< Ibroota 13 >

1 Akka obbolootaatti wal jaallachuu itti fufaa.
Bari kaunar 'yan'uwa ta cigaba.
2 Keessumoota simachuu hin irraanfatinaa; namoonni tokko tokko akkasiin utuu hin beekin ergamoota Waaqaa simataniiruutii.
Kada ku manta da karrama baki, domin ta wurin yin haka, wasu suka marabci mala'iku ba tare da saninsu ba.
3 Warra mana hidhaa jiran akka waan isaan wajjin hidhamtaniitti, warra dhiphina keessa jiranis akka waan ofii dhiphattaniitti yaadadhaa.
Ku tuna da wadanda ke cikin kurkuku, kamar dai kuna tare da su cikin wannan hali. Kuma ku tuna da masu shan azaba kamar tare kuke cikin wannan hali
4 Fuudhaa fi heerumni nama hunda biratti haa kabajamu; sireen fuudhaa fi heerumaas qulqulluu haa taʼu; Waaqni ejjitootaa fi sagaagaltootatti ni muraatii.
Bari kowa ya girmama aure, bari kuma a tsarkake gadon aure, gama Allah zai shar'anta fasikai da mazinata.
5 Jireenya keessan jaalala maallaqaa irraa jabeessaa eeggadhaa; wanni qabdan isin haa gaʼu; Waaqni, “Ani gonkumaa si hin dhiisu; gonkumaas si hin gatu” jedheeraatii.
Bari halinku ya kubuta daga kaunar kudi. Ku dangana da abubuwan da kuke dasu, domin Allah da kansa yace, “Bazan barku ba, ba kuma zan yashe ku ba.”
6 Kanaaf nu ija jabinaan, “Gooftaan gargaaraa koo ti; ani hin sodaadhu. Namni maal na gochuu dandaʼa?” jenna.
Bari mu zama da dangana domin mu sami gabagadin cewa, “Ubangiji ne mai taimakona, ba zan ji tsoro ba. To me mutum zai iya yi mani?”
7 Hooggantoota keessan warra dubbii Waaqaa isinitti himanii turan sana yaadadhaa. Waan jireenya isaanii irraa argames ilaalaa; amantii isaanii duukaa buʼaa.
Ku fa lura da wadanda ke shugabanninku, wadanda suka horar da ku cikin maganar Allah, kuma ku lura da sakamakon rayuwarsu, ku yi koyi da bangaskiyarsu.
8 Yesuus Kiristoos kaleessa, harʼa, bara baraanis sanuma. (aiōn g165)
Yesu Almasihu daya ne a jiya, da yau, da har abada. (aiōn g165)
9 Barsiisa gosa hundumaa kan keessummaa taʼeen hin fudhataminaa. Garaan keenyas sirna waaʼee nyaataatiin utuu hin taʼin ayyaanaan jabina argachuu qaba; sirni waaʼee nyaataa warra isa kabajan iyyuu hin fayyadu.
Kada ku kauce zuwa ga bakin koyarwa daban daban, domin yana da kyau zuciya ta ginu ta wurin alheri, amma ba da dokoki game da abinci ba, wadanda basu taimaki wadanda suka kiyayesu ba.
10 Nu iddoo aarsaa kan warri dunkaana qulqulluu keessa tajaajilan irraa nyaachuuf mirga hin qabne tokko qabna.
Muna da bagadin da wadanda ke hidima a cikin alfarwa basu da ikon su ci daga bisansa.
11 Lubni ol aanaan dhiiga horii qabatee sababii cubbuutiif aarsaa dhiʼeessuuf jedhee Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sana seena; foon horii sanaas qubata keessaa gad baafamee gubama.
Babban firist na shiga wuri mai tsarki da jinin dabbobin da aka yanka, hadayar zunubai, amma namansu a kan kai bayan sansani a kone shi.
12 Kanaafuu Yesuusis dhiiga ofiitiin saba qulqulleessuuf jedhee karra magaalattiitiin alatti dhiphate.
Domin haka Yesu shima ya sha wahala a bayan kofar birnin, domin ya tsarkake mutane ta wurin jininsa.
13 Egaa kottaa nus salphina inni baate sana baannee iddoo qubataatiin ala gara isaa haa dhaqnu.
Domin haka bari mu tafi gare shi a bayan sansani dauke da kunyarsa.
