< Ibroota 11 >
1 Amantiin waan abdannu tokko dhugumaan ni taʼa jennee fudhachuu dha; waan ijaan hin argine tokko immoo qabatamaadha jennee heduu dha.
我们对上帝的信,就是对所盼望之事的确定,是没有看见的事的明证。
2 Jaarsoliifis kanaan dhugaa baʼameetii.
因着这对上帝的信,古人得到了上帝的称许。
3 Addunyaawwan akka ajaja Waaqaatiin uumaman, wanni mulʼatus akka waan mulʼatu irraa hin hojjetamin nu amantiidhaan hubanna. (aiōn )
因着我们对上帝的信,我们明白整个宇宙是上帝命令建造的,也就是说,看得见的一切,可以看到的东西是由不能看到的东西构成的。 (aiōn )
4 Abeel amantiidhaan aarsaa isa Qaayin dhiʼeesse caalu Waaqaaf dhiʼeesse. Inni yommuu Waaqni waaʼee kennaa isaa dhugaa baʼameefitti nama qajeelaa taʼuun isaa amantiidhaan dhugaa baʼameef. Abeel duʼu iyyuu hamma ammaatti amantiidhaan dubbachaa jira.
亚伯因为相信上帝,献上了比该隐更美的祭品;借着这信心,他被上帝称许,认为他生活在正直良善之中。上帝通过接受他的献祭表明了这一点。尽管亚伯已死很久,仍然通过他的所作所为对我们说话。
5 Henook akka duʼa hin argineef amantiidhaan fudhatame; waan Waaqni isa fudhateef inni hin argamne. Inni utuu hin fudhatamin dura akka nama Waaqa gammachiiseetti dhugaa baʼameefii tureetii.
因为信上帝,以诺被带到天堂,让他不会死,人也找不着他,因为上帝把他带到天堂了。在发生这件事之前,他就被称为是让上帝喜悦之人。
6 Amantiidhaan malee Waaqa gammachiisuun hin dandaʼamu; sababiin isaas namni gara isaa dhufu kam iyyuu akka inni jiruu fi akka inni warra isa barbaadaniif gatii kennu amanuu qaba.
没有信,就不能得到上帝的喜悦;因为来到上帝面前的人,必须信上帝存在,并且信他会赏赐那些寻求他的人。
7 Nohi waaʼee waan amma illee ijaan hin argaminii Waaqni isa akeekkachiifnaan sodaatee warra mana isaa jiraatan oolfachuuf jedhee amantiin doonii tolche. Amantii isaatiinis addunyaatti mure; dhaaltu qajeelummaa amantiin argamuus taʼe.
诺亚信上帝,所以上帝向他警告一些之前从未发生过的事情。因为诺亚非常重视上帝的话,所以建造了一艘方舟拯救自己的家人。通过信上帝,诺亚表明世界是错的,作为奖励,上帝确认他正直良善。
8 Abrahaam gara iddoo dhaaluuf jiruu akka dhaqu yommuu waamametti, amantiidhaan ajajame; eessa akka dhaqu iyyuu utuu hin beekin kaʼee deeme.
通过信靠上帝,当上帝呼唤亚伯拉罕去上帝将赐给他的土地时,亚伯拉罕听从了。他离开的时候,并不知道要去哪里。
9 Innis akka keessummaa biyya ormaa jiruutti biyya isaaf waadaa galame sana keessa amantiidhaan qubate; akkuma warra isa wajjin waadaadhuma sana dhaalan, akkuma Yisihaaqii fi Yaaqoob dunkaana keessa jiraate.
他信上帝,住在上帝承诺之地。作为一个外族人住在帐篷里,与他分享相同承诺的以撒和雅各一起生活。
10 Inni magaalaa hundee qabdu kan Waaqni ijaaree fi tolche eeggachaa tureetii.
因为他等待那座有根基的城,就是上帝所设计所建造的城。
11 Saaraan yoo umurii daʼumsaa dabartee, dhabduu turte illee isheen waan Waaqa waadaa isheef gale sana amanamaa gootee fudhatteef, amantiidhaan mucaa daʼu dandeesse.
因为信,撒拉虽然过了生育的年龄,还是能够怀孕,因为她认为承诺她的一切是值得信赖的。
12 Kanaaf namicha akka waan duʼeetti ilaalamu tokkicha kana irraa sanyiin akka urjii samii baayʼattuu fi akka cirracha qarqara galaanaa kan hin lakkaaʼamne dhalate.
