< Uumama 7 >

1 Waaqayyos Nohiin akkana jedhe; “Ani akka ati dhaloota kana keessaa na duratti qajeelaa taate argeeraatii maatii kee hundumaa wajjin doonicha seeni.
Sa’an nan Ubangiji ya ce wa Nuhu. “Shiga jirgin, kai da dukan iyalinka, gama na ga kai mai adalci ne a wannan zamani.
2 Bineensa qulqulluu gosa hunda keessaa kormaa fi dhalaa cimdii torba, bineensa qulqulluu hin taʼin gosa hunda keessaa cimdii tokko,
Ka ɗauki bakwai na kowace iri tsabtaccen dabba tare da kai, namiji da ta mace, da kuma biyu na kowace dabba marar tsabta, namiji da ta mace,
3 gosa simbirrootaa hunda keessaa illee akka sanyiin lafa hunda irratti hafee jiraatuuf kormaa fi dhalaa cimdii torba fudhadhuu seeni.
da kuma bakwai na kowane iri tsuntsu, namiji da ta mace, domin a bar kowane irinsu da rai a dukan duniya.
4 Ani guyyaa torba booddee halkan afurtamaa fi guyyaa afurtama bokkaa nan roobsa; uumama jiraataa ani mataan koo uume hunda lafa irraa nan haxaaʼa.”
Kwana bakwai daga yanzu zan aiko da ruwa a duniya yini arba’in da dare arba’in, zan kuma kawar da kowace halitta mai rai da na yi daga doron ƙasa.”
5 Nohis waan Waaqayyo isa ajaje hunda ni hojjete.
Nuhu ya aikata duk abin da Ubangiji ya umarce shi.
6 Yeroo bishaan badiisaa dhufetti Nohi nama waggaa dhibba jaʼa ture.
Nuhu yana da shekaru 106 ne sa’ad da aka yi ambaliya ruwa a duniya.
7 Nohii fi ilmaan isaa, niitii isaatii fi niitonni ilmaan isaa bishaan badiisaa jalaa baʼuuf doonii seenan.
Nuhu da matarsa da’ya’yansa da matansu, suka shiga jirgi domin su tsira daga ruwa ambaliya.
8 Bineensonni qulqulluu fi kan qulqulluu hin taʼin, simbirroonnii fi uumamawwan lafa irra munyuuqan hundi, cimdii cimdiidhaan,
Biyu-biyu daga dabbobi masu tsabta da marasa tsabta, da tsuntsaye da kuma dukan halittu masu rarrafe a ƙasa,
9 kormaa fi dhalaan gara Nohi dhufanii akkuma Waaqni Nohiin ajajetti doonicha seenan.
namiji da ta mace, suka zo wurin Nuhu, suka shiga jirgi, kamar yadda Allah ya umarce Nuhu.
10 Guyyaa torba booddee bishaan badiisaa lolaʼee lafa guute.
Bayan kwana bakwai kuwa ambaliya ruwa ta sauko a bisa duniya.
11 Bara jireenya Nohi waggaa dhibba jaʼaffaa keessa, jiʼa lammaffaatti, jiʼa sana keessaas guyyaa kudha torbaffaatti burqaawwan tuujuba gurguddaa hundi ni dhoʼan; foddaawwan bishaan samiis ni banaman.
A ranar sha bakwai ga wata na biyu, na shekara ta ɗari shida na rayuwar Nuhu, a ran nan sai dukan maɓuɓɓugai na manyan zurfafa suka fashe, tagogin sammai suka buɗe.
12 Bokkaanis guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama lafatti roobe.
Ruwa yana ta kwararowa bisa duniya, yini arba’in da dare arba’in.
13 Guyyuma sana Nohii fi ilmaan isaa, Seem, Haamii fi Yaafet, niitii isaatii fi niitota ilmaan isaa sadanii wajjin doonicha seenan.
A wannan rana Nuhu tare da matarsa da’ya’yansa maza, Shem, Ham da Yafet da matansu uku suka shiga jirgi.
