< Haagee 2 >
1 Jiʼa torbaffaa keessaa, bultii digdamii tokkoffaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee karaa Haagee raajichaatiin dhufe;
Pa tsiku la 21 la mwezi wachisanu ndi chiwiri, Yehova anayankhula kudzera mwa mneneri Hagai kuti:
2 “Zarubaabel ilma Sheʼaltiiʼeel bulchaa Yihuudaatti, Iyyaasuu ilma Yehoozaadaaq lubicha ol aanaattii fi hambaa uummataatti dubbadhu. Akkanas jedhii isaan gaafadhu;
“Yankhula kwa Zerubabeli mwana wa Sealatieli, bwanamkubwa wa Yuda, kwa Yoswa mwana wa Yehozadaki, mkulu wa ansembe, ndi kwa anthu onse otsala. Afunse kuti,
3 ‘Isin keessaa namni mana kana ulfina isaa kan duraa sana argee amma iyyuu jiru eenyu? Inni amma maal isinitti fakkaata? Waanuma faayidaa hin qabne tokko isinitti hin fakkaatuu?
‘Kodi alipo amene watsala pakati panu amene anaona ulemerero wakale wa Nyumba iyi? Nanga tsopano ikuoneka motani kwa inu? Kodi sikuoneka ngati yopanda pake kwa inu?
4 Yaa Zarubaabel, egaa amma jabaadhu’ jedha Waaqayyo. ‘Yaa Iyyaasuu ilma Yehoozaadaaq lubicha ol aanaa atis jabaadhu. Isinis sabni biyya kanaa hundinuu jabaadhaatii hojjedhaa’ jedha Waaqayyo. ‘Ani isin wajjinan jiraatii’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
Iwe Zerubabeli, limba mtima tsopano,’ akutero Yehova. ‘Limba mtima, iwe Yoswa mwana wa Yehozadaki, mkulu wa ansembe. Limbani mtima, anthu nonse a mʼdziko,’ akutero Yehova, ‘ndipo gwirani ntchito. Pakuti ine ndili nanu,’ akutero Yehova Wamphamvuzonse.
5 ‘Yeroo isin biyya Gibxii baatan sanatti, kakuun ani isin wajjin galee kanaa dha. Hafuurri koo isin gidduu jira. Isin hin sodaatinaa.’
‘Izi ndi zimene ndinapangana nanu pamene munkatuluka ku Igupto. Ndipo Mzimu wanga uli pakati panu. Musachite mantha.’
6 “Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: ‘Ani ammas yeroo gabaabaa keessatti deebiʼee samiiwwanii fi lafa, galaanaa fi lafa goggogaa nan raasa.
“Yehova Wamphamvuzonse akuti, ‘Pakapita nthawi pangʼono ndidzagwedezanso thambo ndi dziko lapansi, nyanja ndi mtunda.
7 Ani saboota hunda nan raasa; qabeenyi sabootaa hundi ni dhufa; anis mana kana ulfinaan nan guuta’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
Ndidzagwedeza mitundu yonse ya anthu, ndipo chimene mitundu yonse ya anthu imachifuna chidzabwera, ndipo ndidzaza Nyumba ino ndi ulemerero,’ akutero Yehova Wamphamvuzonse.
8 ‘Meetiin kan koo ti; warqeenis kan koo ti’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
‘Siliva yense ndi wanga, golide yense ndi wanganso,’ akutero Yehova Wamphamvuzonse.
9 ‘Ulfinni mana ammaa kun ulfina mana duraa sanaa ni caala’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. ‘Anis iddoo kanatti nagaa nan kenna’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.”
‘Ulemerero wa nyumba iyi udzaposa ulemerero wa nyumba yoyamba ija,’ akutero Yehova Wamphamvuzonse. ‘Ndipo pamalo pano ndidzakhazikitsapo mtendere,’ akutero Yehova Wamphamvuzonse.”
10 Waggaa lammaffaa bulchiinsa Daariyoos keessa, bultii digdamii afuraffaa jiʼa saglaffaatti, dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Haagee raajichaa dhufe;
Chaka chachiwiri cha Dariyo, pa tsiku la 24 la mwezi wachisanu ndi chinayi, Yehova anayankhula ndi mneneri Hagai kuti:
11 “Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; ‘Waan seerri jedhu luboota gaafadhu;
“Yehova Wamphamvuzonse akuti, ‘Funsa ansembe za zimene lamulo likunena:
12 yoo namni tokko foon qulqulleeffamee Waaqaaf kenname fuudhee dachaa wayyaa isaa keessatti baatee wayyaan sun buddeena yookaan ittoo, daadhii wayinii, zayitii yookaan nyaata gosa biraa tuqe, nyaanni sun ni qulqulleeffamaa?’” Luboonnis, “Waawuu” jedhanii deebisaniif.
Ngati munthu wakulunga nyama yopatulika mu mkanjo wake, ndipo mkanjowo nʼkukhudza buledi kapena msuzi, kapena vinyo, mafuta kapena chakudya cha mtundu wina uliwonse, kodi zimenezo zimasanduka zopatulika?’” Ansembe anayankha kuti, “Ayi.”
