< Anbaaqoom 3 >

1 Kadhannaa Anbaaqoom raajichaa shigiyonootiidhaan.
תפלה לחבקוק הנביא--על שגינות
2 Yaa Waaqayyo, ani oduu kee dhagaʼeera; yaa Waaqayyo, ani gochawwan kee nan sodaadha. Bara keenya keessa isaan haaromsi; jabana keenya keessa isaan beekkamsiisi; yeroo dheekamtutti araara yaadadhu.
יהוה שמעתי שמעך יראתי--יהוה פעלך בקרב שנים חייהו בקרב שנים תודיע ברגז רחם תזכור
3 Waaqni Teemaan irraa, Inni Qulqullichi Tulluu Phaaraaniitii dhufe. Ulfinni isaa samiiwwan haguuge; galanni isaas lafa guute.
אלוה מתימן יבוא וקדוש מהר פארן סלה כסה שמים הודו ותהלתו מלאה הארץ
4 Miidhaginni isaa akkuma baʼiisa aduu ti; gaanfawwan lama harka isaatii baʼu; humni isaas achi dhokateera.
ונגה כאור תהיה קרנים מידו לו ושם חביון עזה
5 Fuula isaa dura dhaʼichatu deeme; golfaanis isa duukaa buʼe.
לפניו ילך דבר ויצא רשף לרגליו
6 Inni dhaabatee lafa raase; ilaalee akka saboonni hollatan godhe. Tulluuwwan durii ni burkutaaʼan; gaarran bara hedduu jiraatanis ni diigaman. Karaan isaa kan bara baraa ti.
עמד וימדד ארץ ראה ויתר גוים ויתפצצו הררי עד שחו גבעות עולם הליכות עולם לו
7 Ani utuu dunkaanonni Itoophiyaa dhiphatanuu nan arge; golgaawwan Midiyaaniis ni hollatu.
תחת און ראיתי אהלי כושן ירגזון יריעות ארץ מדין
8 Yaa Waaqayyo, ati lageenitti aartee turtee? Burqaawwanittis dheekkamtee? Ati yeroo fardeen keetiin guluftetti, yeroo gaariiwwan moʼannaa kee yaabbatetti galaanatti dheekkamtee turtee?
הבנהרים חרה יהוה--אם בנהרים אפך אם בים עברתך כי תרכב על סוסיך מרכבתיך ישועה
9 Ati iddaa kee luqqifattee xiyya itti dhaabbatte. Lafas lageeniin gargar baqaqsite;
עריה תעור קשתך שבעות מטות אמר סלה נהרות תבקע ארץ
10 tulluuwwan si arganii hollattan. Dhaʼaawwan bishaanii achiin darban; tuujubni ni huurse; dambalii isaas ol kaase.
ראוך יחילו הרים זרם מים עבר נתן תהום קולו רום ידיהו נשא
11 Sababii xiyya kee calaqqisaa fiigu sanaatii fi sababii ifa eeboo keetii sanaatiif aduu fi jiʼi samii keessa dhaabatanii hafan.
שמש ירח עמד זבלה לאור חציך יהלכו לנגה ברק חניתך
12 Ati dheekkamsaan lafa irra marmaarte; aariidhaanis saboota lafatti dhidhiitte.
בזעם תצעד ארץ באף תדוש גוים
13 Ati saba kee furuuf, dibamaa kee oolchuuf dhufte. Hoogganaa biyya hamootaa ni daakte; mataadhaa hamma miillaatti qullaa isa hambifte.
יצאת לישע עמך לישע את משיחך מחצת ראש מבית רשע ערות יסוד עד צואר סלה
14 Yeroo loltoonni isaa nu bittinneessuuf kaʼanii, akkuma waan rakkattoota dhokatanii jiran fixuu gaʼaniitti gammadanitti, ati eeboo ofii isaatiin mataa isaa waraante.
נקבת במטיו ראש פרזו יסערו להפיצני עליצתם כמו לאכל עני במסתר
15 Ati fardeen keetiin bishaanota gurguddaa hoomacheessaa galaana irra deemte.
דרכת בים סוסיך חמר מים רבים
16 Ani dhagaʼeen garaan koo raafame; hidhiin koo sagalee sanaan hollate; tortorri lafee koo seene; miilli koos ni hollate. Taʼus ani hamma guyyaan badiisaa saboota nu weeraranitti dhufutti obsaan nan eeggadha.
שמעתי ותרגז בטני לקול צללו שפתי--יבוא רקב בעצמי ותחתי ארגז אשר אנוח ליום צרה לעלות לעם יגודנו
17 Yoo mukni harbuu daraaruu baatee iji wayinii muka wayinii irra jiraachuu baate iyyuu, yoo mukni ejersaa ija naqachuu didee lafti qotiisaa midhaan dhowwate iyyuu, yoo hoolonni gola keessaa, loonis dallaa keessaa dhabaman iyyuu,
כי תאנה לא תפרח ואין יבול בגפנים--כחש מעשה זית ושדמות לא עשה אכל גזר ממכלה צאן ואין בקר ברפתים
18 ani garuu Waaqayyotti nan gammada; Waaqa isa na fayyisutti nan gammada.
ואני ביהוה אעלוזה אגילה באלהי ישעי
19 Waaqayyo Gooftaan jabina koo ti; inni miilla koo akka miilla borofaa godha; lafa ol kaʼaa irras na deemsisa. Dura buʼaa faarfannaatiif. Meeshaa koo kan ribuutiin kan faarfatame.
יהוה אדני חילי וישם רגלי כאילות ועל במותי ידרכני למנצח בנגינותי

< Anbaaqoom 3 >