14 Isaanis bineensota hunda, akkuma gosa isaaniitti, horii hunda akkuma gosa isaaniitti, uumamawwan lafa irra munyuuqan hundaa fi simbirroota hunda akkuma gosa isaaniitti, waan qoochoo qabu hundas of faana fudhatanii seenan.
Tare da su kuwa, akwai kowane naman jeji bisa ga irinsa, da dukan dabbobin gida bisa ga irinsu, da kowace halitta mai rarrafe a ƙasa bisa ga irinta, da kowane tsuntsun gida da na jeji bisa ga irinsa, da dukan abu mai fiffike.
15 Uumamawwan hafuura jireenyaa of keessaa qaban hundinuus cimdii cimdiidhaan gara Nohi dhufanii doonicha seenan.
Biyu-biyu na dukan halittu masu numfashi suka zo wurin Nuhu, suka shiga jirgi.
16 Bineensonni akkuma Waaqni Nohin ajajetti dooniitti galan kormaa fi dhalaa uumamawwan lubbu qabeeyyii hundaa turan; ergasii immoo Waaqayyo alaan itti cufe.
Dabbobi da kowane abu mai rai da suka shiga ciki, namiji ne da ta mace, yadda Allah ya umarci Nuhu. Sa’an nan Ubangiji ya kulle jirgin daga baya.
17 Bishaan badiisaas ittuma fufee guyyaa afurtamaaf lafa irra ture; bishaan sunis dabalaa deemee doonii sana lafa irraa ol kaase.
Kwana arba’in ambaliya ta yi ta saukowa a duniya, sa’ad da ruwa ya yi ta ƙaruwa sai ya yi ta ɗaga jirgin sama, ya kuwa tashi can bisa duniya.
18 Bishaanichis ol kaʼee lafa irratti akka malee baayʼate; dooniin sunis bishaanicha irra deeme.
Ruwa ya taso, ya ƙaru ƙwarai a duniya, jirgin kuma ya yi ta yawo a bisa ruwa.
19 Bishaanichis akka malee ol kaʼaa deemee tulluuwwan samii jala jiran hunda haguuge.
Ruwa ya ƙaru ƙwarai a duniya, ya kuma rufe dukan duwatsu masu tsawo a ƙarƙashin sammai.
20 Bishaanichi dhundhuma kudha shan caalaa ol kaʼuudhaan tulluuwwan dhokse.
Ruwan ya taso ya rufe duwatsu, zurfin ruwa daga duwatsun zuwa inda jirgin yake ya fi ƙafa ashirin.
21 Uumamawwan lubbu qabeeyyiin lafa irra jiraatan hundi jechuunis, simbirroonni, horiin, bineensonni, uumamawwan lafa irra munyuuqan hundii fi namoonni hundi ni barbadaaʼan.
Kowane abu mai rai da yake tafiya a duniya ya hallaka, tsuntsaye, dabbobin gida, namun jeji, da dukan masu rarrafe waɗanda suke rarrafe a duniya, da kuma dukan mutane.
22 Wanni lafa gogaa irra jiraatu kan funyaan isaatiin hafuura jireenyaa baafatu hundinuu ni duʼe.
Kome a busasshiyar ƙasa da yake numfashi a hancinsa ya mutu.
23 Uumamawwan lubbu qabeeyyiin lafa irra jiraatan hundinuu ni haxaaʼaman; namnii fi horiin, uumamawwan lafa irra munyuuqanii fi simbirroonni samii, lafa irraa ni haxaaʼaman. Nohii fi warra isa wajjin doonii keessa turan qofattu hafe.
Aka kawar da kowane abu mai rai, mutane da dabbobi da halittu masu rarrafe a ƙasa, da tsuntsayen sama a doron ƙasa, duka aka kawar da su daga duniya. Nuhu kaɗai aka bari da waɗanda suke tare da shi a cikin jirgi.
24 Bishaan sunis bultii dhibba tokkoo fi shantama lafa irra lolaʼe.
Ruwa ya mamaye duniya har kwana ɗari da hamsin.

< Uumama 7 >

The Great Flood
The Great Flood