这就是为什么一个几乎快死之人,竟然生出许多子孙来,仿佛天上的星那么众多,海边的沙那么无数。
13 Namoonni kunneen hundinuu utuu waan waadaa galameef sana hin argatin amantii isaanii immoo utuu hin dhiisin duʼan. Waadaa sanas fagootti ilaalanii simatan. Isaanis lafa irratti akka keessummootaa fi godaantota turan beekaniiru.
他们都死了,但仍然信上帝。虽然他们没有得到上帝承诺的,但仍然在远处寻找并迎接,承认他们在这个世界上就是异族人,只是路人。
14 Warri waan akkasii jedhan kunneen akka biyya ofii isaanii eeggachaa jiran mulʼisu.
说这样话的人,表明他们在寻求一个自己的国家。
15 Isaan utuu waaʼee biyya keessaa baʼan sanaa yaadaa turanii silaa, biyya isaaniitti deebiʼuuf carraa ni argatu turan.
如果他们怀念已经离开了的国家,还有可以回去的机会。
16 Qooda kanaa isaan biyya wayyu tokko jechuunis biyya samii irraa sana hawwaa turan. Kanaafuu Waaqayyo Waaqa isaanii jedhamee waamamuutti hin qaanaʼu; inni magaalaa isaaniif qopheesseeraatii.
但是现在他们所向往的,是一个更美、在天上的国家。所以上帝没有对他们失望,并且很高兴被称为他们的上帝,因为他为他们建造了一座城市。
17 Abrahaam yeroo Waaqni isa qoretti amantiidhaan Yisihaaqin aarsaadhaaf dhiʼeesse. Isuma waadaa argate sanatu ilma isaa tokkicha aarsaa godhee dhiʼeessuuf qophaaʼe;
因为信,亚伯拉罕在受考验的时候,把以撒献上;这接受上帝承诺的人,仍然准备好向上帝献上了自己的独生子;
18 innis isuma Waaqni, “Sanyiin kee Yisihaaqiin siif waamama” jedheen sana.
尽管曾有人告诉他:“以撒生的,才可以称为你的后裔。”
19 Abrahaam akka Waaqni warra duʼan keessaa nama kaasuu dandaʼu illee hubatee ture; kunis karaa tokkoon inni ilma isaa Yisihaaqin warra duʼan keessaa deebisee argate jechuu dha.
亚伯拉罕坚信,上帝可以让以撒死而复生。这件事在某种意义上而言确实成真了,亚伯拉罕的儿子死而复生, 形象地说。
20 Yisihaaq amantiidhaan waan dhufuuf jiru irratti Yaaqoobii fi Esaawun eebbise.
因为信上帝,以撒对未来将要发生的事情,祝福雅各和以扫。
21 Yaaqoob yeroo duʼetti amantiidhaan ilmaan Yoosef tokko tokkoon eebbise; mataa ulee isaatti irkatees sagade.
因为信上帝,雅各临死的时候,分别为约瑟的儿子祝福,并敬拜上帝,靠着他的杖。
22 Yoosefis yeroo duʼetti amantiidhaan waaʼee Gibxi keessaa baʼuu ijoollee Israaʼel dubbate; waaʼee lafee isaas ajaja kenne.
因为信上帝,约瑟临终的时候,提到以色列子民出埃及的事,并为自己的骸骨留下遗言。
23 Yeroo Museen dhalatetti abbaa fi haati isaa mucaa miidhagaa taʼuu isaa arganii utuu labsii mootichaa hin sodaatin amantiidhaan jiʼa sadii isa dhoksan.
因为信上帝,摩西出生后,他的父母将他藏了三个月。他们意识到这是一个特殊的孩子,所以不害怕违背国王的命令。
24 Museen yeroo guddatetti ilma intala Faraʼoon jedhamee waamamuu amantiidhaan dide.
因为信上帝,摩西长大了以后,拒绝被称为法老女儿的儿子。
25 Inni gammachuu cubbuutiin yeroo gabaabaaf gammaduu irra saba Waaqaa wajjin dhiphachuu filate.
他宁愿选择和上帝的子民一同受苦,也不肯享受罪恶中暂时的快乐。
26 Inni waan badhaasa isaa of duratti ilaaleef, Kiristoosiif jedhee salphachuu akka qabeenya Gibxi caalaa gatii guddaa qabuutti fudhate.
