< Ibroota 5 >

1 Tokkoon tokkoon luba ol aanaa namoota gidduudhaa filatamee waan Waaqa ilaallatu irratti namoota iddoo buʼee sababii cubbuutiif kennaa fi aarsaa dhiʼeessuuf muudama.
For every high priest taken from among men is ordained for men in things pertaining to God, that he may offer both gifts and sacrifices for sins:
2 Inni mataan isaa iyyuu waan dadhabbii keessa jiruuf wallaaltotaa fi warra karaa irraa jallataniif garaa laafuu ni dandaʼa.
Who can have compassion on the ignorant, and on them that are out of the way; for that he himself also is compassed with infirmity.
3 Sababii kanaaf inni cubbuu ofii isaatiif, akkasumas cubbuu namootaatiif aarsaa dhiʼeessuu qaba.
And by reason hereof he ought, as for the people, so also for himself, to offer for sins.
4 Nama akkuma Aroonitti Waaqaan waamame malee, namni kam iyyuu ulfina kana ofii isaatiif hin fudhatu.
And no man taketh this honour unto himself, but he that is called of God, as was Aaron.
5 Kiristoosis akkasuma luba ol aanaa taʼuuf of hin ulfeessine. Waaqni garuu, “Ati Ilma koo ti; ani harʼa si dhalcheera” jedheen.
So also Christ glorified not himself to be made an high priest; but he that said unto him, Thou art my Son, to day have I begotten thee.
6 Iddoo biraattis, “Akkuma sirna Malkiiseedeqitti, ati luba bara baraa ti” jedha. (aiōn g165)
As he saith also in another place, Thou art a priest for ever after the order of Melchisedec. (aiōn g165)
7 Yesuus yeroo lafa irra jiraachaa turetti iyya guddaa fi imimmaaniin isa duʼa isa oolchuu dandaʼu sanatti kadhannaa fi waammata dhiʼeeffate; sababii inni sodaa Waaqaa qabuufis kadhannaan isaa ni dhagaʼameef.
Who in the days of his flesh, when he had offered up prayers and supplications with strong crying and tears unto him that was able to save him from death, and was heard in that he feared;
8 Inni Ilma taʼu iyyuu dhiphina isaa sana irraa ajajamuu barate;
Though he were a Son, yet learned he obedience by the things which he suffered;
9 erga kan mudaa hin qabne taasifamee immoo warra isaaf ajajaman hundaaf burqaa fayyina bara baraa taʼe. (aiōnios g166)
And being made perfect, he became the author of eternal salvation unto all them that obey him; (aiōnios g166)
10 Akka sirna Malkiiseedeqittis luba ol aanaa jedhamee Waaqaan waamame.
Called of God an high priest after the order of Melchisedec.
11 Nu waaʼee isaa waan jennu baayʼee qabna; isin garuu waan hubachuutti dadhaboo taataniif isinii ibsuun rakkisaa dha.
Of whom we have many things to say, and hard to be uttered, seeing ye are dull of hearing.
12 Isin yeroo kanatti barsiistota taʼuu qabdu ture; isin immoo nama waaʼee dhugaa dubbii Waaqaa kan jalqabaa irra deebiʼee isin barsiisutu isin barbaachisa. Nyaata jabaataas utuu hin taʼin aannan isin barbaachisa.
For when for the time ye ought to be teachers, ye have need that one teach you again which be the first principles of the oracles of God; and are become such as have need of milk, and not of strong meat.
13 Namni aannaniin jiraatu kam iyyuu waan amma illee daaʼima taʼeef dubbii qajeelummaa hin beeku.
For every one that useth milk is unskilful in the word of righteousness: for he is a babe.
14 Nyaanni jabaataan garuu namoota bilchaatoo kanneen waan gaarii fi waan hamaa gargar baasanii beekuuf of leenjisaniif taʼa.
But strong meat belongeth to them that are of full age, even those who by reason of use have their senses exercised to discern both good and evil.

< Ibroota 5 >