< Uumama 8 >

1 Waaqni garuu Nohin, bineensotaa fi horii isa wajjin doonii keessa turan hunda yaadate. Innis bubbee lafatti erge; bishaanichis gad gale.
بهایمی را که با وی در کشتی بودند، بیادآورد. و خدا بادی بر زمین وزانید و آب ساکن گردید.۱
2 Burqaawwan tuujubawwaniitii fi foddaawwan samiiwwanii ni cufaman; bokkaan samii keessaa gad roobus ni caame.
و چشمه های لجه و روزنهای آسمان بسته شد، و باران از آسمان باز ایستاد.۲
3 Bishaan sunis suutuma suuta lafa irraa hirʼachaa deemee dhuma bultii dhibba tokkoo fi shantamaatti gad buʼe.
و آب رفته رفته از روی زمین برگشت. و بعد از انقضای صد و پنجاه روز، آب کم شد،۳
4 Dooniin sunis guyyaa kudha torbaffaa jiʼa torbaffaatti tulluu Araaraati gubbaa qubate.
و روز هفدهم ازماه هفتم، کشتی بر کوههای آرارات قرار گرفت.۴
5 Bishaanichi hamma jiʼa kurnaffaatti gaduma galaa deeme. Guyyaa jalqaba jiʼa kurnaffaattis mataawwan tulluuwwanii mulʼatan.
و تا ماه دهم، آب رفته رفته کمتر می‌شد، و درروز اول از ماه دهم، قله های کوهها ظاهر گردید.۵
6 Guyyaa afurtama booddee Nohi foddaa dooniitti baasee ture sana bane;
و واقع شد بعد از چهل روز که نوح دریچه کشتی را که ساخته بود، باز کرد.۶
7 innis arraagessa tokko gad dhiise; arraagessi sunis hamma bishaanichi lafa irraa gogutti asii fi achi deddeebiʼaa ture.
و زاغ را رهاکرد. او بیرون رفته، در تردد می‌بود تا آب از زمین خشک شد.۷
8 Ergasii immoo akka bishaanichi lafa irraa hirʼate hubachuuf gugee tokko erge.
پس کبوتر را از نزد خود رها کرد تاببیند که آیا آب از روی زمین کم شده است.۸
9 Garuu sababii bishaan lafa hunda irra guutee jiruuf gugeen sun iddoo qubatu dhabdee gara Nohi dooniitti deebite. Innis harka isaa gad hiixatee gugee sana gara dooniitti iddoo ofii jirutti ol galche.
اماکبوتر چون نشیمنی برای کف پای خود نیافت، زیرا که آب در تمام روی زمین بود، نزد وی به کشتی برگشت. پس دست خود را دراز کرد و آن را گرفته نزد خود به کشتی در‌آورد.۹
10 Ammas guyyaa torba turee gugee sana doonii keessaa gad baasee erge.
و هفت روز دیگر نیز درنگ کرده، باز کبوتر را از کشتی رها کرد.۱۰
11 Gugeen sunis galgala yommuu gara isaatti deebitetti kunoo, baala ejersaa kan amma kutame afaanitti qabattee turte. Kanaanis Nohi akka bishaanichi gad hirʼate beeke.
و در وقت عصر، کبوتر نزد وی برگشت، و اینک برگ زیتون تازه در منقار وی است. پس نوح دانست که آب از روی زمین کم شده است.۱۱
12 Ammas guyyaa biraa torba turee gugee sana deebisee erge; gugeen sun garuu lammata gara isaatti hin deebine.
و هفت روز دیگر نیز توقف نموده، کبوتر را رها کرد، و او دیگر نزد وی برنگشت.۱۲
13 Umurii Nohii waggaa dhibba jaʼaa fi tokkoffaatti, guyyaa tokkoffaa jiʼa jalqabaatti, bishaanichi lafa irraa goge. Nohis qadaada doonii sanaa irraa fuudhee ilaalee kunoo akka lafti gogde arge.
و در سال ششصد و یکم در روز اول از ماه اول، آب از روی زمین خشک شد. پس نوح پوشش کشتی را برداشته، نگریست، و اینک روی زمین خشک بود.۱۳
14 Guyyaa digdamii torbaffaa jiʼa lammaffaatti lafti guutummaan guutuutti gogde.
و در روز بیست و هفتم از ماه دوم، زمین خشک شد.۱۴
15 Waaqnis Nohiin akkana jedhe;
آنگاه خدا نوح رامخاطب ساخته، گفت:۱۵
16 “Atii fi niitiin kee, ilmaan keetii fi niitonni ilmaan keetii kottaa doonii keessaa baʼaa.
«از کشتی بیرون شو، توو زوجه ات و پسرانت و ازواج پسرانت با تو.۱۶
17 Akka isaan lafa irratti baayʼataniif, akka isaan horanii lafa irratti baayʼataniif, gosa uumamawwan lubbu qabeeyyii si wajjin jiran hunda jechuunis simbirroota, bineensotaa fi uumamawwan lafa irra munyuuqan hunda gad baasi.”
وهمه حیواناتی را که نزد خود داری، هرذی جسدی را از پرندگان و بهایم و کل حشرات خزنده بر زمین، با خود بیرون آور، تا بر زمین منتشر شده، در جهان بارور و کثیر شوند.»۱۷
18 Kanaafuu Nohi ilmaan isaatii fi niitii isaa, niitota ilmaan isaa wajjin gad baʼe.
پس نوح و پسران او و زنش و زنان پسرانش، با وی بیرون آمدند.۱۸
19 Bineensonni hundii fi uumamawwan lafa irra munyuuqan hundinuu, simbirroonni hundi jechuunis wanni lafa irra jiraatu hundi gosuma gosaan doonii sana keessaa gad baʼan.
و همه حیوانات و همه حشرات و همه پرندگان، و هر‌چه بر زمین حرکت می‌کند، به اجناس آنها، از کشتی به در شدند.۱۹
20 Nohis Waaqayyoof iddoo aarsaa ijaare; horii fi simbirroota qulqulluu hunda keessaa fuudhee iddoo aarsaa sana irratti aarsaa gubamu dhiʼeesse.
و نوح مذبحی برای خداوند بنا کرد، و از هر بهیمه پاک واز هر پرنده پاک گرفته، قربانی های سوختنی برمذبح گذرانید.۲۰
21 Waaqayyos foolii tolaa sana urgeeffatee garaa isaa keessatti akkana jedhe; “Yoo wanni namni ijoollummaa isaatii jalqabee garaa isaatti yaadu hammina taʼe illee ani sababii namaatiif jedhee lammata lafa hin abaaru. Ani akkan kanaan dura godhe sana deebiʼee uumamawwan jiraatoo hunda hin balleessu.
و خداوند بوی خوش بویید و خداوند در دل خود گفت: «بعد از این دیگر زمین را بسبب انسان لعنت نکنم، زیرا که خیال دل انسان از طفولیت بد است، و بار دیگر همه حیوانات را هلاک نکنم، چنانکه کردم.۲۱
22 “Hamma lafti jirtutti, midhaan facaasuu fi walitti qabuun, dhaamochii fi hoʼi, bonnii fi ganni, halkanii fi guyyaan gonkumaa hin hafan.”
مادامی که جهان باقی است، زرع و حصاد، و سرما و گرما، و زمستان و تابستان، و روز و شب موقوف نخواهد شد.»۲۲

< Uumama 8 >

A Dove is Sent Forth from the Ark
A Dove is Sent Forth from the Ark