< Ibroota 9 >
1 Kakuun jalqabaa sun iyyuu sirna waaqeffannaatii fi iddoo qulqulluu isa lafa irraa qaba ture.
I onaj prvi je, svakako, imao bogoštovne uredbe i Svetinju, ali ovosvjetsku.
2 Dunkaanni qulqulluun dhaabamee ture. Kutaan dunkaana sanaa kan jalqabaa, “Iddoo Qulqulluu” jedhama ture; kutaa kana keessas baattuu ibsaatii fi minjaala akkasumas buddeena qulqulleeffametu ture.
Šator je uistinu bio uređen: prvi, u kojem bijaše svijećnjak, stol i prinos kruhova, a zove se Svetinja;
3 Golgaa lammaffaa duubaan immoo kutaa, “Iddoo Hundumaa Caalaa Qulqulluu” jedhamu tokkotu ture.
iza druge pak zavjese bio je Šator zvan Svetinja nad svetinjama -
4 Achis iddoo aarsaa ixaanaa kan warqee irraa hojjetamee fi taabota kakuu kan karaa hundaan warqee dibametu ture. Taabota sana keessas okkotee warqee kan mannaa baatu, ulee Aroon inni latee fi gabatee dhagaa kan kakuun sun irratti barreeffametu kaaʼame.
u njoj zlatni kadionik i Kovčeg saveza, sav optočen zlatom, a u njemu zlatna posuda s manom i štap Aronov, koji je ono procvao, i ploče Saveza;
5 Taaboticha gubbaadhaanis kiirubeeliin Ulfinaa teessoo araaraa irra golboobanii turan. Amma garuu waaʼee kanaa gad fageenyaan dubbachuu hin dandeenyu.
povrh njega pak kerubi Slave što osjenjuju Pomirilište. O tom ne treba sada potanko govoriti.
6 Luboonni yommuu wanni hundinuu haala kanaan qopheeffametti tajaajila kennuuf jedhanii yeroo hunda dunkaana qulqulluu isa jalqabaa seenu turan.
Pošto je to tako uređeno, u prvi Šator stalno ulaze svećenici obavljati bogoslužje,
7 Dunkaana isa lammaffaa garuu luba ol aanaa qofatu waggaatti yeroo tokko qofa seena; innis dhiiga cubbuu ofii isaatiif dhiʼeessuu fi dhiiga cubbuu namoonni utuu hin beekin hojjetaniif dhiʼeessu qabatu malee hin seenu ture.
a u drugi jednom godišnje samo veliki svećenik, i to ne bez krvi koju prinosi za sebe i za nepažnje naroda.
8 Hafuurri Qulqulluunis hamma dunkaanni jalqabaa sun dhaabatee jirutti akka karaan gara Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼeetti geessu sun amma illee hin mulʼifamin haala kanaan argisiisaa ture.
Time Duh Sveti očituje da još nije otkriven put u Svetinju dok još postoji prvi Šator.
9 Kunis fakkeenya bara ammaa ti; innis akka kennaa fi aarsaan dhiʼeeffamu sun qalbii waaqeffataa tokkoo qulqulleessuu hin dandeenye mulʼisa.
To je slika za sadašnje vrijeme: prinose se darovi i žrtve koje ne mogu u savjesti usavršiti bogoslužnika -
10 Innis waaʼee nyaataatii fi dhugaatii, waaʼee sirna dhiqannaa garaa garaa jechuunis sirna foonii isa hamma seerichi haaromfamutti faayidaa kennaa ture qofa.
sve same na ićima i pićima i raznim pranjima utemeljene tjelesne uredbe, nametnute do časa ispravka.
11 Kiristoos garuu yommuu waan gaarii dhufuuf jiruuf luba ol aanaa taʼee dhufetti, dunkaanicha guddaa mudaa hin qabne, kan harka namaatiin hin hojjetamin jechuunis kan uumama kana irraa hin dhufin sana keessa darbe.
Krist se pak pojavi kao Veliki svećenik budućih dobara pa po većem i savršenijem Šatoru - nerukotvorenu, koji nije od ovoga stvorenja -
12 Dhiiga reʼootaatii fi dhiiga jabbootaatiin hin seenne; garuu furii bara baraa nuu fiduudhaan dhiiguma ofiitiin yeroo tokko bara baraan gara Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sanaatti seene. (aiōnios )
i ne po krvi jaraca i junaca, nego po svojoj uđe jednom zauvijek u Svetinju i nađe vječno otkupljenje. (aiōnios )
13 Erga dhiigni reʼootaa, dhiigni korommiitii fi daaraan goromsaa kan warra xuraaʼanitti facaafamu akka isaan fooniin qulqullaaʼan godhee,
Doista, ako već poškropljena krv jaraca i bikova i pepeo juničin posvećuje onečišćene, daje tjelesnu čistoću,
14 yoos dhiigni Kiristoos isa karaa Hafuura bara baraatiin aarsaa hirʼina hin qabne taʼee Waaqaaf of dhiʼeesse sanaa akka nu Waaqa jiraataa tajaajilluuf hammam caalaa hojii gara duʼaatti nama geessu irraa qalbii keenya haa qulqulleessuu ree! (aiōnios )
koliko će više krv Krista - koji po Duhu vječnom samoga sebe bez mane prinese Bogu - očistiti savjest našu od mrtvih djela, na službu Bogu živomu! (aiōnios )
15 Sababii kanaaf akka warri waamaman dhaala bara baraa isa abdii kenname sana argataniif Kiristoos araarsaa gidduu galeessa kakuu haaraa ti; inni cubbuu isaan yeroo kakuu jalqabaa jala turanitti hojjetan irraa isaan bilisoomsuuf jedhee furii taʼee duʼeeraatii. (aiōnios )
A radi ovoga je Posrednik novoga Saveza: da po smrti za otkupljenje prekršaja iz starog Saveza pozvani zadobiju obećanu vječnu baštinu. (aiōnios )
16 Iddoo dhaamsi dhaalaa jirutti duʼa namicha dhaamate sanaa mirkaneessuun barbaachisaa dha;
Jer gdje je posrijedi savez-oporuka, potrebno je dokazati smrt oporučitelja.
