< Ibroota 12 >

1 Kanaafuu nu waan dhuga baatota akka duumessa guddaa akkanaatiin marfamneef kottaa baʼaa hunda, cubbuu xaxee nu qabates of irraa baafnee gannaa; dorgommii fuula keenya dura jirus obsaan jabaannee fiignaa;
Therefore let us also, seeing we are compassed about with so great a cloud of witnesses, lay aside every weight, and the sin which doth so easily beset us, and let us run with patience the race that is set before us,
2 kottaa Yesuus isa jalqabaa fi fiixaan baasaa amantii keenyaa taʼe sana irra ija keenya kaaʼannaa. Innis gammachuu fuula isaa dura jiruuf jedhee qaanii fannoo tuffachuun fannoo obsee mirga teessoo Waaqaa taaʼe.
looking unto Jesus the author and perfecter of [our] faith, who for the joy that was set before him endured the cross, despising shame, and hath sat down at the right hand of the throne of God.
3 Isin akka dadhabdanii abdii hin kutanneef isa mormii cubbamoota isa irra gaʼe akkasii obse sana yaadatti qabadhaa.
For consider him that hath endured such gainsaying of sinners against themselves, that ye wax not weary, fainting in your souls.
4 Isin amma iyyuu walʼaansoo cubbuu wajjin gootan keessatti hamma dhiiga dhangalaasuutti jabaattanii hin mormine.
Ye have not yet resisted unto blood, striving against sin:
5 Dubbii jajjabinaa kan akkuma ilmaaniitti isinitti dubbatu sana irraanfattaniirtu; innis akkana jedha: “Yaa ilma ko, adabbii Gooftaa hin tuffatin; yommuu inni si ifatus abdii hin kutatin;
and ye have forgotten the exhortation, which reasoneth with you as with sons, My son, regard not lightly the chastening of the Lord, Nor faint when thou art reproved of him;
6 Gooftaan warra jaallatu ni adabaatii; inni nama akka ilmaatti ilaalu kam iyyuu ni adaba.”
For whom the Lord loveth he chasteneth, And scourgeth every son whom he receiveth.
7 Rakkina akkuma adabbiitti obsaa; Waaqni akka ilmaan isaatti isin adabaatii. Ilmi abbaan isaa hin adabne ilma akkamii ti?
It is for chastening that ye endure; God dealeth with you as with sons; for what son is there whom [his] father chasteneth not?
8 Isin yoo adabbii ijoolleen hundinuu ittiin adabaman keessatti hin hirmaanne isin diqaalota malee ijoollee dhugaa miti.
But if ye are without chastening, whereof all have been made partakers, then are ye bastards, and not sons.
9 Kana malees nu hundinuu abbootii foonii kanneen nu adaban qabna turre; isaan kabajnas turre. Yoos Abbaa hafuurotaatiif immoo hammam caalaa ajajamnee jiraachuu qabna ree!
Furthermore, we had the fathers of our flesh to chasten us, and we gave them reverence: shall we not much rather be in subjection unto the Father of spirits, and live?
10 Abbootiin keenya akkuma isaanitti gaarii fakkaatetti yeroo gabaabaaf nu adabaa turan; Waaqni garuu akka nu qulqullummaa isaa keessatti hirmaannuuf faayidaa keenyaaf jedhee nu adaba.
For they verily for a few days chastened [us] as seemed good to them; but he for [our] profit, that [we] may be partakers of his holiness.
11 Adabbiin hundinuu yeroo sana waan nama gaddisiisu malee waan nama gammachiisu hin fakkaatu. Ergasii garuu warra adabbii sanaan leenjifamaniif ija qajeelummaa fi nagaa kenna.
All chastening seemeth for the present to be not joyous, but grievous: yet afterward it yieldeth peaceable fruit unto them that have been exercised thereby, [even the fruit] of righteousness.
12 Kanaafuu irree laafee fi jilba dadhabe jabeessaa.
Wherefore lift up the hands that hang down, and the palsied knees;
13 Naafti akka fayyuuf malee akka karaa irraa hin jalʼanneef, “Miilla keessaniif daandii qajeelaa baafadhaa.”
and make straight paths for your feet, that that which is lame be not turned out of the way, but rather be healed.
14 Nama hunda wajjin nagaadhaan jiraachuu fi qulqulluu taʼuuf tattaaffadhaa; qulqullummaan malee namni kam iyyuu Gooftaa arguu hin dandaʼuutii.
