuu hin dandeenyu.
A bisa akwatin alkawarin kuwa akwai kerubobi na Ɗaukaka, waɗanda suka inuwantar da murfin kafara da fikafikansu. Sai dai ba za mu tattauna waɗannan abubuwa dalla-dalla a yanzu ba.
6 Luboonni yommuu wanni hundinuu haala kanaan qopheeffametti tajaajila kennuuf jedhanii yeroo hunda dunkaana qulqulluu isa jalqabaa seenu turan.
Sa’ad da aka shirya kome haka, sai firistoci suka shiga kullum cikin ɗaki na waje don su yi hidimarsu.
7 Dunkaana isa lammaffaa garuu luba ol aanaa qofatu waggaatti yeroo tokko qofa seena; innis dhiiga cubbuu ofii isaatiif dhiʼeessuu fi dhiiga cubbuu namoonni utuu hin beekin hojjetaniif dhiʼeessu qabatu malee hin seenu ture.
Amma babban firist ne kaɗai yakan shiga ɗaki na ciki-ciki, sau ɗaya tak a shekara, kuma sai da jini, wanda yakan miƙa domin zunubansa da kuma domin zunuban da mutane suka yi a cikin rashin sani.
8 Hafuurri Qulqulluunis hamma dunkaanni jalqabaa sun dhaabatee jirutti akka karaan gara Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼeetti geessu sun amma illee hin mulʼifamin haala kanaan argisiisaa ture.
Ta haka Ruhu Mai Tsarki ya nuna cewa ba a riga an bayyana hanyar shiga Wuri Mafi Tsarki ba tukuna, muddin tabanakul na fari yana nan tsaye.
9 Kunis fakkeenya bara ammaa ti; innis akka kennaa fi aarsaan dhiʼeeffamu sun qalbii waaqeffataa tokkoo qulqulleessuu hin dandeenye mulʼisa.
Wannan ma yana da ma’ana wa mutane a yau. Ya nuna cewa ba za mu iya wanke lamirinmu ta wurin miƙa baye-baye da hadayu ba.
10 Innis waaʼee nyaataatii fi dhugaatii, waaʼee sirna dhiqannaa garaa garaa jechuunis sirna foonii isa hamma seerichi haaromfamutti faayidaa kennaa ture qofa.
Waɗannan ƙa’idodi sun shafi sha’anin abinci da abin sha ne kawai da kuma ƙa’idodi tsarkake kanmu. Dokoki game da abubuwa na waje da ake amfani da su za su kasance ne sai lokacin ya yi da za a kawo abu mafi kyau.
11 Kiristoos garuu yommuu waan gaarii dhufuuf jiruuf luba ol aanaa taʼee dhufetti, dunkaanicha guddaa mudaa hin qabne, kan harka namaatiin hin hojjetamin jechuunis kan uumama kana irraa hin dhufin sana keessa darbe.
Sa’ad da Kiristi ya zo a matsayin babban firist na kyawawan abubuwan da suka riga suka kasance a nan, ya bi ta cikin tabanakul mafi girma da kuma mafi cikakke wanda ba mutum ne ya yi ba, wato, ba na wannan halitta ba.
12 Dhiiga reʼootaatii fi dhiiga jabbootaatiin hin seenne; garuu furii bara baraa nuu fiduudhaan dhiiguma ofiitiin yeroo tokko bara baraan gara Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sanaatti seene. (aiōnios g166)
Bai shiga ta wurin jinin awaki da na maruƙa ba; amma ya shiga Wuri Mafi Tsarki sau ɗaya tak ta wurin jininsa, bayan ya samo madawwamiyar fansa. (aiōnios g166)
13 Erga dhiigni reʼootaa, dhiigni korommiitii fi daaraan goromsaa kan warra xuraaʼanitti facaafamu akka isaan fooniin qulqullaaʼan godhee,
In har akan yayyafa jinin awaki da na bijimai da kuma tokar karsanar a kan waɗanda suke marasa tsabta bisa ga al’ada, a tsarkake su yadda za su zama masu tsabta a waje,
14 yoos dhiigni Kiristoos isa karaa Hafuura bara baraatiin aarsaa hirʼina hin qabne taʼee Waaqaaf of dhiʼeesse sanaa akka nu Waaqa jiraataa tajaajilluuf hammam caalaa hojii gara duʼaatti nama geessu irraa qalbii keenya haa qulqulleessuu ree! (aiōnios g166)
balle jinin Kiristi, wanda ta wurin Ruhu madawwami ya miƙa kansa marar aibi ga Allah, ai, zai tsabtacce lamirinmu daga ayyukan da suke kai ga mutuwa, don mu bauta wa Allah mai rai! (aiōnios g166)
15 Sababii kanaaf akka warri waamaman dhaala bara baraa isa abdii kenname sana argataniif Kiristoos araarsaa gidduu galeessa kakuu haaraa ti; inni cubbuu isaan yeroo kakuu jalqabaa jala turanitti hojjetan irraa isaan bilisoomsuuf jedhee furii taʼee duʼeeraatii. (aiōnios g166)
Saboda haka Kiristi shi ne matsakancin sabon alkawari, don waɗanda aka kira su sami madawwamin gādon da aka yi alkawari, yanzu da ya mutu a matsayin mai fansa don yă’yantar da su daga zunuban da aka aikata a ƙarƙashin alkawari na farko. (aiōnios g166)
16 Iddoo dhaamsi dhaalaa jirutti duʼa namicha dhaamate sanaa mirkaneessuun barbaachisaa dha;
Sa’ad da wani ya yi alkawari game da gādonsa, dole a tabbatar da mutuwar wanda ya yi ta,
17 dhaamsi dhaalaa yommuu namni dhaamate sun duʼu qofa hojii irra oola malee utuu inni lubbuun jiruu hin hojjetuutii.
domin alkawarin gādo yana aiki ne kawai bayan mai yinsa ya mutu, ba ya taɓa aiki yayinda mai yinsa yana da rai.
