< Uumama 7 >
1 Waaqayyos Nohiin akkana jedhe; “Ani akka ati dhaloota kana keessaa na duratti qajeelaa taate argeeraatii maatii kee hundumaa wajjin doonicha seeni.
The Lord told Noah, “Go into the ark with all your family. I have seen how you are a man of integrity, living a moral life among the people of this generation.
2 Bineensa qulqulluu gosa hunda keessaa kormaa fi dhalaa cimdii torba, bineensa qulqulluu hin taʼin gosa hunda keessaa cimdii tokko,
Take with you seven pairs, male and female, of every kind of clean animal, and one pair, male and female, of every kind of unclean animal.
3 gosa simbirrootaa hunda keessaa illee akka sanyiin lafa hunda irratti hafee jiraatuuf kormaa fi dhalaa cimdii torba fudhadhuu seeni.
In addition take seven pairs, male and female, of all the birds, so their different kinds will survive throughout the earth.
4 Ani guyyaa torba booddee halkan afurtamaa fi guyyaa afurtama bokkaa nan roobsa; uumama jiraataa ani mataan koo uume hunda lafa irraa nan haxaaʼa.”
In seven days I'm going to make it rain for forty days and nights. I'm going to wipe out from the surface of the earth all the living creatures I made.”
5 Nohis waan Waaqayyo isa ajaje hunda ni hojjete.
Noah did exactly what the Lord ordered him to do.
6 Yeroo bishaan badiisaa dhufetti Nohi nama waggaa dhibba jaʼa ture.
Noah was 600 when the flood waters covered the earth.
7 Nohii fi ilmaan isaa, niitii isaatii fi niitonni ilmaan isaa bishaan badiisaa jalaa baʼuuf doonii seenan.
Noah went into the ark, taking with him his wife and his sons and their wives, because of the flood.
8 Bineensonni qulqulluu fi kan qulqulluu hin taʼin, simbirroonnii fi uumamawwan lafa irra munyuuqan hundi, cimdii cimdiidhaan,
Clean and unclean animals, birds, and creatures that run along the ground,
9 kormaa fi dhalaan gara Nohi dhufanii akkuma Waaqni Nohiin ajajetti doonicha seenan.
went into the ark with Noah. They came in pairs, male and female, just as God had told Noah.
10 Guyyaa torba booddee bishaan badiisaa lolaʼee lafa guute.
After seven days the floodwaters swept over the earth.
11 Bara jireenya Nohi waggaa dhibba jaʼaffaa keessa, jiʼa lammaffaatti, jiʼa sana keessaas guyyaa kudha torbaffaatti burqaawwan tuujuba gurguddaa hundi ni dhoʼan; foddaawwan bishaan samiis ni banaman.
Noah was 600 when on the seventeenth day of the second month all the subterranean waters burst through the earth, and heavy rain poured down from the sky.
12 Bokkaanis guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama lafatti roobe.
Rain continue to fall on the earth for forty days and nights.
13 Guyyuma sana Nohii fi ilmaan isaa, Seem, Haamii fi Yaafet, niitii isaatii fi niitota ilmaan isaa sadanii wajjin doonicha seenan.
That was the actual day when Noah, his wife, and their sons, Shem, Ham, and Japheth together with their three wives went into the ark.
14 Isaanis bineensota hunda, akkuma gosa isaaniitti, horii hunda akkuma gosa isaaniitti, uumamawwan lafa irra munyuuqan hundaa fi simbirroota hunda akkuma gosa isaaniitti, waan qoochoo qabu hundas of faana fudhatanii seenan.
They had with them every kind of wild animals, livestock, creatures that run along the ground, and birds—everything with wings.
15 Uumamawwan hafuura jireenyaa of keessaa qaban hundinuus cimdii cimdiidhaan gara Nohi dhufanii doonicha seenan.
They all came into the ark with Noah in pairs—every living thing that breathes.
16 Bineensonni akkuma Waaqni Nohin ajajetti dooniitti galan kormaa fi dhalaa uumamawwan lubbu qabeeyyii hundaa turan; ergasii immoo Waaqayyo alaan itti cufe.
A male and a female of every creature entered, as God had told Noah. Then the Lord shut the door behind him.
17 Bishaan badiisaas ittuma fufee guyyaa afurtamaaf lafa irra ture; bishaan sunis dabalaa deemee doonii sana lafa irraa ol kaase.
The flood increased for forty days, lifting the ark so that it floated up from the earth.
18 Bishaanichis ol kaʼee lafa irratti akka malee baayʼate; dooniin sunis bishaanicha irra deeme.
The floodwaters surged and grew deeper and deeper over the earth, but the ark floated along on the surface.
19 Bishaanichis akka malee ol kaʼaa deemee tulluuwwan samii jala jiran hunda haguuge.
Finally the water grew so deep that even the highest mountains were covered—all that could be seen was sky.
20 Bishaanichi dhundhuma kudha shan caalaa ol kaʼuudhaan tulluuwwan dhokse.
The water rose so much that it was higher than the mountains by fifteen cubits.
21 Uumamawwan lubbu qabeeyyiin lafa irra jiraatan hundi jechuunis, simbirroonni, horiin, bineensonni, uumamawwan lafa irra munyuuqan hundii fi namoonni hundi ni barbadaaʼan.
Everything living on earth died—the birds, livestock, wild animals, all creatures that run along the ground, and all the people.
22 Wanni lafa gogaa irra jiraatu kan funyaan isaatiin hafuura jireenyaa baafatu hundinuu ni duʼe.
Everything on land that breathed, died.
23 Uumamawwan lubbu qabeeyyiin lafa irra jiraatan hundinuu ni haxaaʼaman; namnii fi horiin, uumamawwan lafa irra munyuuqanii fi simbirroonni samii, lafa irraa ni haxaaʼaman. Nohii fi warra isa wajjin doonii keessa turan qofattu hafe.
The Lord wiped out all life on earth—people, livestock, creatures that run along the ground, and birds. All were killed. The only ones left were Noah and those with him on the ark.
24 Bishaan sunis bultii dhibba tokkoo fi shantama lafa irra lolaʼe.
The earth remained flooded for 150 days.