< Uumama 9 >

1 Waaqni akkana jedhee Nohii fi ilmaan isaa eebbise; “Horaa, baayʼadhaa, lafas guutaa.
Y Dios bendijo a Noé y a sus hijos, y les dijo: “¡Reprodúzcanse, multiplíquense y llenen toda la tierra!
2 Sodaachisuu fi naasisuun keessan bineensota lafaa hundumaa fi simbirroota samii hundumaa, uumamawwan lafa irra munyuuqan hundumaa fi qurxummiiwwan galaanaa hundumaa irra haa buʼu; isaan harka keessanitti kennamaniiru.
Todos los animales te temerán, incluso las aves, las criaturas que se arrastran por el suelo, y los peces del mar. Ahora estás a cargo de ellos.
3 Wanni jiraatuu fi wanni munyuuqu hundi nyaata isiniif ni taʼa. Ani akkuman biqila lalisaa isinii kenne sana ammas waan hunda isiniif nan kenna.
Todo ser vivo que se mueve será alimento para ti, así como las plantas verdes.
4 “Isin garuu foon lubbuu isaa wajjin jechuunis dhiiga isaa wajjin hin nyaatinaa.
Pero no comerás carne que aún tenga sangre de vida en ella.
5 Ani dhugumaan dhiiga keessan kan lubbuun keessan keessa jirtu nan barbaada. Bineensa hunda irraa nan barbaada. Obboleessa nama hundaa irraas lubbuu namaa nan barbaada.
Si tu sangre es derramada por causa de un animal, yo pediré cuentas por ello; y si tu sangre es derramada por otra personas, yo se lo reclamaré.
6 “Nama dhiiga namaa dhangalaasu, dhiigni isaa harka namaatiin dhangalaafama; Waaqni bifa Waaqaatiin nama uumeetii.
Si alguno derrama sangre de otro ser humano, otro ser humano derramará su sangre también. Porque Dios creó a los seres humanos según su propia imagen.
7 Isinis horaa, baayʼadhaa; lafa guutaa, irrattis baayʼadhaa.”
¡Así que reprodúzcanse, multiplíquense y llenen la tierra de muchos descendientes!”
8 Ergasii Waaqni Nohii fi ilmaan isaa warra isaa wajjin turaniin akkana jedhe;
Entonces Dios le dijo a Noé y a sus hijos que estaban con él:
9 “Kunoo ani isinii fi sanyii keessan warra isin booddee wajjin kakuu koo nan hundeessa.
“Escuchen, yo hoy hago mi pacto con ustedes y con sus descendientes,
10 Akkasumas uumamawwan lubbu qabeeyyii isin wajjin turan hunda jechuunis simbirroota, horii fi bineensota lafaa hunda, waan isin wajjin doonii keessaa baʼe hunda, uumamawwan lafa irra jiraatan hunda wajjinis kakuu koo nan hundeessa.
y también con todos los animales, las aves, el ganado y todos los animales salvajes de la tierra, así como todo animal que estuvo en el arca.
11 Akka siʼachi wanni lubbuu qabu hundi deebiʼee bishaan badiisaatiin hin badneef, siʼachi bishaan badiisaa lafa balleessuuf gonkumaa akka hin dhufneef ani isin wajjin kakuu koo nan hundeessa.”
En este pacto yo les prometo que no volveré a destruir a los seres vivos por medio de un diluvio, y que no habrá nuevamente un diluvio destructor como este”.
12 Waaqni akkana jedhe; “Mallattoon kakuu kan ani ofii kootii fi isin gidduutti, uumamawwan lubbuu qabeeyyii isin bira jiran hunda gidduutti, dhaloota dhufuuf jiru hundaaf galu kanaa dha.
Entonces Dios dijo: “Les daré una señal para confirmar el acuerdo que hago hoy entre mi y ustedes, y todos los seres vivos. Un acuerdo que durará por todas las generaciones.
13 Ani sabbata koo duumessa keessa dhaabeera; innis kakuu anaa fi lafa gidduu jiruuf mallattoo taʼa.
He puesto mi arcoíris en las nubes, y esta será la señal de mi acuerdo contigo y con toda la vida que hay sobre la tierra.
