+ Uumama 1 >

1 Jalqabatti Waaqni samiiwwanii fi lafa uume.
In the beginning God created the heavens and the earth.
2 Lafti kan bifa hin qabnee fi duwwaa turte; dukkannis tuujuba irra ture; Hafuurri Waaqaas bishaan irra sosochoʼa ture.
And the earth was waste and empty, and darkness was on the face of the deep, and the Spirit of God was hovering over the face of the waters.
3 Waaqnis, “Ifni haa taʼu” jedhe; ifnis ni taʼe.
And God said, Let there be light. And there was light.
4 Waaqnis akka ifni sun gaarii taʼe arge; ifaa fi dukkanas gargar baase.
And God saw the light that it was good; and God divided between the light and the darkness.
5 Waaqnis ifa sanaan “Guyyaa” jedhe; dukkana sanaan immoo “Halkan” jedhee moggaase. Galgalas taʼe; ganamas taʼe; guyyaa tokkoffaa.
And God called the light Day, and the darkness he called Night. And there was evening, and there was morning — the first day.
6 Waaqnis, “Bishaanii fi bishaan gargar baasuuf bantiin bishaanota gidduu haa jiraatu” jedhe.
And God said, Let there be an expanse in the midst of the waters, and let it be a division between waters and waters.
7 Kanaafuu Waaqni bantii tolchee bishaan bantii jalaatii fi kan bantiin olii gargar baase. Akkasumas taʼe.
And God made the expanse, and divided between the waters that are under the expanse and the waters that are above the expanse; and it was so.
8 Waaqnis bantii sana “samii” jedhee moggaase. Galgalas taʼe; ganamas taʼe; guyyaa lammaffaa.
And God called the expanse Heavens. And there was evening, and there was morning — a second day.
9 Waaqnis, “Bishaan samiidhaa gad jiru iddoo tokkotti walitti haa qabamu; lafti gogaanis haa mulʼatu” jedhe. Akkasumas taʼe.
And God said, Let the waters under the heavens be gathered together to one place, and let the dry [land] appear. And it was so.
10 Waaqni lafa gogaa sanaan “lafa” jedhe; bishaanicha walitti qabameen immoo “galaana” jedhee moggaase. Waaqnis wanni kun akka gaarii taʼe arge.
And God called the dry [land] Earth, and the gathering together of the waters he called Seas. And God saw that it was good.
11 Ammas Waaqni, “Lafti biqiltuuwwan haa baastu; biqiltuuwwan akkuma gosa gosa isaaniitti sanyii baasan, mukkeen ija kennanii iji isaanii immoo sanyii of keessaa qabu adduma addaan akkuma gosa gosa isaaniitti lafa irratti haa argaman” jedhe. Akkasumas taʼe.
And God said, Let the earth cause grass to spring up, herb producing seed, fruit-trees yielding fruit after their kind, the seed of which is in them, on the earth. And it was so.
12 Laftis biqiltuu akkuma gosa isaatti sanyii baasu, muka ija kennu, kan iji isaas sanyii of keessaa qabu adduma addaan akkuma gosa isaatti baaste. Waaqnis wanni kun akka gaarii taʼe arge.
And the earth brought forth grass, herb producing seed after its kind, and trees yielding fruit, the seed of which is in them, after their kind. And God saw that it was good.
13 Galgalas taʼe; ganamas taʼe; guyyaa sadaffaa.
And there was evening, and there was morning — a third day.
14 Waaqnis akkana jedhe; “Guyyaa fi halkan gargar baasuuf bantii samii irratti ifawwan haa taʼan; isaanis mallattoowwan waqtiileen, guyyoonnii fi waggoonni ittiin beekaman haa taʼan;
And God said, Let there be lights in the expanse of the heavens, to divide between the day and the night; and let them be for signs, and for seasons, and for days and years;
15 isaanis ifawwan bantii samii irraa kan lafaaf ifa kennan haa taʼan.” Akkasumas taʼe.
and let them be for lights in the expanse of the heavens, to give light on the earth. And it was so.
16 Waaqni ifa gurguddaa lama uume; kunis akka ifni guddaan guyyaa, inni xinnaan immoo halkan moʼuuf. Akkasuma urjiiwwan illee uume.
And God made the two great lights, the great light to rule the day, and the small light to rule the night, — and the stars.
17 Waaqnis akka isaan lafaaf ifa kennaniif bantii samii irra isaan kaaʼe;
And God set them in the expanse of the heavens, to give light on the earth,
18 kunis akka isaan guyyaa fi halkan moʼanii fi akka ifa sana dukkana irraa gargar baasaniif. Waaqnis wanni kun akka gaarii taʼe arge.
and to rule during the day and during the night, and to divide between the light and the darkness. And God saw that it was good.
