< Uumama 50 >

1 Yoosefis abbaa isaa irratti kufee booʼeef; isa dhungates.
Yusufu akahuzunika sana hata akauangukia uso wa baba yake, akamlilia, na kumbusu.
2 Ergasii immoo Yoosef tajaajiltoota isaa kanneen ogeessota fayyaa taʼan akka isaan reeffa abbaa isaa qorichaan sukkuuman ajaje; jarris reeffa Israaʼel qorichaan sukkuuman;
Yusufu akawaagiza watumishi wake matabibu kumtia dawa babaye. Hivyo matabibu wakampaka dawa Israeli.
3 waan kana gochuun bultii afurtama guutuu isaanitti fudhate; yeroon qoricha reeffa dibuuf barbaachisu kana tureetii. Warri Gibxiis bultii torbaatama isaaf booʼan.
Wakatimiza siku arobain, kwani huo ndio uliokuwa muda kamili wa kutia dawa. Wamisri wakamlilia kwa siku sabini
4 Guyyoonni gaddaa darbinaan Yoosef warra mana Faraʼoon jiraataniin akkana jedhe; “Yoo ani fuula keessan duratti fudhatama argadheera taʼe, akkana jedhaatii Faraʼoonitti naa himaa:
Siku za maombolezo zilipotimia, Yusufu akaongea na watumishi wa baraza la kifalme wa Farao kusema, “Ikiwa nimepata kibali machoni penu, tafadharini ongeeni na Farao, kusema,
5 ‘Abbaan koo akkana jedhee na kakachiiseera; “Kunoo ani duʼuu gaʼeera; awwaala ani biyya Kanaʼaan keessatti ofii kootiif qotadhetti na awwaalaa.” Kanaafuu maaloo ani amma dhaqee abbaa koo nan awwaalladha; ergasii immoo nan deebiʼa.’”
'Baba yangu aliniapisha, kusema, “Tazama, ninakaribia kufa. Unizike katika kaburi nililolichimba kwa ajili yangu mwenyewe katika nchi ya Kanaani. Ndipo utakaponizika.” Basi sasa niruhusu niende nimzike baba yangu, na kisha nitarudi.”
6 Faraʼoonis, “Dhaqiitii akkuma inni si kakachiise sanatti abbaa kee awwaalladhu” jedheen.
Farao akajibu, “Nenda na umzika baba yako, kama alivyokuwapisha.”
7 Yoosefis abbaa isaa awwaallachuu dhaqe. Qondaaltonni Faraʼoon hundinuu hangafoonni mana isaatii fi hangafoonni Gibxi hundi isa wajjin deeman.
Yusufu akaenda kumzika baba yake. Maofisa wa Farao wote wakaenda pamoja naye - washauri wa nyumba yake, maofisa waandamizi wote wa nchi ya Misri,
8 Akkasumas warri mana Yoosef jiraatan, obboloota isaatii fi warri mana abbaa isaa jiraatan hundi isa wajjin deeman. Ijoollee isaanii, bushaayee isaaniitii fi loon isaanii qofattu, Gooshenitti hafe.
pamoja na nyumba yote ya Yusufu na ndugu zake, na nyumba yote ya baba yake. Lakini watoto wao, kondoo wao na makundi ya mbuzi wao yaliachwa katika nchi ya Gosheni.
9 Gaariiwwanii fi warri farda yaabbatanis isa wajjin deeman. Tuunni sunis akka malee guddaa ture.
Vibandawazi na wapanda farasi pia walikwenda pamoja naye. Lilikuwa kundi kubwa sana la watu.
10 Isaanis yommuu Yordaanos gama oobdii Axaad bira gaʼanitti sagalee isaanii ol fudhatanii gadoodanii booʼan. Yoosefis achitti abbaa isaatiif guyyaa torba booʼe.
Hata walipokuja katika sakafu ya kupuria ya Atadi upande mwingine wa Yordani, wakaomboleza kwa majonzi ya huzuni kubwa. Yusufu akafanya maombolezo ya siku saba kwa ajili ya babaye pale.
11 Namoonni Kanaʼaan warri achi jiraachaa turan booʼicha oobdii Axaad biratti booʼame sana arganii, “Booʼichi kun warra Gibxiitiif booʼicha guddaa dha” jedhan. Kanaafuu iddoon sun Abeel Misraayim jedhamee moggaafame. Iddoon sunis Yordaanos gamatti argama.
Wenyeji wa nchi, Wakanaani, walipoona maombolezo katika sakafu ya Atadi, wakasema, “Hili ni tukio la kuhuzunisha sana kwa Wamisri.” Ndiyo maana eneo hilo likaitwa Abeli Mizraimu, lililoko mbele ya Yordani.
12 Ilmaan Yaaqoob akkuma inni isaan ajaje sana godhan;
Hivyo wanawe wakamfanyia Yakobo kama alivyokuwa amewaagiza.
13 isaanis biyya Kanaʼaanitti isa geessanii holqa Mamree biratti lafa qotiisaa Makfelaa keessatti argamu kan Abrahaam iddoo awwaalaa godhachuudhaaf Efroon namicha gosa Heeti sana irra lafa qotiisaa wajjin bitate sanatti awwaalan.
