< Anbaaqoom 1 >
1 Raajii Anbaaqoom raajichi arge.
Saƙon da annabi Habakkuk ya karɓa.
2 Yaa Waaqayyo, ani hamma yoomiittin gargaarsaaf sitti iyyadha? Ati garuu na hin dhaggeeffattu; yookaan ani hamma yoomiitti, “Goolii!” jedhee sitti booʼee ati garuu na hin oolchitu?
Har yaushe, ya Ubangiji, zan yi kukan neman taimako, amma ka ƙi ji? Ina kuka a gare ka saboda zalunci amma ba ka ce ufam ba.
3 Ati maaliif akka ani murtii dabe argu na goota? Ati maaliif balleessaa namaa obsita? Badiisnii fi gooliin fuula koo dura jiru; lollii fi waldhabiinsi baayʼateera.
Me ya sa ka bari ina ta kallon rashin gaskiya? Me ya sa kake barin abin da ba daidai ba? Hallaka da tashin hankali suna a gabana; ga rashin jituwa da faɗa ko’ina.
4 Kanaafuu seerri laamshaʼeera; murtiin qajeelaan dabsameera. Akka murtiin qajeelaan jalʼifamuuf; namoonni hamoon qajeelota marsu.
Saboda haka ba a bin doka, shari’a kuma ba ta aiki. Mugaye sun kewaye masu adalci don a hana gaskiya tă yi aiki.
5 “Saboota hubadhaa ilaalaa; akka malees dinqisiifadhaa. Ani bara keessan keessa waan isin yoo isinitti himame illee hin amanne tokko nan hojjedha.
“Ka dubi al’ummai, ka gani, ka sha mamaki. Ga shi zan yi wani abu a kwanakinka, wanda ko ma an faɗa maka ba za ka gaskata ba.
6 Ani warra Baabilon, uummata gara jabeessaa fi ariifataa, kan iddoo jireenya isaa hin taʼin qabachuuf guutummaa lafaa keessa yaaʼu sana nan kaasa.
Zan tā da Babiloniyawa, waɗannan marasa hankali da kuma marasa tausayi; masu gajeren haƙuri, waɗanda suke ratsa ko’ina a duniya don su ƙwace wuraren zaman da ba nasu ba.
7 Isaan saba sodaatamuu fi naasisuu dha; isaan ofii isaaniitiifuu seera; ulfina isaaniis ni guddifatu.
Suna da bantsoro da firgitarwa; dokoki da ƙa’idodinsu ne kawai suka sani.
8 Fardeen isaanii qeerransa caalaa saffisu; yeeyyii galgalaa caalaa sodaachisu. Namoonni isaanii kanneen farda yaabbatan ariitiidhaan gulufu; abbootiin farda isaaniis fagoodhaa dhufu. Isaan akkuma risaa waa nyaachuuf ariifatuu barrisu;
Dawakansu sun fi damisoshi sauri, sun fi kyarketan yamma zafin rai. Mahayansu suna zuwa a guje; mahayansu daga nesa suka fito. Suna firiya kamar ungulu mai sauka da gaggawa don yă ci mushe;
9 isaan hundinuu jeequmsaaf dhufu. Tuunni isaanii akkuma bubbee gammoojjii gara fuula duraatti qajeela; namoota hidhamanis akkuma cirrachaa walitti qaba.
duk sukan zo da nufin tā-da-na-zaune-tsaye. Ana jin tsoronsu tun ma kafin su iso suna tattara bayi kamar yashi.
10 Isaan mootota tuffatanii bulchitootatti qoosu. Daʼannoo hundatti ni kolfu; biyyoos tuulanii isa qabatu.
Sukan yi wa sarakuna ba’a su kuma rena masu mulki. Sukan yi wa dukan birane masu mafaka dariya; sukan tara ƙasa su hau, su cinye abokan gābansu da yaƙi.
11 Ergasii namoonni yakka hojjetan kanneen humna isaanii waaqa isaanii godhatan, akka bubbee lafa haxaaʼanii karaa isaanii itti fufu.”
Sa’an nan su wuce da sauri kamar iska, mutane ne masu laifi, waɗanda ƙarfinsu shi ne allahnsu.”
12 Yaa Waaqayyo, ati bara baraa jalqabdee jirta mitii? Yaa Waaqa ko, yaa Qulqullicha ko, ati gonkumaa hin duutu. Yaa Waaqayyo, ati akka isaan murtii kennaniif isaan muuddeerta; yaa Kattaa ko, ati akka isaan nama adabaniif isaan ramaddeerta.
Ya Ubangiji, ba tun fil azal kake ba? Ya Allahna, Mai Tsarkina, ba za mu mutu ba. Ya Ubangiji ka sanya su su tabbatar da hukunci; Ya Dutse, ka naɗa su don su yi hukunci.
13 Iji kee akka waan hamaa hin ilaalleef akka malee qulqulluu dha; ati daba argitee obsaan dhiisuu hin dandeessu. Yoos ati maaliif obsaan namoota hamoo ilaalta? Ati maaliif yeroo namoonni hamoon warra isaan caalaa qajeeloo taʼan liqimsanitti calʼistaa?
Idanunka masu tsarki ne da suka fi gaban duban mugunta; ba ka amince da abin da ke ba daidai ba. To, don me ka ƙyale munafukai suna cin karensu ba babbaka? Me ya sa kake shiru sa’ad da mugaye suke haɗiye adalai da suka fi su adalci?
14 Ati namoota akka qurxummii galaana keessaa, akka uumamawwan galaanaa kanneen bulchaa hin qabnee gooteerta.
Ka mai da maza kamar kifin teku, kamar halittun tekun da ba su da shugaba.
15 Diinni hokkoodhaan isaan hunda ol baasa; kiyyoo isaatiinis isaan harkisa; kiyyoo isaa keessatti walitti isaan qabata; kanaafuu inni ni gammada; ni ililchas.
Mugu abokin gāba yakan kama su duka da ƙugiya, yă jawo su waje da abin kamun kifinsa, yă tattara su cikin ragarsa, ta haka yakan yi murna da farin ciki.
16 Inni sababii kiyyoo isaatiin bashannanee nyaata isaa filatamaatti gammaduuf kiyyoo isaatiif aarsaa dhiʼeessa; kiyyoo isaatiif illee ixaana aarsa.
Saboda haka yakan yi hadaya wa abin kamun kifinsa yă kuma ƙona turare wa ragarsa, domin ta wurin abin kamun kifinsa ne yake yin rayuwar jin daɗi yă kuma zaɓi irin abincin da yake so.
17 Inni kiyyoo isaa keessaa garagalchuudhaan, gara laafina malee ittuma fufee saboota balleessuu qabaa?
Zai ci gaba da juye abin kamun kifinsu ke nan, suna hallaka al’ummai ba tausayi?