17 dhaamsi dhaalaa yommuu namni dhaamate sun duʼu qofa hojii irra oola malee utuu inni lubbuun jiruu hin hojjetuutii.
Oporuka je doista valjana tek nakon smrti: nikad ne vrijedi dok oporučitelj živi.
18 Sababiin kakuun jalqabaa iyyuu dhiiga malee hojii irra hin ooliniifis kanuma.
Stoga ni onaj prvi Savez nije bez krvi ustanovljen.
19 Museen erga ajaja seera sanaa tokko tokkoon saba sana hundatti himee booddeetti, dhiiga jabbootaatii fi dhiiga reʼootaa bishaan wajjin, rifeensa hoolaa bildiimaa fi hiisophii fuudhee kitaaba maramaa fi saba hundatti facaase.
Pošto je svemu narodu priopćio svaku zapovijed zakonsku, uze Mojsije krv junaca i jaraca s vodom i grimiznom vunom i izopom te samu Knjigu i sav narod poškropi
20 Innis, “Kun dhiiga kakuu kan Waaqni isiniif ajajee dha” jedhe.
govoreći: Ovo je krv Saveza koji vam odredi Bog;
21 Haaluma wal fakkaatuunis dunkaanichattii fi miʼa dunkaanicha keessatti sirna waaqeffannaatiif itti fayyadaman hundumatti dhiiga sana facaase.
a onda krvlju slično poškropi i Šator i sve bogoslužno posuđe.
22 Dhugumaan akka seeraatti wantoota muraasa malee wanni hundinuu dhiigaan qulqulleeffama; dhiigni dhangalaafamu malees dhiifamni cubbuu hin jiru.
I gotovo se sve po zakonu čisti krvlju i bez prolijevanja krvi nema oproštenja.
23 Kanaafuu fakkeenyawwan waan samii irraa aarsaawwan kanneeniin qulqulleeffamuun barbaachisaa ture; wanni samii irraa mataan isaa garuu aarsaawwan waan kanneen caalaniin qulqulleeffamuu isaan barbaachisa.
Ako se dakle time čiste slike onoga što je na nebu, potrebno je da se samo to nebesko čisti žrtvama od tih uspješnijima.
24 Kiristoos amma iddoo keenya buʼee fuula Waaqaa duratti argamuuf samii seene malee iddoo qulqulluu kan harka namaatiin ijaarame isa fakkeenya iddoo qulqulluu kan dhugaa taʼe hin seenne.
Krist doista ne uđe u rukotvorenu Svetinju, protulik one istinske, nego u samo nebo: da se sada pojavi pred licem Božjim za nas.
25 Yookaan inni akkuma luba ol aanaa wagguma waggaan dhiiga kan isaa hin taʼin qabatee Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe seenu sanaatti yeroo baayʼee of dhiʼeessuuf samii hin seenne.
Ne da mnogo puta prinosi samoga sebe kao što veliki svećenik svake godine ulazi u Svetinju s tuđom krvlju;
26 Utuu akkas taʼee silaa Kiristoos uumama addunyaatii jalqabee yeroo baayʼee dhiphachuu qaba ture. Amma garuu inni ofii isaa aarsaa godhee cubbuu balleessuuf dhuma baraatti yeroo tokko bara baraan mulʼateera. (aiōn )
inače bi bilo trebalo da trpi mnogo puta od postanka svijeta. No sada se pojavio, jednom na svršetku vjekova, da grijeh dokine žrtvom svojom. (aiōn )
27 Akkuma yeroo tokko duʼuun ergasii immoo murtiitti dhiʼaachuun namatti murteeffame sana
I kao što je ljudima jednom umrijeti, a potom na sud,
28 akkasuma immoo Kiristoos cubbuu namoota baayʼee baachuuf jedhee yeroo tokko aarsaa taʼeera; yeroo lammaffaa immoo cubbuu baachuuf utuu hin taʼin warra isa eeggachaa jiraniif fayyina fiduuf ni mulʼata.
tako i Krist: jednom se prinese da grijehe mnogih ponese, a drugi će se put - bez obzira na grijeh - ukazati onima koji ga iščekuju sebi na spasenje.