13 Ergasii Haageen akkana jedhe; “Namni reeffa tuqee xuraaʼe tokko yoo wantoota kanneen keessaa tokko tuqe wanni sun ni xuraaʼaa?” Luboonni sunis, “Eeyyee, wanni sun ni xuraaʼa” jedhanii deebisaniif.
Pamenepo Hagai anati, “Ngati munthu amene anayipitsidwa pokhudza mtembo akhudza chimodzi cha zinthu zimenezi, kodi chinthucho chimayipitsidwa?” Ansembe anayankha kuti, “Inde, chimayipitsidwa.”
14 Haageen akkana jedhe; “‘Uummanni kunii fi sabni kun fuula koo duratti akkasuma’ jedha Waaqayyo. ‘Wanni isaan hojjetan hundii fi wanni isaan achitti dhiʼeessan hundi xuraaʼaa dha.
Pamenepo Hagai anati, “‘Ndi mmene zilili ndi anthu awa ndi dziko ili pamaso panga,’ akutero Yehova. ‘Chilichonse amachita ndiponso chilichonse chimene amapereka nʼchodetsedwa.
15 “‘Egaa guyyaa kanaa jalqabaatii of eeggannaadhaan qalbeeffadhaa; mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti haala utuu dhagaan tokko dhagaa kaan irra hin kaaʼamin dura ture hubadhaa.
“‘Tsopano muganizire zimenezi kuyambira lero mpaka mʼtsogolo. Ganizirani momwe zinthu zinalili asanayambe kumanga nyumba ya Yehova.
16 Namni kam iyyuu yeroo gara tuullaa safartuu digdamaa dhufetti safartuu kudhan qofa argate. Namni kam iyyuu yeroo daadhii wayinii safartuu shantama waraabbachuuf gara boolla itti wayinii cuunfanii dhaqetti safartuu digdama qofa argate.
Pamene munthu ankayembekezera miyeso ya tirigu makumi awiri ankangopeza khumi yokha. Munthu akapita kuti akatunge miyeso makumi asanu ya vinyo mu mtsuko, ankangopeza miyeso makumi awiri yokha.
17 Ani hojii harka keessanii hunda waagiidhaan, awwaaroo fi cabbiidhaan nan rukute; isin garuu gara kootti hin deebine’ jedha Waaqayyo.
Ndinawononga ntchito yonse ya manja anu ndi chinsikwi, chiwawu ndi matalala, komabe inu simunatembenukire kwa Ine,’ akutero Yehova
18 Guyyaa kanaa jalqabaatii jechuunis guyyaa digdamii afuraffaa jiʼa saglaffaa kanaa jalqabaatii hamma guyyaa hundeen mana qulqullummaa Waaqayyoo buufameetti of eeggannaadhaan qalbeeffadhaa.
‘Kuyambira lero tsiku la 24 la mwezi wachisanu ndi chinayi mpaka mʼtsogolo, chonde ganizirani bwino tsiku limene munayika maziko a nyumba ya Yehova. Ganizirani bwino.
19 Amma iyyuu sanyiin gombisaa keessatti hafe tokko iyyuu jiraa? Hamma ammaatti mukni wayiniitii fi mukni harbuu, roomaanii fi mukni ejersaa ija hin naqanne. “‘Ani guyyaa kanaa jalqabee isin nan eebbisa.’”
Kodi mʼnkhokwe mwatsala mbewu? Mpaka lero, mpesa ndi mtengo wa mkuyu, makangadza ndi mtengo wa olivi sizinabereke zipatso. “‘Kuyambira lero mpaka mʼtsogolo ndidzakudalitsani.’”
20 Dubbiin Waaqayyoo bultii digdamii afuraffaa jiʼa sanaatti yeroo lammaffaa akkana jedhee gara Haagee dhufe;
Yehova anayankhula ndi Hagai kachiwiri, pa tsiku la 24 la mwezi kuti:
21 “Akka ani samiiwwanii fi lafa raasuuf jiru Zarubaabel bulchaa Yihuudaatti himi.
“Uza Zerubabeli, bwanamkubwa wa Yuda, kuti ndidzagwedeza thambo ndi dziko lapansi.
22 Ani teessoo moototaa nan garagalcha; humna mootummoota biyya alaas nan barbadeessa. Ani gaariiwwanii fi ooftota isaanii nan garagalcha; fardeenii fi warra fardeen yaabbatan ni kufu; tokkoon tokkoon isaanii goraadee obboleessa isaaniitiin ni kufu.
Ndidzagwetsa mipando yaufumu ndi kuwononga mphamvu za maufumu achilendo. Ndidzagubuduza magaleta ndi okwerapo ake; akavalo ndi okwerapo ake adzagwa, aliyense adzaphedwa ndi lupanga la mʼbale wake.
23 “‘Guyyaa sana’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu; ‘Yaa tajaajilaa koo Zarubaabel ilma Sheʼaltiiʼeel, ani sin fudhadha’ jedha Waaqayyo; ‘Ani waanan si filadheef akka qubeelaa chaappaa koo sin godhadha’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.”
“‘Tsiku limenelo,’ akutero Yehova Wamphamvuzonse, ‘ndidzakutenga, iwe mtumiki wanga Zerubabeli mwana wa Sealatieli,’ akutero Yehova, ‘ndipo ndidzakusandutsa kukhala mphete yanga yolamulira, pakuti ndasankha iwe,’ akutero Yehova Wamphamvuzonse.”