< Anbaaqoom 2 >
1 Ani iddoo koo dhaabadhee dallaa eegumsaa irra nan tura; mee waan inni naan jedhu arguuf deebii ani guungummii kanaaf kennuu malu beekuuf nan ilaala.
Nitasimama kwenye nguzo yangu ya ulinzi na kujiweka mwenyewe juu ya mnara wa mlinzi, na nitatazama kwa makini kuona yeye atasema nini kwangu na namna gani nitageuka kutoka kwenye lawama yangu.
2 Ergasii Waaqayyo akkana jedhee deebii kenne: “Akka namni dubbisu tokko qabatee fiiguuf, mulʼata sana ifa godhii gabatee irratti barreessi.
Yahwe alinijibu na alisema, “Rekodi maono haya, na uandike dhahiri juu ya kibao ili kwamba anayesoma anaweza kukimbia.
3 Mulʼanni kun yeroo murtaaʼe tokko eeggataatii; inni waaʼee dhuma isaa dubbata malee hin sobu. Yoo tures isa eegi; inni dhugumaan ni dhufa; hin turus.
Sababu maono haya bado ni kwa wakati ujao na hatimaye atazungumza bila kuanguka. Ingawa inachelewa, isubiri. Sababu kwa hakika itatakuja na haitachelewa.
4 “Kunoo inni of bokokseera; hawwiin isaas sirrii miti; namni qajeelaan garuu amantii isaatiin jiraata;
Tazama! yule ambae hamu yake siyo sawa ndani yake anapumua kwa nguvu. Lakini mwenye haki ataishi kwa imani.
5 dhugumaan inni daadhii wayiniitiin ni gowwoomfama; of tuula; boqonnaas hin qabu. Inni akkuma siiʼool sassata; akka duʼaas kan hin quufnee dha. Inni saboota hunda walitti qabata; uummata hundas boojiʼee fudhata. (Sheol )
Sababu mvinyo ni msaliti wa kijana mwenye kiburi ili kwamba asistahimili, lakini hukuza tamaa yake kama kaburi na, kama kifo, haitaweza kuridhishwa. Yeye anajikusanyia kila taifa na anakusanya kwaajili yake watu wote. (Sheol )
6 “Isaan hundi isa tuffatanii itti kolfaa, “‘Nama miʼa hatame tuullatee saamichaan of sooromsuuf wayyoo! Wanni kun hamma yoomiitti itti fufa’ jedhanii itti hin qoosanii?
Haya yote hayatatengeneza usemi kumdhihaki na wimbo wa dhihaka unaomhusu, 'ole wake yule aongezaye visivyo vya kwake! kwa muda gani utaongeza uzito wa dhamana uliyochukua?'
7 Warri liqii sirraa qaban akkuma tasaa sitti hin kaʼanii? Isaan kaʼanii si hin hollachiisanii? Ergasii ati harka isaanii jala galta.
Wale wanao ngojea kwako hawatainuka ghafla? na wale wanaokutetemesha kuamka? Utakuwa mwathirika kwaajili yao.
8 Sababii ati saba hedduu saamteef namoonni hafan si saamu. Ati dhiiga namaa dhangalaafteertaatii; ati biyyoota, magaalaawwanii fi namoota isaan keessa jiraatan hunda balleessiteerta.
Kwasababu umeteka nyara watu wengi, mabaki yote ya watu, yatakuteka nyara wewe. Sababu umemwaga damu nyingi za watu na umetenda kwa uasi kinyume cha nchi, miji, na wote wanaokaa ndani yake.
9 “Nama buʼaa hin malleen mana ijaarratu kan badiisa jalaa baʼuuf jedhee lafa ol kaʼaa irratti iddoo jireenyaa tolfatuuf wayyoo!
Ole kwa yule anayechonga mapato maovu kwaajili ya nyumba yake, hivyo anaweza kutengeneza kiota chake juu kumweka yeye salama mbali na mikono ya uovu.
