< Uumama 5 >

1 Kun galmee sanyii Addaam. Waaqni yeroo nama uumetti akka fakkeenya Waaqaatti isa tolche.
This is the book of the generations of Adam. In the day that God created man, He made him in His own likeness.
2 Innis dhiiraa fi dubartii taasisee isaan uume; isaan eebbises. Yeroo uumamanis “Nama” jedhee isaan waame.
Male and female He created them, and He blessed them. And in the day they were created, He called them “man.”
3 Addaam waggaa 130 jiraate; innis akka fakkaattii isaatti, akka bifa isaattis ilma dhalchee Seeti jedhee maqaa baaseef.
When Adam was 130 years old, he had a son in his own likeness, after his own image; and he named him Seth.
4 Addaam erga Seeti dhalatee booddee waggaa 800 jiraate; innis ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
And after he had become the father of Seth, Adam lived 800 years and had other sons and daughters.
5 Walumatti Addaam waggaa 930 jiraatee duʼe.
So Adam lived a total of 930 years, and then he died.
6 Seeti waggaa 105 jiraatee Enooshin dhalche.
When Seth was 105 years old, he became the father of Enosh.
7 Erga Enooshin dhalchee booddees Seeti waggaa 807 jiraate; innis ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
And after he had become the father of Enosh, Seth lived 807 years and had other sons and daughters.
8 Walumatti Seeti waggaa 912 jiraatee duʼe.
So Seth lived a total of 912 years, and then he died.
9 Enoosh waggaa 90 jiraatee Qeenaanin dhalche.
When Enosh was 90 years old, he became the father of Kenan.
10 Erga Qeenaanin dhalchee booddees Enoosh waggaa 815 jiraate; innis ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
And after he had become the father of Kenan, Enosh lived 815 years and had other sons and daughters.
11 Walumatti Enoosh waggaa 905 jiraatee duʼe.
So Enosh lived a total of 905 years, and then he died.
12 Qeenaan waggaa 70 jiraatee Mahalaleelin dhalche.
When Kenan was 70 years old, he became the father of Mahalalel.
13 Erga Mahalaleeliin dhalchee booddee Qeenaan waggaa 840 jiraate; innis ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
And after he had become the father of Mahalalel, Kenan lived 840 years and had other sons and daughters.
14 Walumatti Qeenaan waggaa 910 jiraatee duʼe.
So Kenan lived a total of 910 years, and then he died.
15 Mahalaleel waggaa 65 jiraatee Yaaredin dhalche.
When Mahalalel was 65 years old, he became the father of Jared.
16 Erga Yaaredin dhalchee booddee Mahalaleel waggaa 830 jiraate; innis ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
And after he had become the father of Jared, Mahalalel lived 830 years and had other sons and daughters.
17 Walumatti Mahalaleel waggaa 895 jiraatee duʼe.
So Mahalalel lived a total of 895 years, and then he died.
18 Yaared waggaa 162 jiraatee Henookin dhalche.
When Jared was 162 years old, he became the father of Enoch.
19 Erga Henookin dhalchee booddee Yaared waggaa 800 jiraate; innis ilmaanii fi intallan biraa qaba ture.
And after he had become the father of Enoch, Jared lived 800 years and had other sons and daughters.
20 Walumatti Yaared waggaa 962 jiraatee duʼe.
So Jared lived a total of 962 years, and then he died.
21 Henook waggaa 65 jiraatee Matuuselaa dhalche.
When Enoch was 65 years old, he became the father of Methuselah.
22 Henook erga Matuuselaa dhalchee booddee waggaa 300 Waaqa wajjin deddeebiʼe; innis ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
And after he had become the father of Methuselah, Enoch walked with God 300 years and had other sons and daughters.
23 Walumatti Henook waggaa 365 jiraate.
So Enoch lived a total of 365 years.
24 Henook Waaqa wajjin deddeebiʼe; waan Waaqni isa fudhateef inni deebiʼee hin argamne.
Enoch walked with God, and then he was no more, because God had taken him away.
25 Matuuselaan waggaa 187 jiraatee Laamehin dhalche.
When Methuselah was 187 years old, he became the father of Lamech.
26 Erga Laamehin dhalchee booddee Matuuselaan waggaa 782 jiraate; innis ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
And after he had become the father of Lamech, Methuselah lived 782 years and had other sons and daughters.
27 Walumatti Matuuselaan waggaa 969 jiraatee duʼe.
So Methuselah lived a total of 969 years, and then he died.
28 Laameh waggaa 182 jiraatee ilma dhalche.
When Lamech was 182 years old, he had a son.
29 Innis, “Hojii nu lafa Waaqayyo abaare kana irratti hojjennuu fi dadhabbii harka keenyaa kana keessatti nu jajjabeessa” jechuudhaan maqaa isaa Nohi jedhee moggaase.
And he named him Noah, saying, “May this one comfort us in the labor and toil of our hands caused by the ground that the LORD has cursed.”
30 Laameh erga Nohin dhalchee booddee waggaa 595 jiraate; innis ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
And after he had become the father of Noah, Lamech lived 595 years and had other sons and daughters.
31 Walumatti Laameh 777 jiraatee duʼe.
So Lamech lived a total of 777 years, and then he died.
32 Nohi erga waggaa 500 jiraatee booddee Seem, Haamii fi Yaafetin dhalche.
After Noah was 500 years old, he became the father of Shem, Ham, and Japheth.

< Uumama 5 >