< Ibroota 4 >

1 Kanaaf waadaan boqonnaa isaatti galuu sun amma iyyuu waan jiruuf isin keessaa namni kam iyyuu utuu boqonnaa sanatti hin galin akka hin hafne of haa eeggannu.
על כן נירא נא בהמצא עוד ההבטחה לבוא אל מנוחתו פן יראה איש מכם מאחר פעמיו׃
2 Wangeelli isaanitti lallabame nuttis lallabameeraatii; garuu dubbiin lallabame sun waan amantii isaaniitiin wal hin fudhanneef warra dhagaʼan sanaaf faayidaa tokko illee hin kennine.
כי גם אלינו באה הבשורה כמו אליהם אך לא הועיל להם דבר השמועה מפני אשר לא התערב באמונה לשמעים׃
3 Nu warri amanne boqonnaa sanatti ni galla; kunis akkuma inni, “Kanaafuu ani dheekkamsa kootiin, ‘Isaan boqonnaa kootti hin galan’ jedhee kakadhe” jedhu sanaa dha. Taʼus hojiin isaa uumama addunyaatii jalqabee xumurameera.
כי באי המונה אנחנו המאמינים כמו שאמר אשר נשבעתי באפי אם יבאון אל מנוחתי אף כי נגמרו מעשי יהוה מעת הוסד העולם׃
4 Innis iddoo tokkotti waaʼee guyyaa torbaffaa; “Waaqni guyyaa torbaffaatti hojii isaa hundumaa irraa boqote” jedhee dubbate.
כי על היום השביעי אמר במקום אחד וישבת ביום השביעי מכל מלאכתו׃
5 Ammas inni iddoodhuma kanatti, “Isaan boqonnaa kootti hin galan” jedha.
ובמקום הזה אמר עוד אם יבאון אל מנוחתי׃
6 Amma iyyuu akka namoonni tokko tokko itti galaniif iddoon boqonnaa sun hambifameera; warri duraan wangeelli itti lallabame sun immoo sababii ajajamuu didaniif boqonnaa sanatti hin galle.
ויען כי יש עוד מקום לבוא אליה ואשר התבשרו בראשונה המה לא באו שם בעבור המרי׃
7 Kanaafuu Waaqni deebisee guyyaa tokko “Harʼa” jedhee waamuudhaan murteesse. Innis akkuma kanaan dura dubbatame sana bara dheeraa booddee karaa Daawitiitiin, “Isin yoo harʼa sagalee isaa dhageessan, mataa hin jabaatinaa” jedha.
לכן הוסיף לקבוע יום באמרו היום על ידי דוד מקץ ימים רבים כמו שנאמר היום אם בקלו תשמעו אל תקשו לבבכם׃
8 Utuu Iyyaasuun boqonnaa sanatti isaan galchee jiraatee, silaa Waaqni ergasii waaʼee guyyaa biraa hin dubbatu tureetii.
כי אלו יהושע הניח להם לא היה מדבר אחרי זאת על יום אחר׃
9 Kanaafuu boqonnaan Sanbataa saba Waaqaatiif kaaʼameera;
על כן נשארה עוד מנוחת שבת לעם אלהים׃
10 namni boqonnaa Waaqaatti galu kam iyyuu akkuma Waaqni hojii isaa irraa boqote sana, innis hojii isaa irraa ni boqota.
כי הבא אל מנוחתו גם הוא שבת ממלאכתו כמו האלהים משלו׃
11 Kanaafuu akka namni tokko illee fakkeenya ajajamuu diduu jara sanaa duukaa buʼee boqonnaa sanatti galuu hin dhabneef kottaa boqonnaa sanatti galuuf ni tattaaffannaa.
לכן נשקדה נא לבוא אל המנוחה ההיא למען אשר לא יכשל איש והיה ממרה כמוהם׃
12 Dubbiin Waaqaa jiraataa fi kan hojjetuudhaatii. Goraadee qara lama qabu kam iyyuu caalaa qaramaa dha; hamma lubbuu fi hafuura, buusaa fi dhuka gargar baasutti waraanee seena; yaadaa fi fedhii garaa namaas ni qora.
כי דבר האלהים חי הוא ופעל גבורות וחד מחרב פיפיות ונכנס עד להבדיל בין נפש לרוח ובין הדבקים למוח ובחן מחשבות לבב ומזמותיו׃
13 Uumama hunda keessaa wanti fuula Waaqaa duraa dhokatu tokko illee hin jiru. Wanti hundi ija isaa duratti qullaa fi saaqamaa dha; nus waaʼee mataa keenyaa deebii kennuufii qabna.
ואין כל נברא נסתר מנגדו כי הכל חשוף וגלוי לעיני בעל דברים שלנו׃
14 Egaa luba ol aanaa guddicha isa samiiwwan keessa darbe, Yesuus Ilma Waaqaa waan qabnuuf kottaa amantii keenya jabeessinee qabannaa.
ועתה בהיות לנו כהן ראש גדול אשר עבר בשמים הוא ישוע בן האלהים נחזיקה בהודאתנו׃
15 Nu luba ol aanaa dadhabbii keenya keessatti garaa nuu hin laafne hin qabnuutii; garuu kan waan hundaan akkuma keenya qorame qabna; taʼus inni cubbuu hin hojjenne.
כי אין לנו כהן גדול אשר לא יוכל להצטער על חליינו כי אם המנסה בכל כמונו אך בלי חטא׃
16 Kanaafuu akka araara argannuu fi akka ayyaana yeroo nu barbaachisutti nu gargaaru argannuuf kottaa gara teessoo ayyaanaatti sodaa malee dhiʼaannaa.
על כן נקרבה בבטחון אל כסא החסד לשאת רחמים ולמצא חסד לעזרה בעתה׃

< Ibroota 4 >