在他看来,为基督受的凌辱,比埃及的财富更宝贵,因为他关注未来的赏赐。
27 Innis utuu dheekkamsa mootichaa hin sodaatin amantiidhaan Gibxi keessaa baʼe; isa hin mulʼanne sana akka waan argeetti obsee eeggate.
因为信上帝,他离开了埃及,不怕法老的忿怒;他坚定不移,双眼关注的就是看不到的上帝。
28 Akka ergamaan hangafa ajjeesu sun hangafoota saba Israaʼel hin tuqneefis amantiidhaan akka Faasiikaan ayyaaneffamu, dhiignis akka facaafamu godhe.
因为信上帝,他遵循逾越节和洒血的礼仪,以免毁灭天使触碰以色列人。
29 Sabni Israaʼel akkuma nama lafa gogaa irra deemuutti amantiin Galaana Diimaa ceʼe; warri Gibxi garuu yommuu akkuma sanatti ceʼuu yaalanitti ni liqimfaman.
因为信上帝,他们走过了红海,好像走过旱地一样;埃及人也试着要过去,就被淹没了。
30 Dallaan Yerikoo erga guyyaa torba marfamee booddee amantiidhaan jige.
因为信上帝,耶利哥的城墙被围绕了七天,就倒塌了。
31 Sagaagaltuun Rahaab jedhamtu basaastota simachuu isheetiin amantiidhaan hafte malee warra hin amanin wajjin hin ajjeefamne.
因为信上帝,妓女喇合以和平方式迎接以色列的侦察之人,没有和那些不顺从之人一起灭亡。
32 Ani egaa kana caalaa maalin jedha ree? Waaʼee Gedewoon, waaʼee Baaraq, waaʼee Saamsoon, waaʼee Yiftaa, waaʼee Daawit, waaʼee Saamuʼeelii fi waaʼee raajotaa odeessuuf ani yeroo hin qabu;
我还要再说什么例子呢?如果再要述说基甸、巴拉、参孙、耶弗他、大卫、撒母耳和众先知的事,时间就不够了。
33 isaan amantiidhaan mootummoota moʼatan; murtii qajeelaa kennan; waan waadaa galame argatan; afaan leencotaa cufan;
他们凭借对上帝的信,战胜了敌国,伸张了正义,得到了上帝承诺,堵住了狮子的口,
34 amantiidhaan ibidda jabaa dhaamsan; qara goraadee jalaa baʼan; dadhabbiin isaanii jabinatti geeddarame; waraana keessatti humna argatanii loltoota diinaa ariʼan.
消灭了烈火的威力,逃脱了刀剑的锋刃,软弱变成刚强,在战争中显出力量,把外国的军队击退。
35 Dubartoonnis namoonni isaanii kanneen duʼan duʼaa kaafamaniifii deebisanii fudhatan. Warri kaanis duʼaa kaʼuu wayyu argachuuf jedhanii gad dhiifamuu didanii dhiphatan.
妇女死去的家人复活;但也有些人忍受了酷刑,不肯接受释放,为的是要得到更美的复活。
36 Warra kaanitti ni qoosame; ni garafamanis; akkasumas foncaan hidhamanii mana hidhaatti darbataman.
又有些人遭受了戏弄、鞭打,甚至捆锁、监禁;
37 Dhagaadhaanis ni tumaman; iddoo lamatti baqaqfaman; goraadeedhaan ajjeefaman. Deeguudhaan, ariʼatamuu fi dhiphachuudhaan gogaa hoolotaatii fi reʼootaa uffatanii jooran;
被石头打死,被切成碎片,被折磨,被刀杀死。他们穿着绵羊山羊的皮到处奔跑、受穷乏、遭患难、被虐待;
38 addunyaan isaaniif hin maleetii. Isaanis gammoojjii fi gaara irra, holqaa fi boolla keessa jooraa turan.
他们是这世界不配有之人,飘流无定,在荒野、山岭、石洞和地穴栖身。
39 Warri kunneen hundinuu yoo sababii amantii isaaniitiif jajaman iyyuu isaan keessaa namni tokko iyyuu waan waadaa galame sana hin arganne.
所有这些人都因信上帝获得许可,却还没有得着所承诺的一切;
40 Waaqni akka isaan nu qofa wajjin warra mudaa hin qabne taʼaniif duraan dursee waan nuuf wayyu argeera.
因为上帝已经为我们预备了更美的事,使他们若不跟我们在一起,就不能完全。