Wana wake wakampeleka katika nchi ya Kanaani na wakamzika katika pango katika shamba la Makpela, karibu na Mamre. Ibrahimi alikuwa amelinunua pango pamoja na shamba kwa ajili ya eneo la kuzikia. Alikuwa amelinunua kutoka kwa Efroni Mhiti.
14 Yoosef erga abbaa isaa awwaallatee booddee obboloota isaatii fi warra isa wajjin abbaa isaa awwaaluu dhaqan hunda wajjin Gibxitti deebiʼe.
Baada ya kuwa amemzika babaye, Yusufu akarudi Misri, yeye, pamoja na ndugu zake, na wote waliokuwa wamemsindikiza ili kumzika babaye.
15 Obboloonni Yoosef erga abbaan isaanii duʼee booddee, “Yoo Yoosef hamaa nu isatti hojjennee hundaaf haaloo qabatee haaloo nutti baʼe hoo?” jedhan.
Nduguze Yusufu walipoona kwamba baba yao amekufa, wakasema, “Itakuwaje ikiwa Yusufu atatukasirikia na akataka kutulipa kikamilifu kwa ajili ya uovu tuliomtenda?”
16 Isaanis akkana jedhanii Yoosefitti dhaammatan; “Abbaan kee utuu hin duʼin dura akkana jedhee ajaje;
Hivyo wakamwagiza Yusufu, kusema, “Baba yako alitoa maelekezo kabla hajafa, kusema,
17 ‘Isin akkana jedhaa Yoosefitti himaa; ani akka ati cubbuu fi balleessaa obboloonni kee si miidhuuf jedhanii sitti hojjetan sana isaanii dhiiftu sin kadhadha.’ Maaloo cubbuu tajaajiltoota Waaqa abbaa keetii dhiisi.” Yoosefis yommuu ergaa isaanii dhagaʼetti ni booʼe.
'Mwambieni hivi Yusufu, “Tafadhari samehe makosa ya ndugu zako na dhambi yao uovu waliokutenda.” Basi wasamehe watumishi wa Mungu wa baba yako.” Yusufu akalia walipomwambia.
18 Obboloonni isaas dhufanii fuula isaa duratti lafa dhaʼanii, “Kunoo nu garboota kee ti” jedhan.
Ndugu zake pia wakaenda na kuinamisha nyuso zao mbele zake. Wakasema, “Tazama, sisi ni watumishi wako.”
19 Yoosef garuu akkana isaaniin jedhe; “Hin sodaatinaa. Anatu iddoo Waaqaa buʼaa?
Lakini Yusufu akawajibu, “Msiogope, Je mimi ni badala ya Mungu?
20 Isin hamaa natti yaaddan; Waaqni garuu akkuma amma taʼee jiru kana lubbuu nama baayʼee baraaruuf jedhee waan gaariif yaade.
Lakini kwenu, mlikusudia kunidhuru, lakini Mungu alikusudia mema, kuhifadhi maisha ya watu wengi, kama mwonavyo leo.
21 Egaa hin sodaatinaa. Ani isinii fi ijoollee keessan nan sooraatii.” Innis waan garaa isaan ciibsu isaanitti dubbatee isaan jajjabeesse.
Hivyo basi msiogope. Nitawahudumia ninyi na watoto wenu wadogo.” Kwa njia hii aliwatia moyo na kuongea na mioyo yao kwa upole.
22 Yoosef maatii abbaa isaa wajjin Gibxi keessa ture. Innis waggaa dhibba tokkoo fi kudhan jiraate.
Yusufu akakaa Misri, pamoja na familia ya baba yake. Akaishi miaka mia moja na kumi.
23 Dhaloota sadaffaa ijoollee Efreem arge. Akkasumas ilmaan Maakiir ilma Minaasee jilba Yoosef irratti dhalatan.
Yusufu akawaona wana wa Efraimu hata kizazi cha tatu. Pia aliwaona wana wa Makiri mwana wa Manase, waliowekwa katika magoti ya Yusufu.
24 Yoosefis obboloota isaatiin akkana jedhe; “Ani duʼuu gaʼeera. Waaqni garuu dhugumaan dhufee isin gargaara; biyya kanaa isin baasees gara biyya Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif kakuun waadaa gale sanaatti isin geessa.”
Yusufu akawambia ndugu zake, “Ninakaribia kufa; lakini kwa hakika Mungu atawajilia na kuwaongoza kutoka katika nchi hii na kuwapeleka katika nch aliyoapa kumpa Ibrahimu, kwa Isaka na kwa Yakobo.”
25 Yoosefis ijoollee Israaʼel kakachiisee akkana jedheen; “Waaqni dhugumaan dhufee isin gargaara; isinis lafee koo biyya kanaa ol baasuu qabdu.”
Kisha Yusufu akawaapisha watu wa Israeli kwa kiapo. Akasema, “Bila shaka Mungu atawajilia. Wakati huo mtachukuwa mifupa yangu kutoka hapa.”
26 Yoosefis waggaa dhibba tokkoo fi kudhanitti duʼe. Jarris qorichaan sukkuumanii Gibxitti sanduuqa reeffaa keessa isa kaaʼan.
Hivyo Yusufu akafa, mwenye miaka 110. Wakampaka dawa na akawekwa katika jeneza huko Misri.

< Uumama 50 >