18 Sababiin kakuun jalqabaa iyyuu dhiiga malee hojii irra hin ooliniifis kanuma.
Shi ya sa alkawari na farko bai fara aiki ba sai da aka zub da jini.
19 Museen erga ajaja seera sanaa tokko tokkoon saba sana hundatti himee booddeetti, dhiiga jabbootaatii fi dhiiga reʼootaa bishaan wajjin, rifeensa hoolaa bildiimaa fi hiisophii fuudhee kitaaba maramaa fi saba hundatti facaase.
Sa’ad da Musa ya sanar wa dukan mutane kowane umarni na doka, sai ya ɗauki jinin maruƙa tare da ruwa, jan ulu da kuma rassan hizzob, ya yayyafa a kan naɗaɗɗen littafin da kuma a kan dukan mutanen.
20 Innis, “Kun dhiiga kakuu kan Waaqni isiniif ajajee dha” jedhe.
Ya ce, “Wannan shi ne jinin alkawarin da Allah ya umarce ku ku kiyaye.”
21 Haaluma wal fakkaatuunis dunkaanichattii fi miʼa dunkaanicha keessatti sirna waaqeffannaatiif itti fayyadaman hundumatti dhiiga sana facaase.
Ta haka ya yayyafa jinin a kan tabanakul da kuma a kan dukan kayayyakin da ake amfani da su don yin hidima.
22 Dhugumaan akka seeraatti wantoota muraasa malee wanni hundinuu dhiigaan qulqulleeffama; dhiigni dhangalaafamu malees dhiifamni cubbuu hin jiru.
Tabbatacce, doka ta bukaci a tsabtacce kusa kowane abu da jini, kuma in ba tare da zub da jini ba babu gafara.
23 Kanaafuu fakkeenyawwan waan samii irraa aarsaawwan kanneeniin qulqulleeffamuun barbaachisaa ture; wanni samii irraa mataan isaa garuu aarsaawwan waan kanneen caalaniin qulqulleeffamuu isaan barbaachisa.
Waɗannan abubuwa hotuna ne kawai na abin da yake a sama, dole kuma a tsarkake su ta wurin waɗannan ƙa’idodi. Amma dole a tsarkake ainihin abubuwa na sama da wani abu mafi kyau.
24 Kiristoos amma iddoo keenya buʼee fuula Waaqaa duratti argamuuf samii seene malee iddoo qulqulluu kan harka namaatiin ijaarame isa fakkeenya iddoo qulqulluu kan dhugaa taʼe hin seenne.
Gama Kiristi bai shiga wani wuri tsattsarka da mutum ya yi ba, wanda yake hoto ne kawai na gaskataccen, a’a sama kanta ya shiga, domin yă bayyana a gaban zatin Allah a yanzu saboda mu.
25 Yookaan inni akkuma luba ol aanaa wagguma waggaan dhiiga kan isaa hin taʼin qabatee Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe seenu sanaatti yeroo baayʼee of dhiʼeessuuf samii hin seenne.
Bai kuwa shiga sama domin yă yi ta miƙa kansa a kai a kai, yadda babban firist yake shiga Wuri Mafi Tsarki kowace shekara da jinin da ba nasa ba.
26 Utuu akkas taʼee silaa Kiristoos uumama addunyaatii jalqabee yeroo baayʼee dhiphachuu qaba ture. Amma garuu inni ofii isaa aarsaa godhee cubbuu balleessuuf dhuma baraatti yeroo tokko bara baraan mulʼateera. (aiōn g165)
Da a ce haka ne, ai, da Kiristi ya sha wahala sau da yawa tun halittar duniya. Amma yanzu ya bayyana sau ɗaya tak a ƙarshen zamanai domin yă kawar da zunubi ta wurin miƙa kansa hadaya. (aiōn g165)
27 Akkuma yeroo tokko duʼuun ergasii immoo murtiitti dhiʼaachuun namatti murteeffame sana
Kamar dai yadda aka ƙaddara wa mutum yă mutu sau ɗaya, bayan haka kuma sai shari’a,
28 akkasuma immoo Kiristoos cubbuu namoota baayʼee baachuuf jedhee yeroo tokko aarsaa taʼeera; yeroo lammaffaa immoo cubbuu baachuuf utuu hin taʼin warra isa eeggachaa jiraniif fayyina fiduuf ni mulʼata.
haka aka miƙa Kiristi hadaya sau ɗaya domin yă ɗauke zunuban mutane masu yawa; zai kuma bayyana sau na biyu, ba don yă ɗauki zunubi ba, sai dai don yă kawo ceto ga waɗanda suke jiransa.

< Ibroota 9 >