19 Galgalas taʼe; ganamas taʼe; guyyaa afuraffaa.
And there was evening, and there was morning — a fourth day.
20 Waaqnis, “Bishaan uumamawwan lubbu qabeeyyii munyuuqaniin haa guutamu; simbirroonnis lafaa olitti, bantii samii keessa haa barrisan” jedhe.
And God said, Let the waters swarm with swarms of living souls, and let fowl fly above the earth in the expanse of the heavens.
21 Kanaafuu Waaqni uumamawwan galaanaa gurguddaa, lubbu qabeeyyii munyuuqan kanneen galaana keessa jiraatan hundaa fi simbirroota qoochoo qaban hunda akkuma gosa isaaniitti uume. Waaqnis wanni kun akka gaarii taʼe arge.
And God created the great sea monsters, and every living soul that moves with which the waters swarm, after their kind, and every winged fowl after its kind. And God saw that it was good.
22 Waaqnis, “Horaa; baayʼadhaa; bishaan galaanotaas guutaa; simbirroonnis lafa irratti haa baayʼatan” jedhee isaan eebbise.
And God blessed them, saying, Be fruitful and multiply, and fill the waters in the seas, and let fowl multiply on the earth.
23 Galgalas taʼe; ganamas taʼe; guyyaa shanaffaa.
And there was evening, and there was morning — a fifth day.
24 Waaqnis, “Lafti akkuma gosa gosa isaaniitti uumamawwan lubbuu qabeeyyii jechuunis horii, uumamawwan lafa irra mumunyuuqan, bineensota akkuma gosa gosa isaaniitti haa kennitu” jedhe. Akkasumas taʼe.
And God said, Let the earth bring forth living souls after their kind, cattle, and creeping thing, and beast of the earth, after their kind. And it was so.
25 Waaqni bineensota akkuma gosa gosa isaaniitti, horii akkuma gosa gosa isaaniitti, uumamawwan lafa irra mumunyuuqanis akkuma gosa gosa isaaniitti uume. Waaqni wanni kun akka gaarii taʼe arge.
And God made the beast of the earth after its kind, and the cattle after their kind, and every creeping thing of the ground after its kind. And God saw that it was good.
26 Waaqnis, “Kottaa akka bifa keenyaatti, akka fakkeenya keenyaattis nama uumnaa; isaanis qurxummii galaanaa irratti, simbirroo samii irratti, horii irratti, lafa hundumaa fi uumamawwan lafa irra munyuuqan hundumaa irratti aangoo haa qabaatan” jedhe.
And God said, Let us make man in our image, after our likeness; and let them have dominion over the fish of the sea, and over the fowl of the heavens, and over the cattle, and over the whole earth, and over every creeping thing that creepeth on the earth.
27 Kanaafuu Waaqni akka bifa isaatti nama uume; akka bifa Waaqaatti isa uume; innis dhiiraa fi dubartii taasisee isaan uume.
And God created Man in his image, in the image of God created he him; male and female created he them.
28 Waaqnis isaan eebbisee, “Horaa, baayʼadhaas; lafa guutaatii harka keessan jalattis bulfadhaa. Qurxummii galaanaa irratti, simbirroota samii irratti, uumama lafa irra munyuuqu hunda irratti aangoo qabaadhaa” jedheen.
And God blessed them; and God said to them, Be fruitful and multiply, and fill the earth, and subdue it; and have dominion over the fish of the sea, and over the fowl of the heavens, and over every animal that moveth on the earth.
29 Ergasii Waaqni akkana jedhe; “Kunoo ani akka isaan nyaata isinii taʼaniif biqiltuu lafa hunda irratti sanyii kennu hundaa fi muka iji isaa sanyii of keessaa qabu gosa hunda isinii kenneera.
And God said, Behold, I have given you every herb producing seed that is on the whole earth, and every tree in which is the fruit of a tree producing seed: it shall be food for you;
30 Anis bineensa lafaa hundaaf, simbirroota samii hundaaf, uumama lafa irra munyuuqu hundaaf jechuunis waan hafuura jireenyaa of keessaa qabu hundaaf akka nyaata isaanii taʼuuf biqiltuu lalisaa hunda nan kenna.” Akkasumas taʼe.
and to every animal of the earth, and to every fowl of the heavens, and to everything that creepeth on the earth, in which is a living soul, every green herb for food. And it was so.
31 Waaqnis waan hojjete hunda ilaale; wanni sunis dhugumaan gaarii ture. Galgalas taʼe; ganamas taʼe; guyyaa jaʼaffaa.
And God saw everything that he had made, and behold it was very good. And there was evening, and there was morning — the sixth day.

+ Uumama 1 >