< Ibroota 8 >
1 Waan nu dubbannu keessaa ijoon kana: Nu luba ol aanaa samii irra karaa mirga teessoo Isa Ulfina Qabeessa Samii keessaa sanaa taaʼe akkasii qabna.
Zvino shoko guru pazvinhu zvatataura ndirori: Tine mupristi mukuru wakadai wakagara kuruoko rwerudyi rwechigaro cheushe cheMukuru kumatenga,
2 Innis iddoo qulqullummaa fi dunkaana isa dhugaa kan utuu namaan hin taʼin Gooftaadhaan dhaabame keessa tajaajila.
mushumiri wenzvimbo tsvene, newetabhenakeri yechokwadi Ishe yaakadzika, kwete munhu.
3 Lubni ol aanaan kam iyyuu kennaa fi aarsaa dhiʼeessuuf muudama; kanaafuu lubni kun waan dhiʼeessu tokko qabaachuu qaba.
Nokuti mupristi mukuru umwe neumwe wakagadzirwa kubaira zvipo nezvibairo; naizvozvo zvakafanira kuti naye ave nechimwe chaangabaira.
4 Waan luboonni akka seeraatti kennaa dhiʼeessan duraanuu jiraniif, inni utuu lafa irra jiraatee silaa luba hin taʼu ture.
Nokuti kana aiva panyika, angadai asina kutombova mupristi, vapristi zvavaripo, vanobaira zvipo zvinoenderana nemurairo;
5 Isaanis iddoo qulqullummaa kan fakkeenyaa fi gaaddidduu wantoota samii tajaajilu. Waaqnis yommuu Museen dunkaana qulqulluu dhaabuuf kaʼetti, “Waan hunda akkuma fakkeenya tulluu irratti sitti argisiifame sanaatti hojjechuu kee mirkaneeffadhu!” jedhee isa akeekkachiisuun isaa kanumaaf.
vanoshumira zviratidzo nemumvuri wezvinhu zvekudenga, Mozisi sezvaakarairwa naMwari oda kugadzira tabhenakeri; nokuti wakati: Chenjera kuti uite zvese zvichienderana nemufananidzo wawakaratidzwa mugomo.
6 Garuu akkuma kakuun inni Yesuus gidduu galeessa taʼeef sun kakuu moofaa akka malee caalu sana tajaajilli inni fudhates tajaajila isaanii irra guddaa dha; kakuun haaraan waadaa caalu irratti hundeeffameetii.
Asi ikozvino wakawana ushumiri hwakanyanyisa kunaka, sezvaariwo murevereri wesungano inopfuura pakunaka, yakasimbiswa pazvivimbiso zvinopfuura pakunaka.
7 Utuu kakuun jalqabaa sun mudaa qabaachuu baatee silaa kakuun lammaffaan hin barbaachisu ture.
Nokuti dai iya yekutanga yakange isina chaingapomerwa, dai pasina nzvimbo yakatsvakirwa yechipiri.
8 Waaqni garuu saba sana irratti balleessaa argee akkana jedha; “Yeroon ani itti mana Israaʼel wajjin, mana Yihuudaa wajjinis, kakuu haaraa galu ni dhufa jedha Gooftaan.
Nokuti achivapa mhosva, anoti: Tarira, mazuva anouya, anotaura Ishe, zvino ndichaita sungano itsva neimba yaIsraeri uye neimba yaJudha.
9 Kakuun kunis kakuu ani, yeroo biyya Gibxiitii isaan baasuuf jedhee harka isaanii qabe sana abbootii isaanii wajjin gale sanaan tokko miti; isaan kakuu kootti jabaatanii waan hin dhaabatiniif, ani isaan irraa gara galeera, jedha Gooftaan.
Kwete zvichienderana nesungano yandakaita nemadzibaba avo, pazuva randakabata ruoko rwavo kuti ndivabudise munyika yeEgipita; nokuti havana kurambira musungano yangu, neni ndikasava nehanya navo, anoreva Ishe.
10 Kakuun ani yeroo sana booddee mana Israaʼel wajjin galu kanaa dha, jedha Gooftaan. Ani seera koo qalbii isaanii keessa nan kaaʼa; garaa isaanii keessattis nan barreessa. Ani Waaqa isaanii nan taʼa; isaanis saba koo ni taʼu.
Nokuti iyi isungano yandichasungana nayo neimba yaIsraeri shure kwemazuva iwayo, anotaura Ishe; ndichaisa mirairo yangu mumurangariro wavo, nemuhana dzavo ndichainyora; uye ndichava kwavari Mwari, ivo vachavawo kwandiri vanhu;
11 Sababii hundi isaanii, xinnaa hamma guddaatti na beekaniif, siʼachi namni kam iyyuu, ‘Gooftaa beeki’ jedhee, ollaa isaa yookaan obboleessa isaa hin barsiisu.
uye havangatongozodzidzisi umwe neumwe umwe wake, neumwe neumwe hama yake, achiti: Ziva Ishe; nokuti vese vachandiziva, kubva kumudiki wavo kusvikira kumukuru wavo.
12 Ani daba isaanii nan dhiisaaf; cubbuu isaaniis siʼachi hin yaadadhu.”
Nokuti ndichava netsitsi pakusarurama kwavo, nezvivi zvavo nezvakaipa zvavo handichatongozorangariri.
13 Innis kakuu kanaan “haaraa” jedhee kakuu jalqabaa sana moofesseera; wanni moofaʼee fi wanni dulloome dafee bada.
Pakuti: Sungano itsva, yakasakadza yekutanga. Zvino chosakarawo chova chakare, chava pedo kurova.