< Ibroota 6 >
1 Kanaafuu kottaa barsiisa waaʼee Kiristoos isa jalqabaa sana dhiifnee gara bilchinaatti dabarraa; waaʼee hojii gara duʼaatti nama geessuu irraa deebiʼuu fi waaʼee Waaqatti amanuu lammata hundee hin buufnu;
Dole mu yi ƙoƙarin zama balagaggu mu kuma fara tunani game da abubuwan da suka fi koyarwan nan mai sauƙi game da Kiristi. Bai kamata mu ci gaba da magana game da me ya sa dole mu juye daga ayyukan da suke kawo mutuwa da kuma me ya sa za mu kasance da bangaskiya a cikin Allah ba.
2 akkasumas barsiisa waaʼee cuuphaa, waaʼee harka nama irra kaaʼuu, waaʼee duʼaa kaʼuu warra duʼaniitii fi waaʼee murtii bara baraa ammas hundee hin buufnu. (aiōnios )
Kuma bai kamata mu ci gaba da koyar da umarnai game da baftisma, ɗibiya hannuwa, tashin matattu, da kuma madawwamin hukunci ba. (aiōnios )
3 Nus yoo Waaqni jedhe waan kana ni goona.
Da yardar Allah, za mu ci gaba ga ƙarin ganewa.
4 Warra yeroo tokko ifni ifeefii kennaa samii dhandhamatan, kanneen Hafuura Qulqulluu irraa qooddatan,
Waɗanda suka taɓa samun haske, waɗanda suka ɗanɗana kyauta ta sama, waɗanda suka sami rabo cikin Ruhu Mai Tsarki,
5 warra gaarummaa dubbii Waaqaatii fi humna bara dhufuuf jiru sanaa dhandhamatanii (aiōn )
waɗanda suka ɗanɗana daɗin maganar Allah da kuma ikokin zamani mai zuwa, (aiōn )
6 ergasii garuu amantii irraa gara galan, gara qalbii jijjiirrannaatti isaan fiduun hin dandaʼamu; sababiin isaas isaan fedhuma isaaniitiin deebisanii Ilma Waaqaa ni fannisu; fuula namootaa durattis salphinatti isa saaxilu.
ba ya yiwuwa a sāke kawo su ga tuba in suka kauce, domin suna sāke gicciye Ɗan Allah ke nan suna kuma kunyata shi a gaban jama’a.
7 Lafti bokkaa yeroo baayʼee irratti roobu dhugdee warra ishee qotataniif midhaan fayyadu kennitu eebba Waaqaa argatti.
Ƙasar da take shan ruwan sama da yake fāɗi a kanta kullum da kuma take ba da hatsin da yake da amfani ga waɗanda ake noma dominsu, takan sami albarkar Allah.
8 Lafti qoraattii fi sokorruu biqilchitu garuu faayidaa hin qabdu; abaaramuus geesseerti. Dhumni ishees gubamuu dha.
Amma ƙasar da take ba da ƙaya da sarƙaƙƙiya ba ta da amfani tana kuma cikin hatsarin la’ana. A ƙarshe za a ƙone ta.
9 Yaa michoota jaallatamtoota, nu yoo akkana dubbanne illee waaʼee keessan waan wayyu, waan fayyina wajjin deemus akka qabdan mirkaneeffanneerra.
Abokaina, ko da yake muna irin maganan nan, mun tabbata kuna yi abubuwan nan masu kyau da waɗanda suka sami ceto suke yi.
10 Waaqni qulqulloota tajaajiluu keessanii fi ammas tajaajiluu keessaniin hojii isin hojjettanii fi jaalala maqaa isaatiif argisiiftan irraanfachuuf jalʼaa mitiitii.
Allah ba marar adalci ba ne. Ba zai manta da aikinku da kuma ƙaunar da kuka nuna masa wajen taimakon mutanensa da kuma ci gaba da taimakonsu da kuke yi ba.
11 Nus akka tokkoon tokkoon keessan abdii keessan mirkaneessitanii hamma dhumaatti tattaaffii akkanaa argisiiftan barbaanna.
Muna so kowannenku yă nuna ƙwazon nan har zuwa ƙarshe, domin ku tabbatar da begenku.
12 Nu akka isin fakkeenya warra amantii fi obsaan waan waadaa galame sana dhaalanii duukaa buutan barbaanna malee akka isin dhibaaʼoo taatan hin barbaannu.
Ba ma so ku zama masu ƙyuya, sai dai ku yi koyi da waɗanda ta wurin bangaskiya da haƙuri suka gāji abin da aka yi alkawari.
13 Waaqni yeroo Abrahaamiif waadaa galetti kan isa caalu kan inni ittiin kakatu tokko iyyuu waan hin jirreef matuma ofiitiin kakate.
Babu wanda ya fi Allah, saboda haka sa’ad da ya yi alkawari ga Ibrahim, sai ya rantse da sunansa,
14 Innis, “Ani dhugumaan eebba, sin eebbisa; baayʼisuus si baayʼisa” jedha.
cewa, “Tabbatacce zan albarkace ka in kuma ba ka zuriya mai yawa.”
15 Kanaafuu Abrahaam obsaan eeggatee waan waadaa galame sana argate.
Haka kuwa bayan Ibrahim ya jira da haƙuri, sai ya karɓi abin da aka yi alkawari.
16 Namoonni kan isaan caaluun kakatu; kakuun sunis waan jedhame sana mirkaneessee akka falmiin hundumtuu fiixaan baʼu godha.
In mutane za su yi rantsuwa sukan yi haka da wanda ya fi su ne, rantsuwar kuwa takan tabbatar da abin da aka faɗa ta kuma kawo ƙarshen dukan gardama.
17 Waaqni haala kaayyoo isaa kan hin geeddaramne sana caalaatti ibsee warra waadaa dhaalanitti argisiisuu waan barbaadeef waadaa sana kakuudhaan cimse.
Saboda haka da Allah ya so yă bayyana nufinsa marar canjawa a sarari ga magādan abin da aka yi alkawari, sai ya tabbatar da shi da rantsuwa.
18 Egaa waan hin geeddaramne kan Waaqni waaʼee isaanii sobuu hin dandeenye lamatu jira; kanaafuu nu warri isatti baqanne abdii fuula keenya dura kaaʼame sana jabeessinee qabachuuf jajjabina guddaa qabna.
Allah ba ya karya! Haka ma alkawuransa da rantsuwarsa abubuwa biyu ne da ba a iya canjawa. Mun gudu zuwa wurin Allah domin kāriya. Ya kamata alkawuransa su ƙarfafawa sosai mu riƙe begen nan da yake gabanmu.
19 Nus abdii kana akka hiituu dooniitti lubbuuf qabna. Abdiin kunis iddoo qulqulluu golgaa duuba jiru sana ol seena;
Muna da wannan bege kamar anka na rai, kafaffe da kuma tabbatacce. Yana shiga tsattsarkan wuri na can ciki a bayan labule,
20 iddoon kunis kan Yesuus iddoo keenya buʼee nu dursee itti ol seenee dha. Innis akka sirna Malkiiseedeqitti luba ol aanaa bara baraa taʼeera. (aiōn )
inda Yesu, wanda ya sha gabanmu, ya shiga a madadinmu. Ya zama babban firist na har abada, bisa ga tsarin Melkizedek. (aiōn )