< Uumama 6 >

1 Yeroo namoonni biyya lafaa irratti baayʼachuu jalqabanii intallan dhalataniifitti,
And it happened, when humankind began to multiply on the face of the land, and daughters were born to them,
2 Ilmaan Waaqaa akka intallan namootaa babbareedoo taʼan argan; isaan keessaas abbuma filatan fuudhan.
that God's sons saw that the daughters of humankind were beautiful, and they took wives for themselves, whomever they chose.
3 Yommus Waaqayyo, “Namni waan foon taʼeef Hafuurri koo bara baraan isa keessa hin jiraatu; barri jireenya isaas waggaa dhibba tokkoo fi digdama taʼa” jedhe.
And God said, "My Spirit will not remain in humankind forever, since he is indeed flesh; yet his days will be one hundred twenty years."
4 Bara sanaa fi ergasiis Nefiiliimonni lafa irra turan; ilmaan Waaqaas yommuu gara intallan namaa dhaqanitti ijoollee dhalchan. Isaanis gootota durii warra beekamoo turan.
The Nephilim were on the earth in those days (and also after that), when the sons of God had sexual relations with the daughters of humankind and had children by them. They were the mighty men who were from ancient times, famous men.
5 Waaqayyos akka jalʼinni namaa lafa irratti baayʼatee, wanni namni yeroo hunda garaa isaatti yaadu hundinuus jalʼaa qofa taʼe arge.
And God saw that the wickedness of humankind was great on the earth, and that every inclination of the thoughts of his heart was only evil continually.
6 Waaqayyos waan lafa irratti nama uumeef ni gaabbe; garaan isaas ni gadde.
God was sorry that he had made humankind on the earth, and he was grieved in his heart.
7 Kanaafuu Waaqayyo, “Ani sanyii namaa kan ofii kootiin uume lafa irraa nan balleessa. Namaa fi horii, uumama lafa irra munyuuqu, simbirroota samii nan balleessa; ani isaan uumuu kootti gaabbeeraatii” jedhe.
God said, "I will destroy humankind whom I have created from the face of the earth; humankind, along with animals, crawling creatures, and flying creatures of the sky; for I am sorry that I have made them."
8 Nohi garuu fuula Waaqayyoo duratti surraa argate.
But Noah found favor in the sight of God.
9 Seenaan Nohii fi maatii isaa kanaa dha. Nohi namoota bara isaa turan gidduutti nama qajeelaa, nama hirʼina hin qabne kan Waaqa wajjin deddeebiʼu ture.
These are the generations of Noah. Noah was a righteous man, blameless among the people of his time. Noah walked with God.
10 Nohi ilmaan sadii dhalche; isaanis: Seem, Haamii fi Yaafet.
Noah became the father of three sons: Shem, Ham, and Japheth.
11 Lafti fuula Waaqaa duratti faalamtee jeequmsaan guutamte turte.
The earth was corrupt before God, and the earth was filled with violence.
12 Sababii namoonni lafa irraa hundinuu karaa isaanii faalaniif, Waaqni akka lafti faalamte arge.
God saw the earth, and look, it was corrupt, for all flesh had corrupted their way on the earth.
13 Kanaafuu Waaqni Nohiin akkana jedhe; “Waan lafti sababii isaaniitiin jeequmsaan guutamteef, ani nama hunda nan balleessa; kunoo ani dhugumaan lafaa fi isaan nan barbadeessa.
And God said to Noah, "The end of all flesh has come before me, for the earth is filled with violence through them. And look, I will destroy them with the earth.
14 Ati muka Goofar irraa doonii tolfadhu; keessa isaattis kutaa garaa garaa qopheessi; keessaa fi duuba isaas hapheedhaan duuchi.
Make a box-shaped ship of gopher wood. You are to make rooms in the ship, and cover it inside and outside with pitch.
15 Haalli ati ittiin doonicha tolchitu kanaa dha; dheerina isaa dhundhuma dhibbaa sadii, balʼina isaa dhundhuma shantama, ol dheerina isaa dhundhuma soddoma godhi.
And this is how you are to make it. The length of the ship is to be five hundred seventeen feet, its breadth eighty-six feet, and its height fifty-two feet.
16 Doonichaaf bantii dhundhuma tokko ol kaʼu hojjedhu; cinaacha isaa irrattis balbala baasi; kanas abbaa darbii sadii jechuunis kan gadii, kan gidduutii fi kan gubbaa godhii hojjedhu.
And you are to make a roof in the ship, and you are to finish it twenty-one inches above. And you are to set the door of the ship in its side. You are to make it with lower, second, and third levels.
17 Kunoo, ani uumamawwan lubbu qabeeyyii hunda samii jalaa balleessuuf bishaan badiisaa lafatti nan fida; wanni lafa irra jiraatu hundinuus ni bada.
And as for me, look, I am bringing a flood of waters on the earth, to destroy all flesh having the breath of life from under the sky. Everything that is on the earth will die.
18 Si wajjin garuu kakuu nan gala; atis doonii seenta; atii fi ilmaan kee, niitiin keetii fi niitonni ilmaan keetiis ni seentu.
But I will establish my covenant with you. You are to come into the ship, you, your sons, your wife, and your sons' wives with you.
19 Uumamawwan lubbu qabeeyyii hundumaa keessaa akka isaan si wajjin jiraataniif lama lama, kormaa fi dhalaa doonichatti galchi.
Of every living thing of all flesh, you are to bring two of every sort into the ship, to keep them alive with you. They shall be male and female.
20 Simbirroota keessaa akkuma gosa gosa isaaniitti, horii keessaa akkuma gosa gosa isaaniitti, uumamawwan lafa irra munyuuqan keessaas akkuma gosa gosa isaaniitti, lama lama taʼanii jiraachuuf gara kee dhufu.
Of the flying creatures after their kind, of the animals after their kind, and of every crawling creature of the ground after their kind, two of every sort shall come to you, to keep them alive.
21 Waan nyaatamu hunda keessaa waa fuudhii of biratti walitti qabi! Kunis nyaata keetii fi nyaata isaanii ni taʼa.”
And as for you, take for yourself all the kinds of food that are eaten, and gather it to yourself; and it will be food for you, and for them."
22 Nohi akkuma Waaqni isa ajajetti waan hunda hojjete.
Thus Noah did. According to all that God commanded him, so he did.

< Uumama 6 >

The World is Destroyed by Water
The World is Destroyed by Water