< Ibroota 7 >

1 Malkiiseedeq mootii Saalemiitii fi luba Waaqa Waan Hundaa Olii ture. Innis utuu Abrahaam mootota moʼatee deebiʼuu itti dhufee isa eebbise;
原來這默基瑟德是撒冷王,是至高者天主的司祭;當亞巴郎打敗眾王回來時,他來迎接,且祝福了他。
2 Abrahaamis waan hundumaa kudhan keessaa tokko isaaf kenne. Jalqabatti maqaan isaa, “Mootii qajeelummaa” jechuu dha; ergasii immoo, “Mootii Saalem” jechuunis, “Mootii nagaa” jechuu dha.
亞巴郎就由所有的一切之中,拿出十分之一分給了他;他的名字默基瑟德,第一可稱作「正義之王,」他也可稱作「撒冷之王」,就是「和平之王」之意。
3 Inni abbaa yookaan haadha hin qabu; hidda dhalootaas hin qabu; jalqaba guyyootaa yookaan dhuma jireenyaas hin qabu; inni akkuma Ilma Waaqaatti luba bara baraa taʼee jiraata.
他無父,無母,無族譜,生無始,壽無終:他好像天主子,永久身為司祭。
4 Egaa Abrahaam hangafni abbootii iyyuu erga waan boojiʼe irraa kudhan keessaa tokko isaaf kennee, Malkiiseedeq hammam guddaa akka taʼe mee ilaalaa!
你們要想想:這人是多麼偉大,連聖祖亞巴郎也由上的戰利品中,取了十分之一獻給了他,
5 Ilmaan Lewwii warri luboota taʼan yoo obboloonni isaanii sanyii Abrahaam taʼan iyyuu namoota irraa jechuunis obbolootuma isaanii irraa kudhan keessaa tokko akka fudhatan seerri ni ajaja.
那些由肋未子孫中領受司職的,固然有命向人民,按法律徵收什一之物,既向他們的弟兄,雖然都是出自亞巴郎的腰中,
6 Namichi sanyii isaanii irraa hin taʼin kun garuu Abrahaam isa waadaan galameef sana irraa kudhan keessaa tokko fudhatee isa eebbise.
可是不屬於他們世系的那一位,卻收了亞巴郎的什一之物,並祝福了那蒙受恩許的。
7 Inni xinnaan akka isa guddaadhaan eebbifamu shakkii hin qabu.
從來,在下的受在上的祝福,這是無人可反對的。
8 Karaa tokkoon kudhan keessaa tokko namoota duʼa hin oolleen walitti qabama; karaa kaaniin immoo isa jiraataa taʼuun isaa dhugaa baʼameef sanaan walitti qabama.
在這裏那些領受什一之物的,是有死的人;但是那裏領受什一之物的,卻是一位證明了常活著的人。
9 Lewwiin inni kudhan keessaa tokko walitti qabu mataan isaa iyyuu kudhan keessaa harka tokko karaa Abrahaamiitiin baaseera jechuun ni dandaʼama;
並且可說:連那領受什一之物的肋未,也藉著亞巴郎,交納了什一之物,
10 Malkiiseedeq yommuu Abrahaamin simatetti Lewwiin mudhii abbaa ofii isaa keessa tureetii.
因為當默基瑟德迎接亞巴郎的時候,肋未還在祖先的腰中。
11 Utuu sirni lubummaa Lewwii kan hirʼina hin qabne taʼee, silaa lubni biraa kan akka sirna lubummaa Aroonitti utuu hin taʼin lubni akka sirna lubummaa Malkiiseedeqitti filatame dhufuun isaa maaliif barbaachise ree? Seerri sirna lubummaa Lewwii kana irratti hundeeffamee sabaaf kennameetii.
那時,如果藉著肋未司祭職能有成全──因為選民就是本著這司祭職接受了法律──為什麼還須要興起另一位,按照默基瑟德品位的司祭,而不稱為亞郎的品位呢﹖
12 Yommuu lubummaan geeddaramu seerichis akkasuma geeddaramaatii.
如今司祭職一變更,法律也必然變更,
13 Inni wanni kun waaʼee isaa dubbatame sun gosti isaa kan biraa ti; gosa kana keessaas namni tokko iyyuu takkumaa iddoo aarsaa hin tajaajille.
