< Ibroota 6 >
1 Kanaafuu kottaa barsiisa waaʼee Kiristoos isa jalqabaa sana dhiifnee gara bilchinaatti dabarraa; waaʼee hojii gara duʼaatti nama geessuu irraa deebiʼuu fi waaʼee Waaqatti amanuu lammata hundee hin buufnu;
所以,不要困于关于基督的基本教义,而是要努力成长为更成熟的理解。不需要再去重温忏悔过去所作所为的想法、关于信上帝、
2 akkasumas barsiisa waaʼee cuuphaa, waaʼee harka nama irra kaaʼuu, waaʼee duʼaa kaʼuu warra duʼaniitii fi waaʼee murtii bara baraa ammas hundee hin buufnu. (aiōnios )
或关于洗礼、按手礼、死人复活和永远审判的教义。 (aiōnios )
3 Nus yoo Waaqni jedhe waan kana ni goona.
只要上帝允许,我们就这样作。
4 Warra yeroo tokko ifni ifeefii kennaa samii dhandhamatan, kanneen Hafuura Qulqulluu irraa qooddatan,
因为一个人如果曾理解和经历上帝的天堂恩赐、曾分享过圣灵、
5 warra gaarummaa dubbii Waaqaatii fi humna bara dhufuuf jiru sanaa dhandhamatanii (aiōn )
曾知晓上帝正直良善之道以及在来世的力量, (aiōn )
6 ergasii garuu amantii irraa gara galan, gara qalbii jijjiirrannaatti isaan fiduun hin dandaʼamu; sababiin isaas isaan fedhuma isaaniitiin deebisanii Ilma Waaqaa ni fannisu; fuula namootaa durattis salphinatti isa saaxilu.
然后完全抛弃上帝, 就不可能再让他们重新悔改了,因为他们亲自把上帝之子再次钉在十字架上,公然羞辱他。
7 Lafti bokkaa yeroo baayʼee irratti roobu dhugdee warra ishee qotataniif midhaan fayyadu kennitu eebba Waaqaa argatti.
这就像一块地,以雨水浇灌,为种植土地之人生出粮食,就是获得上帝的祝福。
8 Lafti qoraattii fi sokorruu biqilchitu garuu faayidaa hin qabdu; abaaramuus geesseerti. Dhumni ishees gubamuu dha.
但如果这块地只生出野草和荆棘,就没有价值了,几乎等于被定罪,最终能做的就是将其焚烧。
9 Yaa michoota jaallatamtoota, nu yoo akkana dubbanne illee waaʼee keessan waan wayyu, waan fayyina wajjin deemus akka qabdan mirkaneeffanneerra.
但亲爱的朋友们,我们虽然这样说,却深信你们会做得更好,你们会得到救赎。
10 Waaqni qulqulloota tajaajiluu keessanii fi ammas tajaajiluu keessaniin hojii isin hojjettanii fi jaalala maqaa isaatiif argisiiftan irraanfachuuf jalʼaa mitiitii.
因为上帝并不是不公义,他没有忘记了你们做过的一切,以及你们以他之名所表现的爱心,以前服侍过信徒,现在仍在这样做。
11 Nus akka tokkoon tokkoon keessan abdii keessan mirkaneessitanii hamma dhumaatti tattaaffii akkanaa argisiiftan barbaanna.
我们希望你们每个人都表现同样的热诚,相信上帝的希望,直到它实现。
12 Nu akka isin fakkeenya warra amantii fi obsaan waan waadaa galame sana dhaalanii duukaa buutan barbaanna malee akka isin dhibaaʼoo taatan hin barbaannu.
在精神上不要懒惰,而是要效法那些通过信上帝和耐心、让上帝承诺变成现实的人。
13 Waaqni yeroo Abrahaamiif waadaa galetti kan isa caalu kan inni ittiin kakatu tokko iyyuu waan hin jirreef matuma ofiitiin kakate.
上帝承诺亚伯拉罕时,因为没有比他更伟大之人可以指着起誓,他就指着自己起誓,
14 Innis, “Ani dhugumaan eebba, sin eebbisa; baayʼisuus si baayʼisa” jedha.
说:“我必定赐福给你,必定让你后代满堂。”
15 Kanaafuu Abrahaam obsaan eeggatee waan waadaa galame sana argate.
于是亚伯拉罕耐心等待,这承诺终于办成现实。
16 Namoonni kan isaan caaluun kakatu; kakuun sunis waan jedhame sana mirkaneessee akka falmiin hundumtuu fiixaan baʼu godha.
人都要指着比自己更伟大的发誓。如果他们中间有什么纠纷,这誓言就像是一锤定音,解决这些纠纷。
17 Waaqni haala kaayyoo isaa kan hin geeddaramne sana caalaatti ibsee warra waadaa dhaalanitti argisiisuu waan barbaadeef waadaa sana kakuudhaan cimse.
上帝也是通过发誓,向那些获得承诺之人更清楚地表明,他的心意不会更改。
18 Egaa waan hin geeddaramne kan Waaqni waaʼee isaanii sobuu hin dandeenye lamatu jira; kanaafuu nu warri isatti baqanne abdii fuula keenya dura kaaʼame sana jabeessinee qabachuuf jajjabina guddaa qabna.
所以这两件事是不能更改的,因为上帝是决不说谎。因此,我们这些为安全而逃亡之人,完全可以相信,抓紧上帝呈现给我们的希望。
19 Nus abdii kana akka hiituu dooniitti lubbuuf qabna. Abdiin kunis iddoo qulqulluu golgaa duuba jiru sana ol seena;
这希望就像灵魂的锚,又确定又坚固,引领我们穿越帐幔走到上帝面前。
20 iddoon kunis kan Yesuus iddoo keenya buʼee nu dursee itti ol seenee dha. Innis akka sirna Malkiiseedeqitti luba ol aanaa bara baraa taʼeera. (aiōn )
耶稣已代表我们去了那里,因为他已经按照麦基洗德的次序成为大祭司。 (aiōn )