< Ibroota 8 >

1 Waan nu dubbannu keessaa ijoon kana: Nu luba ol aanaa samii irra karaa mirga teessoo Isa Ulfina Qabeessa Samii keessaa sanaa taaʼe akkasii qabna.
Yanzu abin da muke kokarin cewa shine: Muna da babban firist wanda ke zaune a hannun dama na kursiyi mai martaba dake sammai.
2 Innis iddoo qulqullummaa fi dunkaana isa dhugaa kan utuu namaan hin taʼin Gooftaadhaan dhaabame keessa tajaajila.
Shi kuwa bawa ne a wannan wuri mai tsarki, haikali na gaskiya wanda Allah ya shirya ba wani bil'adama ba.
3 Lubni ol aanaan kam iyyuu kennaa fi aarsaa dhiʼeessuuf muudama; kanaafuu lubni kun waan dhiʼeessu tokko qabaachuu qaba.
Kowanne babban firist kuwa yana mika bayebaye da hadayu. Don haka ya kamata a sami abin hadaya.
4 Waan luboonni akka seeraatti kennaa dhiʼeessan duraanuu jiraniif, inni utuu lafa irra jiraatee silaa luba hin taʼu ture.
Da a ce Almasihu yana duniya ba zai zama firist ba ko kadan.
5 Isaanis iddoo qulqullummaa kan fakkeenyaa fi gaaddidduu wantoota samii tajaajilu. Waaqnis yommuu Museen dunkaana qulqulluu dhaabuuf kaʼetti, “Waan hunda akkuma fakkeenya tulluu irratti sitti argisiifame sanaatti hojjechuu kee mirkaneeffadhu!” jedhee isa akeekkachiisuun isaa kanumaaf.
Domin a kwai masu mika hadaya bisa ga shari'a. Suna hidimar misalin abubuwan da suke inuwar sama. Kamar yadda Allah ya yi wa Musa gargadi yayin da ya ke shirin gina Alfarwa: ''Duba'' Allah ya ce, ''kayi komai bisa ga salon da aka koya maka a bisa dutse.”
6 Garuu akkuma kakuun inni Yesuus gidduu galeessa taʼeef sun kakuu moofaa akka malee caalu sana tajaajilli inni fudhates tajaajila isaanii irra guddaa dha; kakuun haaraan waadaa caalu irratti hundeeffameetii.
Amma yanzu hidimar da Almasihu ya karba ta dara tasu dukka, domin kuwa shine matsakancin muhimmin alkawari, wanda aka kammala a kan muhimman alkawura.
7 Utuu kakuun jalqabaa sun mudaa qabaachuu baatee silaa kakuun lammaffaan hin barbaachisu ture.
Domin kuwa idan alkawarin fari ba shi da laifi babu anfanin neman alkawari na biyu.
8 Waaqni garuu saba sana irratti balleessaa argee akkana jedha; “Yeroon ani itti mana Israaʼel wajjin, mana Yihuudaa wajjinis, kakuu haaraa galu ni dhufa jedha Gooftaan.
Da Allah ya sami laifi akan mutane, sai ya ce ''Zan sake sabon alkawari da gidan Isra'ila da kuma gidan Yahuza.
9 Kakuun kunis kakuu ani, yeroo biyya Gibxiitii isaan baasuuf jedhee harka isaanii qabe sana abbootii isaanii wajjin gale sanaan tokko miti; isaan kakuu kootti jabaatanii waan hin dhaabatiniif, ani isaan irraa gara galeera, jedha Gooftaan.
kuma ba zai zama kamar yadda nayi da kakanninku ba, kamar yadda na rike su a hannu har Na fidda su daga kasar Masar. Basu kuma ci gaba da Alkawarina ba, ni kuwa na yi watsi da su,'' inji Ubangiji.
10 Kakuun ani yeroo sana booddee mana Israaʼel wajjin galu kanaa dha, jedha Gooftaan. Ani seera koo qalbii isaanii keessa nan kaaʼa; garaa isaanii keessattis nan barreessa. Ani Waaqa isaanii nan taʼa; isaanis saba koo ni taʼu.
Gama wanna shine alkawarin da zan yi da gidan Isra'ila bayan wadannan kwanaki, Inji Ubangiji. Zan sa shari'a ta a bakinsu in kuma rubuta ta a zuciyarsu, Zan kuma zama Allah a garesu, su kuma su zama jama'ata.
11 Sababii hundi isaanii, xinnaa hamma guddaatti na beekaniif, siʼachi namni kam iyyuu, ‘Gooftaa beeki’ jedhee, ollaa isaa yookaan obboleessa isaa hin barsiisu.
Ba za su kuma koyar da makwabta ko yan'uwansu cewa, ''ku san Ubangiji'' gama dukkanin su za su san ni, daga karami har zuwa babba.
12 Ani daba isaanii nan dhiisaaf; cubbuu isaaniis siʼachi hin yaadadhu.”
Zan kuma nuna tausayi ga ayyukan su na rashin adalci, ba kuma zan kara tunawa da zunubansu ba.
13 Innis kakuu kanaan “haaraa” jedhee kakuu jalqabaa sana moofesseera; wanni moofaʼee fi wanni dulloome dafee bada.
A kan fadin ''sabo'' ya mayar da alkawarin fari tsoho. Wannan kuma da aka ambata tsoho na shirin bacewa.

< Ibroota 8 >