< Anbaaqoom 2 >

1 Ani iddoo koo dhaabadhee dallaa eegumsaa irra nan tura; mee waan inni naan jedhu arguuf deebii ani guungummii kanaaf kennuu malu beekuuf nan ilaala.
Stat ću na stražu svoju, postavit se na bedem, paziti što će mi reći, kako odgovorit na moje tužbe.
2 Ergasii Waaqayyo akkana jedhee deebii kenne: “Akka namni dubbisu tokko qabatee fiiguuf, mulʼata sana ifa godhii gabatee irratti barreessi.
Tada Jahve odgovori i reče: “Zapiši viđenje, ureži ga na pločice, da ga čitač lako čita.”
3 Mulʼanni kun yeroo murtaaʼe tokko eeggataatii; inni waaʼee dhuma isaa dubbata malee hin sobu. Yoo tures isa eegi; inni dhugumaan ni dhufa; hin turus.
Jer ovo je viđenje samo za svoje vrijeme: ispunjenju teži, ne vara; ako stiže polako, čekaj, jer odista će doći i neće zakasniti!
4 “Kunoo inni of bokokseera; hawwiin isaas sirrii miti; namni qajeelaan garuu amantii isaatiin jiraata;
Gle: propada onaj čija duša nije pravedna, a pravednik živi od svoje vjere.
5 dhugumaan inni daadhii wayiniitiin ni gowwoomfama; of tuula; boqonnaas hin qabu. Inni akkuma siiʼool sassata; akka duʼaas kan hin quufnee dha. Inni saboota hunda walitti qabata; uummata hundas boojiʼee fudhata. (Sheol h7585)
Bogatstvo je odista podmuklo! Ohol je i ne može počinuti tko ždrijelo razvaljuje k'o Podzemlje, tko je kao smrt nezasitan, tko sabire za se sve narode, tko kupi za se sva plemena! (Sheol h7585)
6 “Isaan hundi isa tuffatanii itti kolfaa, “‘Nama miʼa hatame tuullatee saamichaan of sooromsuuf wayyoo! Wanni kun hamma yoomiitti itti fufa’ jedhanii itti hin qoosanii?
Zar mu se neće svi podrugivati, rugalicu i zagonetku spjevat' protiv njega? Reći će: Jao onom tko množi što nije njegovo (a dokle će?) i opterećuje se zalogama!
7 Warri liqii sirraa qaban akkuma tasaa sitti hin kaʼanii? Isaan kaʼanii si hin hollachiisanii? Ergasii ati harka isaanii jala galta.
Neće li naglo ustat' vjerovnici tvoji, neće li se probuditi ljuti tvoji tlačitelji? Tada ćeš im plijen biti!
8 Sababii ati saba hedduu saamteef namoonni hafan si saamu. Ati dhiiga namaa dhangalaafteertaatii; ati biyyoota, magaalaawwanii fi namoota isaan keessa jiraatan hunda balleessiteerta.
Jer si opljačkao mnoge narode, sav ostatak naroda opljačkat će tebe, jer si prolio krv ljudsku, poharao zemlju, grad i sve mu žitelje.
9 “Nama buʼaa hin malleen mana ijaarratu kan badiisa jalaa baʼuuf jedhee lafa ol kaʼaa irratti iddoo jireenyaa tolfatuuf wayyoo!
Jao onom tko otimačinu zgrće nepravednu kući svojoj, da visoko svije gnijezdo svoje i otkloni ruku zla!
10 Ati lubbuu nama baayʼee galaafachuudhaaf, waan nama qaanessu mana keetti malattee lubbuu keetti badiisa fidde.
Nanese sramotu kući svojoj: zatirući mnoga plemena, griješiš protiv sebe.
11 Dhagaawwan keenyan keessaa iyyu; demdemoon mukaas jalaa qaba.
Jer iz samih zidova kamen kriči, a krovna mu greda odgovara.
12 “Nama dhiiga dhangalaasuudhaan magaalaa ijaaruuf, kan yakkaan magaalaa hundeessuuf wayyoo!
Jao onom tko grad diže krvlju i tvrđavu zasnuje na nepravdi!
13 Akka dadhabbiin namaa akkuma qoraan ibiddaa taʼe, akka saboonnis akkasumaan of dadhabsiisan Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu murteesseera mitii?
Nije li to, gle, od Jahve nad Vojskama da se narodi za oganj trude, puci nizašto muče?
14 Akkuma bishaan galaana guutu sana lafti ulfina Waaqayyoon beekuutiin guutamtiitii.
Jer će se zemlja napuniti znanja o slavi Jahvinoj kao što vode prekrivaju more.
15 “Nama qullaa dhagna ollaa isaa ilaaluuf jedhee hamma inni machaaʼutti qalqalloo keessaa daadhii wayinii isaaf buusuuf wayyoo.
Jao onom tko bližnjeg navodi na piće, ulijeva otrov dok on pije da bi promatrao njegovu nagost!
16 Ati qooda ulfinaa qaaniidhaan guutamta. Amma dabareen kan kee ti! Akka qullaan kee mulʼatuuf dhugi. Xoofoon mirga Waaqayyoo sitti garagala; salphinnis ulfina kee haguuga.
Ti si pijan od sramote, ne od slave! Pij samo i pokazuj kapicu. Dolazi ti pehar iz desnice Jahvine i sramota na slavu tvoju!
17 Fincilli ati Libaanoonitti hojjete si liqimsa; horii fixuun kee si rifachiisa. Ati dhiiga namaa dhangalaafteertaatii; ati biyyoota, magaalaawwanii fi namoota isaan keessa jiraatan hunda balleessiteerta.
Nasilje nad Libanonom tebe će prestraviti, pokolj zvijeri, jer si ljudsku krv prolio, poharao zemlju, grad i njegove žitelje.
18 “Waaqni tolfamaan ogeessa harkaatiin soofamu yookaan fakkiin soba barsiisu faayidaa maalii qaba? Namni isa tolchu tokko hojiidhuma harka isaa amanataatii; inni waaqota tolfamoo dubbachuu hin dandeenye tolcha.
Čemu koristi tesan lik da ga umjetnik teše? Čemu lijevan lik, lažno proroštvo, da se tvorac njegov u nj pouzdaje oblikujuć' nijeme kipove?
19 Nama mukaan, ‘Dammaqi!’ yookaan dhagaa lubbuu hin qabneen, ‘Kaʼi!’ jedhuuf wayyoo. Inni barsiisuu ni dandaʼaa? Kunoo inni warqee fi meetii dibameera; hafuurri tokko iyyuu isa keessa hin jiru.”
Jao onom tko komadu drva kaže: “Probudi se!” Kamenu nijemom: “Preni se!” On da prorokuje? Optočen može biti i zlatom i srebrom, ali nikakva daha životnog nema u njemu.
20 Waaqayyo garuu mana qulqullummaa isaa qulqulluu sana keessa jira; lafti hundi fuula isaa duratti haa calʼistu.
Ali je Jahve u svojem svetom Hramu: nek' zemlja sva zašuti pred njime!

< Anbaaqoom 2 >