14 Nu magaalaa dhufuuf jirtu eegganna malee magaalaa bara baraa asii hin qabnuutii.
Domin bamu da wani birni dawwamamme a nan. Maimako haka muna bidar birni dake zuwa.
15 Kanaafuu kottaa utuu gargar hin kutin karaa Yesuusiitiin aarsaa galataa Waaqaaf haa dhiʼeessinu; aarsaan kunis dubbii maqaa isaa beeksisuuf afaan keenya keessaa baʼuu dha.
Ta wurin sa kuma, bari kullum mu mika hadayu na yabo ga Allah, yabon kuwa shine kalmomin bakinmu da ke daukaka sunansa.
16 Waan gaarii gochuu fi waan qabdanis namaan gaʼuu hin dhiisinaa; Waaqni aarsaa akkasiitti gammadaatii.
Kada kuma mu manta da yin nagarta da kuma taimakon juna, domin Allah na farin ciki sosai da irin wadannan hadayun.
17 Hooggantoota keessaniif ajajamaa; isaaniifis bulaa. Isaan waan itti gaafatamtoota lubbuu keessanii taʼaniif isin eegu; kanas utuu gaddaan hin taʼin akka isaan gammachuun hojjetaniif isaaniif ajajamaa; yoo isaan gaddaan hojjetan isin hin fayyaduutii.
Ku yi biyayya da sadaukarwa ga shugabanninku, domin suna aikin tsaro a kanku saboda rayukanku, kamar wadanda zasu bada lissafi. Kuyi biyayya gare su saboda su yi aikin lura daku cikin farin ciki, ba da bakin ciki ba, don in su yi da bakin ciki ba zai amfane ku ba.
18 Isin Waaqa nuu kadhadhaa. Nu akka karaa hundumaan qalbii qulqulluu qabnuu fi akka jireenya kabajamaa jiraachuu hawwinu mirkaneeffanneerra.
Kuyi mana addu'a, domin mun tabbata muna da lamiri mai tsabta, kuma muna burin muyi rayuwar dake daidai cikin dukkan al'amura.
19 Keessumattuu akka ani dafee deebiʼee gara keessan dhufuuf akka Waaqa kadhattan isin gorsa.
Kuma ina karfafa ku dukka kuyi haka, domin in sami dawowa gareku da sauri.
20 Waaqni nagaa inni karaa dhiiga kakuu bara baraatiin Gooftaa keenya Yesuus, Tiksee hoolotaa guddicha sana warra duʼan keessaa kaase sun, (aiōnios g166)
To bari Allahn salama, wanda ya tada babban makiyayin tumakin nan daga matattu, Ubangijinmu Yesu, ta wurin jinin madawwamin alkawari, (aiōnios g166)
21 akka isin fedhii isaa raawwattaniif waan gaarii hundaan isin haa qopheessu; innis karaa Yesuus Kiristoosiitiin waan isa gammachiisu nu keessatti haa hojjetu; ulfinni bara baraa hamma bara baraatti Yesuus Kiristoosiif haa taʼu. Ameen. (aiōn g165)
ya kammala ku da dukan abu mai kyau domin ku aikata nufinsa. Bari yayi aiki a cikinmu wanda zai gamshe shi sosai. Ta wurin Yesu Almasihu, bari daukaka ta tabbata gare shi har abada. Amin. (aiōn g165)
22 Yaa obboloota nana, ani waan xalayaa gabaabaa isinii barreesseef, akka isin ergaa gorsaa kana obsaan fudhattan isin kadhadha.
'Yan'uwa, yanzu dai ina karfafa ku, da ku jurewa takaitacciyar maganar karfafawar da na rubuto maku.
23 Akka obboleessi keenya Xiimotewos mana hidhaatii hiikame akka beektan nan barbaada. Yoo inni dafee as dhufe ani isin arguuf isa wajjin nan dhufa.
Ina so ku sani an saki dan'uwan mu Timoti, tare da shi zan zo in gan ku idan ya iso da sauri.
24 Hooggantoota keessan hundaa fi qulqulloota hundatti nagaa naa himaa. Warri Iixaaliyaa irraa dhufanis nagaa isinii dhaamu.
Ku gaida shugabanninku dukka da kuma dukkan masu bada gaskiya. 'Yan'uwa daga can Italiya suna gaishe ku.
25 Ayyaanni isin hunda wajjin haa taʼu.
Bari alheri ya kasance tare daku dukka.

< Ibroota 13 >