< Ibroota 3 >
1 Kanaafuu yaa obboloota qulqulloota, warra waamicha samii keessatti hirmaattan, Yesuus ergamaa fi luba ol aanaa amantii keenyaa sana ilaalaa.
Kwa hiyo ndugu watakatifu, mnaoshiriki mwito wa mbinguni, mtafakarini Yesu, mtume na Kuhani Mkuu wa ukiri wetu.
2 Akkuma Museen mana Waaqaa hunda keessatti amanamaa ture sana innis isa isa muudeef amanamaa ture.
Alikuwa mwaminifu kwa yeye aliyemweka, kama vile Mose alivyokuwa mwaminifu katika nyumba yote ya Mungu.
3 Akkuma namni mana ijaaru tokko mana sana caalaa kabaja guddaa qabu, innis Musee caalaa kabaja guddaa qaba.
Yesu ameonekana anastahili heshima kubwa kuliko Mose, kama vile mjenzi wa nyumba alivyo wa heshima kubwa kuliko nyumba yenyewe.
4 Tokkoon tokkoon manaa namaan ijaaramaatii; kan waan hunda ijaare garuu Waaqa.
Kwa kuwa kila nyumba hujengwa na mtu fulani, lakini Mungu ni mjenzi wa kila kitu.
5 Museen waan fuul duratti dubbatamuuf jiru dhugaa baʼuuf akka tajaajilaa tokkootti mana Waaqaa hunda keessatti amanamaa ture.
Basi Mose kama mtumishi alikuwa mwaminifu katika nyumba yote ya Mungu, akishuhudia kwa yale ambayo yangetamkwa baadaye.
6 Kiristoos garuu akka Ilmaatti mana Waaqaa irratti amanamaa dha. Nus yoo ija jabina keenyaa fi abdii ittiin boonnu sana jabeessinee qabanne, nu mana isaa ti.
Lakini Kristo ni mwaminifu kama Mwana katika nyumba ya Mungu. Sisi ndio nyumba yake, kama tutashikilia sana ujasiri wetu na tumaini tunalojivunia.
7 Kanaafuu akkuma Hafuurri Qulqulluun jedhu: “Isin yoo harʼa sagalee isaa dhageessan,
Kwa hiyo, kama Roho Mtakatifu asemavyo: “Leo, kama mkiisikia sauti yake,
8 akka yeroo qorumsaa gammoojjii keessatti finciluun gootan sana, mataa hin jabaatinaa;
msiifanye mioyo yenu migumu, kama mlivyofanya katika uasi, wakati ule wa kujaribiwa jangwani,
9 abbootiin keessan achitti na qoranii na ilaalan; waggaa afurtamas waan ani hojjedhe argan.
ambapo baba zenu walinijaribu na kunipima ingawa kwa miaka arobaini walikuwa wameyaona matendo yangu.
10 Kanaafuu ani dhaloota sanatti aaree, ‘Yeroo hunda qalbii isaaniitiin dogoggoru; isaan karaa koo hin beekne’ jedhe.
Hiyo ndiyo sababu nilikasirikia kizazi kile, nami nikasema, ‘Siku zote mioyo yao imepotoka, nao hawajazijua njia zangu.’
11 Kanaafuu ani dheekkamsa kootiin, ‘Isaan boqonnaa kootti hin galan’ jedhee kakadhe.”
Hivyo nikatangaza kwa kiapo katika hasira yangu, ‘Kamwe hawataingia rahani mwangu.’”
12 Yaa obboloota, akka isin keessaa namni tokko iyyuu garaa hamaa fi hin amanne kan Waaqa jiraataa irraa nama fageessu hin qabaanneef of eeggadhaa.
Ndugu zangu, angalieni, asiwepo miongoni mwenu mtu mwenye moyo mwovu usioamini, unaojitenga na Mungu aliye hai.
13 Garuu isin keessaa akka namni tokko iyyuu gowwoomsaa cubbuutiin mata jabeessa hin taaneef utuu “Harʼa” jedhamaa jiruu guyyuma guyyaan wal jajjabeessaa.
Lakini mtiane moyo mtu na mwenzake kila siku, maadamu iitwapo Leo, ili asiwepo hata mmoja wenu mwenye kufanywa mgumu kwa udanganyifu wa dhambi.
14 Nus yoo amantii keenya isa jalqabaa sana hamma dhumaatti jabeessinee qabanne Kiristoos wajjin hirmaattota ni taanaatii.
Kwa kuwa tumekuwa washiriki wa Kristo, kama tukishikamana tu kwa uthabiti na tumaini letu la kwanza hadi mwisho.
15 Kunis akkuma, “Isin yoo harʼa sagalee isaa dhageessan, akka yeroo fincilaa sana, mataa hin jabaatinaa” jedhamee barreeffamee dha.
Kama ilivyonenwa: “Leo, kama mkiisikia sauti yake, msiifanye mioyo yenu migumu kama mlivyofanya wakati wa kuasi.”
16 Warri dhagaʼanii fincilan sun eenyu? Warra Museen qajeelchee Gibxii baase sana hunda mitii?
Basi ni nani waliosikia lakini bado wakaasi? Je, si wale wote waliotoka Misri wakiongozwa na Mose?
17 Waaqni waggaa afurtama eenyu faatti aare? Warruma cubbuu hojjetanii reeffi isaanii gammoojjii keessatti kukkufe sanatti mitii?
Lakini ni nani aliowakasirikia miaka arobaini? Je, si wale waliofanya dhambi ambao miili yao ilianguka jangwani?
18 Yoo warruma ajajamuu didan sana taʼe malee Waaqni akka isaan gonkumaa boqonnaa isaatti hin galleef eenyu faatti kakate ree?
Ni nani hao ambao Mungu aliapa kuwa kamwe hawataingia rahani mwake isipokuwa ni wale waliokataa kutii?
19 Kanaafuu akka isaan sababii amantii dhabuu isaaniitiif boqonnaa sanatti galuu hin dandaʼin argina.
Hivyo tunaona kwamba hawakuweza kuingia kwa sababu ya kutokuamini kwao.