因為這裏所論到的那一位,原是屬於另一支派,由這一支派中,沒有一個人曾在祭壇服務過。
14 Gooftaan keenya akka sanyii Yihuudaa irraa dhalate beekamaadhaatii; Museenis gosa sana ilaalchisee waaʼee lubummaa homaa hin dubbanne.
顯然我們的主是由猶太支派出生的,關於這一支派,梅瑟從未提到司祭的事。
15 Yommuu lubni akka Malkiiseedeqi kan biraa kaʼutti, wanni nu dubbanne sun ittuma caalee ifa taʼa;
既然有另一位司祭,是按照默基瑟德的品級興起的,那我們所討論的就更顯明了,
16 innis utuu ajaja fooniitiin hin taʼin humna jireenya hin badneetiin luba taʼe.
因為衪之成為司祭,並不是按照血統所規定的法則,而是按照不可消滅的生命的德能,
17 Waaʼee isaas, “Akkuma sirna Malkiiseedeqitti, ati luba bara baraa ti” jedhamee dhugaa baʼameeraafiitii. (aiōn g165)
因為有聖經給它作證:『你照默基瑟德的品位永做司祭。』 (aiōn g165)
18 Ajajni duraa sun waan dadhabaa fi kan hin fayyadne tureef diigameera.
先前的誡命之廢除,是由於它的弱點和無用,
19 Sababii seerri waanuma tokko illee kan mudaa hin qabne hin godhiniif abdiin caalu kan nu ittiin gara Waaqaatti dhiʼaannu tokko dhufeera.
因為法律本來就不能成就什麼;可是如今引進了一個更好的希望,因著這希望,我們纔能親近天主。
20 Kunis kakaa malee hin taane! Warri kaan immoo kakaa tokko malee luboota taʼan;
再者,耶穌成為司祭是具有天主誓言其他的司祭並沒有這種誓言就成了司祭。
21 inni garuu yeroo Waaqni, “Gooftaan, ‘Ati luba bara baraa ti’ jedhee kakateera; inni yaada isaa hin geeddaru” isaan jedhetti kakaadhaan luba taʼe. (aiōn g165)
耶穌成為司祭,卻具有誓言,因為天主向他說:『上主一發了誓,他決不再反悔;你永為司祭。』 (aiōn g165)
22 Yesuus sababii kakaa kanaatiif kakuu caaluuf wabii taʼeera.
如此,耶穌就成了更好的盟約的擔保人。
23 Luboonni durii sababii duuti akka isaan tajaajila itti hin fufneef isaan dhowweef baayʼee turan;
再者,肋未人成為司祭的,人數眾多,因為死亡阻礙他們長久留任,
24 Yesuus garuu waan bara baraan jiraatuuf lubummaa hin geeddaramne qaba. (aiōn g165)
但是耶穌因永遠長存,具有不可消逝的司祭品位。 (aiōn g165)
25 Kanaaf inni yeroo hundumaa waan isaaniif kadhachuuf jiraatuuf warra karaa isaatiin gara Waaqaa dhufan guutumaan guutuutti fayyisuu ni dandaʼa.
因此,凡由他而接近天主的人,他全能拯救,因為他常活著,為他們轉求。
26 Egaa luba ol aanaa qulqulluu, kan mudaa hin qabne, kan xurii hin qabne, kan cubbamoota irraa adda taʼe, samii olittis kan kabajame akkasii qabaachuun nu barbaachisa.
這樣的大司祭纔適合於我們,他是聖善的、無辜的、無玷的、別於罪人的、高於諸天的;
27 Inni akka luboota ol aantota kaaniitti guyyuma guyyaan duraan dursee cubbuu ofii isaatiif, ergasii immoo cubbuu namootaatiif aarsaa dhiʼeessuun isa hin barbaachisu. Inni yommuu of kenne sanatti al tokko yeroo hundaaf cubbuu namootaatiif aarsaa dhiʼeesseeraatii.
無須像那些大司祭一樣,每日要先為自己的罪,後為人民的罪,祭獻犧牲;因為衪奉獻了自己,只一次而為永遠完成了這事,
28 Seerichi namoota dadhaboo, luboota ol aantota godhee muudaatii; dubbiin kakaa kan seera booddee dhufe garuu, Ilma Waaqaa isa bara baraan mudaa hin qabne sana muuda. (aiōn g165)
因為法律所立為大司祭的人是有弱點的;可是在法律以後,以誓言所立的聖子,卻是成全的,直到永遠。 (aiōn g165)

< Ibroota 7 >