< Ibroota 13 >

1 Akka obbolootaatti wal jaallachuu itti fufaa.
Let brotherly love remain.
2 Keessumoota simachuu hin irraanfatinaa; namoonni tokko tokko akkasiin utuu hin beekin ergamoota Waaqaa simataniiruutii.
Do not be forgetful of hospitality, for through this some entertained messengers unaware.
3 Warra mana hidhaa jiran akka waan isaan wajjin hidhamtaniitti, warra dhiphina keessa jiranis akka waan ofii dhiphattaniitti yaadadhaa.
Be mindful of those in bonds, as having been bound with them, of those maltreated, as yourselves also being in the body.
4 Fuudhaa fi heerumni nama hunda biratti haa kabajamu; sireen fuudhaa fi heerumaas qulqulluu haa taʼu; Waaqni ejjitootaa fi sagaagaltootatti ni muraatii.
The marriage [is to be] honored by all, and the bed undefiled, for God will judge whoremongers and adulterers.
5 Jireenya keessan jaalala maallaqaa irraa jabeessaa eeggadhaa; wanni qabdan isin haa gaʼu; Waaqni, “Ani gonkumaa si hin dhiisu; gonkumaas si hin gatu” jedheeraatii.
[Be] without covetous behavior, being content with the things present, for He has said, “No, I will not leave, no, nor forsake you,”
6 Kanaaf nu ija jabinaan, “Gooftaan gargaaraa koo ti; ani hin sodaadhu. Namni maal na gochuu dandaʼa?” jenna.
so that we boldly say, “The LORD [is] to me a helper, and I will not fear what man will do to me.”
7 Hooggantoota keessan warra dubbii Waaqaa isinitti himanii turan sana yaadadhaa. Waan jireenya isaanii irraa argames ilaalaa; amantii isaanii duukaa buʼaa.
Be mindful of those leading you, who spoke to you the word of God, who, considering the outcome of [their] behavior, imitate [their] faith:
8 Yesuus Kiristoos kaleessa, harʼa, bara baraanis sanuma. (aiōn g165)
Jesus Christ—the same yesterday and today and for all ages. (aiōn g165)
9 Barsiisa gosa hundumaa kan keessummaa taʼeen hin fudhataminaa. Garaan keenyas sirna waaʼee nyaataatiin utuu hin taʼin ayyaanaan jabina argachuu qaba; sirni waaʼee nyaataa warra isa kabajan iyyuu hin fayyadu.
Do not be carried away with strange and manifold teachings, for [it is] good that by grace the heart is confirmed, not with meats, in which they who were occupied were not profited;
10 Nu iddoo aarsaa kan warri dunkaana qulqulluu keessa tajaajilan irraa nyaachuuf mirga hin qabne tokko qabna.
we have an altar from which they who are serving the Dwelling Place have no authority to eat,
11 Lubni ol aanaan dhiiga horii qabatee sababii cubbuutiif aarsaa dhiʼeessuuf jedhee Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sana seena; foon horii sanaas qubata keessaa gad baafamee gubama.
for of those beasts whose blood is brought for sin into the holy places through the chief priest—of these the bodies are burned outside the camp.
12 Kanaafuu Yesuusis dhiiga ofiitiin saba qulqulleessuuf jedhee karra magaalattiitiin alatti dhiphate.
For this reason, also Jesus—that He might sanctify the people through [His] own blood—suffered outside the gate;
13 Egaa kottaa nus salphina inni baate sana baannee iddoo qubataatiin ala gara isaa haa dhaqnu.
now then, may we go forth to Him outside the camp, bearing His reproach;
14 Nu magaalaa dhufuuf jirtu eegganna malee magaalaa bara baraa asii hin qabnuutii.
for we have no abiding city here, but we seek the coming one.
15 Kanaafuu kottaa utuu gargar hin kutin karaa Yesuusiitiin aarsaa galataa Waaqaaf haa dhiʼeessinu; aarsaan kunis dubbii maqaa isaa beeksisuuf afaan keenya keessaa baʼuu dha.
Through Him, then, we may always offer up a sacrifice of praise to God, that is, the fruit of lips, giving thanks to His Name.
16 Waan gaarii gochuu fi waan qabdanis namaan gaʼuu hin dhiisinaa; Waaqni aarsaa akkasiitti gammadaatii.
And do not be forgetful of doing good and of fellowship, for God is well-pleased with such sacrifices.
17 Hooggantoota keessaniif ajajamaa; isaaniifis bulaa. Isaan waan itti gaafatamtoota lubbuu keessanii taʼaniif isin eegu; kanas utuu gaddaan hin taʼin akka isaan gammachuun hojjetaniif isaaniif ajajamaa; yoo isaan gaddaan hojjetan isin hin fayyaduutii.
Be obedient to those leading you, and be subject, for these watch for your souls, as about to give account, that they may do this with joy, and not sighing, for this [is] unprofitable to you.
18 Isin Waaqa nuu kadhadhaa. Nu akka karaa hundumaan qalbii qulqulluu qabnuu fi akka jireenya kabajamaa jiraachuu hawwinu mirkaneeffanneerra.
Pray for us, for we trust that we have a good conscience, willing to behave well in all things,
19 Keessumattuu akka ani dafee deebiʼee gara keessan dhufuuf akka Waaqa kadhattan isin gorsa.
and I call on [you] to do this more abundantly, that I may be restored to you more quickly.
20 Waaqni nagaa inni karaa dhiiga kakuu bara baraatiin Gooftaa keenya Yesuus, Tiksee hoolotaa guddicha sana warra duʼan keessaa kaase sun, (aiōnios g166)
And the God of peace, who brought up the Great Shepherd of the sheep out of the dead—by the blood of a perpetual covenant—our Lord Jesus, (aiōnios g166)
21 akka isin fedhii isaa raawwattaniif waan gaarii hundaan isin haa qopheessu; innis karaa Yesuus Kiristoosiitiin waan isa gammachiisu nu keessatti haa hojjetu; ulfinni bara baraa hamma bara baraatti Yesuus Kiristoosiif haa taʼu. Ameen. (aiōn g165)
make you perfect in every good work to do His will, doing in you that which is well-pleasing before Him, through Jesus Christ, to whom [is] the glory through the ages of the ages! Amen. (aiōn g165)
22 Yaa obboloota nana, ani waan xalayaa gabaabaa isinii barreesseef, akka isin ergaa gorsaa kana obsaan fudhattan isin kadhadha.
And I beg you, brothers, endure the word of the exhortation, for I have also written to you through few words.
23 Akka obboleessi keenya Xiimotewos mana hidhaatii hiikame akka beektan nan barbaada. Yoo inni dafee as dhufe ani isin arguuf isa wajjin nan dhufa.
Know that the brother Timotheus is released, with whom I will see you, if he may come more shortly.
24 Hooggantoota keessan hundaa fi qulqulloota hundatti nagaa naa himaa. Warri Iixaaliyaa irraa dhufanis nagaa isinii dhaamu.
Greet all those leading you, and all the holy ones. Those from Italy greet you.
25 Ayyaanni isin hunda wajjin haa taʼu.
The grace [is] with you all! Amen.

< Ibroota 13 >