Follow after peace with all men, and the sanctification without which no man shall see the Lord:
15 Nama kamitti iyyuu ayyaanni Waaqaa akka hin hirʼanne of eeggadhaa; hiddi hadhaaʼaan biqilee rakkina akka hin uumnee fi namoota baayʼees hin xureessineef of eeggadhaa.
looking carefully lest [there be] any man that falleth short of the grace of God; lest any root of bitterness springing up trouble [you], and thereby the many be defiled;
16 Namni kam iyyuu akka Esaawu isa mirga hangafummaa isaa nyaata tokkittiitti gurgurate sanaa sagaagaltuu yookaan nama Waaqatti hin bulle hin taaneef of eeggadhaa.
lest [there be] any fornicator, or profane person, as Esau, who for one mess of meat sold his own birthright.
17 Inni ergasii yeroo eebba sana dhaaluu barbaadetti akka didame isin ni beektu. Inni yoo eebba sana imimmaaniin barbaade illee geeddarama tokko illee fiduu hin dandeenye.
For ye know that even when he afterward desired to inherit the blessing, he was rejected (for he found no place of repentance), though he sought it diligently with tears.
18 Isin gara tulluu tuqamuu dandaʼuu fi ibiddi irraa bobaʼu, gara dukkanaa, gara dimimmisaa fi bubbee hin geenye;
For ye are not come unto [a mount] that might be touched, and that burned with fire, and unto blackness, and darkness, and tempest,
19 gara sagalee malakataatii fi gara sagalee dubbii dubbatuu hin geenye; warri isa dhagaʼanis akka dubbiin biraa dabalamee isaanitti hin dubbatamne kadhatan.
and the sound of a trumpet, and the voice of words; which [voice] they that heard entreated that no word more should be spoken unto them:
20 Isaan waan, “Bineensi iyyuu yoo tulluu sana tuqe dhagaadhaan tumamee haa ajjeefamu” jedhamee ajajame sana obsuu hin dandeenyeetii.
for they could not endure that which was enjoined, If even a beast touch the mountain, it shall be stoned;
21 Wanti achitti mulʼates waan sodaachisaa taʼeef Museen, “Ani sodaadhaan hollachaan jira” jedhe.
and so fearful was the appearance, [that] Moses said, I exceedingly fear and quake:
22 Isin garuu gara Tulluu Xiyoon, gara magaalaa Waaqa jiraataa jechuunis Yerusaalem ishee samii keessaa dhuftaniirtu. Gara ergamoota kumaatama gammachuun walitti qabamanii dhuftaniirtu;
but ye are come unto mount Zion, and unto the city of the living God, the heavenly Jerusalem, and to innumerable hosts of angels,
23 gara waldaa kiristaanaa hangafoota maqaan isaanii samii keessatti barreeffamee dhuftaniirtu. Gara Waaqa Abbaa Murtii waan hundaa, gara hafuurota namoota qajeeltota warra mudaa hin qabne taasifamanii,
to the general assembly and church of the firstborn who are enrolled in heaven, and to God the Judge of all, and to the spirits of just men made perfect,
24 gara Yesuus araarsaa gidduu galeessa kakuu haaraa, gara dhiiga facaafame kan dubbii dhiigni Abeel dubbatu sana caalaa dubbatuu dhuftaniirtu.
and to Jesus the mediator of a new covenant, and to the blood of sprinkling that speaketh better than [that of] Abel.
25 Isinis akka isa dubbachaa jiru sana hin didneef of eeggadhaa. Erga isaan yeroo isa lafa irratti isaan akeekkachiise sana didanitti jalaa hin baʼin, nu immoo yoo isa samii irraa nu akeekkachiisu sana irraa gara galle akkamitti jalaa baʼuu dandeenya ree?
See that ye refuse not him that speaketh. For if they escaped not, when they refused him that warned [them] on earth, much more [shall not] we [escape], who turn away from him that [warneth] from heaven:
26 Yeroo sanatti sagaleen isaa lafa sochoose; amma garuu inni, “Ani ammas yeroo tokko lafa qofa utuu hin taʼin samiiwwanis nan sochoosa” jedhee waadaa galeera.
whose voice then shook the earth: but now he hath promised, saying, Yet once more will I make to tremble not the earth only, but also the heaven.
27 Dubbiin, “Ammas yeroo tokko” jedhu kun akka wanni hin sochoofamne hafee jiraatuuf, wanni sochoofamu jechuunis wanni uumame baduu isaa argisiisa.
And this [word], Yet once more, signifieth the removing of those things that are shaken, as of things that have been made, that those things which are not shaken may remain.
28 Kanaafuu nu waan mootummaa hin sochoone argannuuf kottaa haa galateeffannu! Kabajaa fi sodaadhaanis karaa fudhatamaa taʼeen Waaqa haa waaqeffannu;
Wherefore, receiving a kingdom that cannot be shaken, let us have grace, whereby we may offer service well-pleasing to God with reverence and awe:
29 Waaqni keenya ibidda gubee balleessuudhaatii.
for our God is a consuming fire.

< Ibroota 12 >