10 Ati lubbuu nama baayʼee galaafachuudhaaf, waan nama qaanessu mana keetti malattee lubbuu keetti badiisa fidde.
Umebuni aibu kwa nyumba yako kwa kuwakata watu wengi, na umefanya dhambi dhidi yako mwenyewe.
11 Dhagaawwan keenyan keessaa iyyu; demdemoon mukaas jalaa qaba.
Sababu jiwe litapaza sauti kutoka ukutani, na pao la mbao litawajibu,
12 “Nama dhiiga dhangalaasuudhaan magaalaa ijaaruuf, kan yakkaan magaalaa hundeessuuf wayyoo!
'Ole wake yule ajengaye mji kwa damu, na anayeimarisha mji kwa katika uovu.
13 Akka dadhabbiin namaa akkuma qoraan ibiddaa taʼe, akka saboonnis akkasumaan of dadhabsiisan Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu murteesseera mitii?
Hii haitoki kwa Yahwe wa majeshi kwamba watu wafanye kazi kwa moto na mataifa yote mengine yanachakaa menyewe bila kitu?
14 Akkuma bishaan galaana guutu sana lafti ulfina Waaqayyoon beekuutiin guutamtiitii.
Bado nchi itajaa maarifa ya utukufu wa Yahwe kama maji yanavyojaza bahari.
15 “Nama qullaa dhagna ollaa isaa ilaaluuf jedhee hamma inni machaaʼutti qalqalloo keessaa daadhii wayinii isaaf buusuuf wayyoo.
'Ole wake yule anayemfanya jirani yake alewe, wewe ambaye unaye ongeza sumu uwafanye walewe ili uweze kutazama uchi wao.
16 Ati qooda ulfinaa qaaniidhaan guutamta. Amma dabareen kan kee ti! Akka qullaan kee mulʼatuuf dhugi. Xoofoon mirga Waaqayyoo sitti garagala; salphinnis ulfina kee haguuga.
Utavimbiwa na aibu zaidi kuliko utukufu. Kunywa hiyo vilevile, na funua uchi wako mwenyewe. Kikombe cha mkono wa kuume wa Yahwe utakuja katika kukugeukia wewe, na aibu itafunika heshima yako.
17 Fincilli ati Libaanoonitti hojjete si liqimsa; horii fixuun kee si rifachiisa. Ati dhiiga namaa dhangalaafteertaatii; ati biyyoota, magaalaawwanii fi namoota isaan keessa jiraatan hunda balleessiteerta.
Vurugu iliyofanywa kwa Lebanoni itakufunika na uharibifu wa wanyama utakuogopesha. Sababu umemwaga damu za watu na umetenda kwa uasi dhidi ya ile nchi, miji, na wote wanaokaa humo.
18 “Waaqni tolfamaan ogeessa harkaatiin soofamu yookaan fakkiin soba barsiisu faayidaa maalii qaba? Namni isa tolchu tokko hojiidhuma harka isaa amanataatii; inni waaqota tolfamoo dubbachuu hin dandeenye tolcha.
Sanamu iliyochongwa inakufaidia nini? Sababu yule aliyeichonga hiyo, au ambaye kaisubu kwa kuiyeyusha metali, ni mwalimu wa uongo; Sababu anaiamini kazi ya mikono yake anapotengeneza miungu hii isiyoongea.
19 Nama mukaan, ‘Dammaqi!’ yookaan dhagaa lubbuu hin qabneen, ‘Kaʼi!’ jedhuuf wayyoo. Inni barsiisuu ni dandaʼaa? Kunoo inni warqee fi meetii dibameera; hafuurri tokko iyyuu isa keessa hin jiru.”
'Ole kwa yule anayeuambia ubao, Amka! Au kwa jiwe lisiloongea, Inuka!' Vitu hivi vinafundisha? Angalia, hiki juu kimefunikwa kwa dhahabu na fedha, lakini ndani yake hakipumui kabisa.
20 Waaqayyo garuu mana qulqullummaa isaa qulqulluu sana keessa jira; lafti hundi fuula isaa duratti haa calʼistu.
Lakini Yahwe yumo katika hekalu lake takatifu! Nchi yote iwe kimya mbele zake.