14 Yeroo ani lafa irratti duumessa fidee sabbanni koo duumessa keessaan mulʼatutti,
Cada vez que haya nubes sobre la tierra y aparezca el arcoíris,
15 ani kakuu koo kan ofii kootii fi isin gidduu, uumamawwan lubbu qabeeyyii gosa hundaa gidduus jiru sana nan yaadadha. Bishaanonnis deebiʼanii lubbuu hunda balleessuuf gonkumaa bishaan badiisaa hin taʼan.
me recordará de mi pactoentre mi y ustedes, así como cada criatura viviente, de que las aguas no volverán a destruir todo ser viviente sobre la tierra.
16 Yeroo sabbanni koo duumessa keessaan mulʼatutti, ani isa ilaalee kakuu bara baraa kan Waaqaa fi uumamawwan lubbu qabeeyyii gosa hundaa kanneen lafa irra jiraatan gidduu jiru sana nan yaadadha.”
Y veré el arcoíris en las nubes, y me acordaré de este acuerdo eterno entre Dios y cada ser vivo que habita sobre la tierra”.
17 Kanaafuu Waaqni Nohiin, “Kun mallattoo kakuu ani ofii kootii fi lubbuu lafa irra jiraatu hunda gidduu dhaabe sanaa ti” jedhe.
Entonces Dios le dijo a Noé: “Esta es la señal del acuerdo que hago hoy con cada criatura sobre la tierra”.
18 Ilmaan Nohi warri doonii keessaa baʼan Seem, Haamii fi Yaafet turan. Haam abbaa Kanaʼaanii ti.
Los hijos de Noé que salieron del arca eran Sem, Cam y Jafet. (Cam fue el padre de los cananeos).
19 Ilmaan Nohi jara kana sadan turan; sanyiin namaa kan lafa hunda irra bittinneeffames isaanuma irraa argame.
Y todos los seres humanos que están esparcidos por el mundo son descendientes de estos tres hijos de Noé.
20 Nohi qonnaan bulaa taʼee wayinii dhaabuutti nama jalqabaa ture.
Noé comenzó a cultivar la tierra como un granjero, y plantó un viñedo.
21 Innis daadhii wayinii sanaa dhugee machaaʼe; qullaa isaas dunkaana isaa keessa ciise.
Entonces bebió del vino que produjo su viñedo, se emborrachó y se quedó dormido desnudo en su tienda.
22 Haam abbaan Kanaʼaan qullaa abbaa isaa argee obboloota isaa lamaan ala turanitti hime.
Cam, el padre de Canaán vio las partes íntimas de su padre y fue y se lo dijo a sus hermanos que estaban afuera.
23 Seemii fi Yaafeti garuu wayyaa fuudhanii gatiittii isaanii lamaan irra buufatanii dugda duubaan deemanii qullaa abbaa isaaniitti uffisan. Waan fuulli isaanii achi garagalee tureef isaan qullaa abbaa isaanii hin argine.
Entonces Sem y Jafet tomaron un manto, y poniéndolo sobre sus hombros, caminaron de espaldas y cubrieron las partes privadas de su padre. Y se aseguraron de mirar hacia otro lado, a fin de no ver las partes privadas de su padre.
24 Nohis yeroo machiin isaa irraa galetti waan ilmi isaa inni xinnaan isatti hojjete beekee
Cuando Noé se levantó de su sueño por la embriaguez, se dio cuenta de los que su hijo menor había hecho,
25 akkana jedhe; “Kanaʼaan abaaramaa haa taʼu! Inni obboloota isaatiif garba garbootaa haa taʼu.”
y dijo: “¡Maldito seas, Canaán! ¡Serás el esclavo de menor clase, y servirás a tus hermanos!”
26 Akkanas jedhe; “Waaqayyo Waaqni Seem haa eebbifamu! Kanaʼaan immoo garbicha Seem haa taʼu.
Entonces Noé continuó: “Bendito sea el Señor, Dios de Sem, y que Canaán sea su esclavo.
27 Waaqni biyya Yaafet haa balʼisu; Yaafet dunkaanota Seem keessa haa jiraatu; Kanaʼaan immoo garbicha isaa haa taʼu.”
Que Dios le de a Jafet mucho espacio para sus descendientes, y que vivan en paz con el pueblo de Sem, y que Canaán sea su esclavo también”.
28 Bishaan badiisaa booddee Nohi waggaa 350 jiraate.
Y después del diluvio, Noé vivió 350 años más.
29 Walumatti Nohi waggaa 950 jiraatee duʼe.
Noé vivió en total 950 años, y entonces murió.

< Uumama 9 >