< Uumama 49 >

1 Yaaqoob ilmaan isaa ofitti waamee akkana jedhe: “Akka ani waan bara dhumaa keessa isinitti dhufu isinitti himuuf mee walitti qabamaa.
Then Jacob summoned his sons, and said: "Gather yourselves together so that I may tell you what will happen to you in the days to come.
2 “Yaa ilmaan Yaaqoob mee walitti qabamaa dhaggeeffadhaa; abbaa keessan Israaʼelin dhaggeeffadhaa.
Assemble yourselves and hear, you sons of Jacob. Listen to Israel, your father.
3 “Yaa Ruubeen, ati ilma koo hangafa; humna koo, mallattoo jalqabaa kan jabina kootii ti; ati ulfinaan ni caalta; humnaan illee ni caalta.
Reuben, you are my firstborn, my strength, and the the firstfruits of my virility, preeminent in dignity and preeminent in power.
4 Ati akka bishaanii asii fi achi raafamta; ol aantummaas hin qabaattu; ati siree abbaa keetiitti ol baatee, afata kootti ol baatee xureessiteertaatii.
Uncontrolled as the waters, you will not have excel, because you went up to your father's bed, you went up and defiled my couch.
5 “Simiʼoonii fi Lewwiin obboloota; goraadeen isaanii miʼa fincilaa ti.
Simeon and Levi are brothers. Their swords are weapons of violence.
6 Lubbuun koo marii isaaniitti hin seenin; ulfinni koos yaaʼii isaaniitti hin dabalamin; isaan dheekkamsa isaaniitiin nama ajjeesaniiruutii; fedhii ofii isaaniitiinis qotiyyoo naafachiisaniiru.
May I never enter their council. May my honor never be joined with their assembly. For in their anger they killed men, and for pleasure they hamstrung oxen.
7 Aariin isaanii inni hamaan, dheekkamsi isaanii inni gara jabeessi abaaramaa haa taʼu! Ani Yaaqoob keessa isaan nan bittinneessa; Israaʼel keessas isaan nan facaasa.
Cursed be their anger, for it has been fierce, and their fury, for it was cruel. I will divide them in Jacob, and scatter them in Israel.
8 “Yaa Yihuudaa obboloonni kee si leellisu; harki kee morma diina keetii qaba; ilmaan abbaa keetii siif sagadu.
Judah, your brothers will praise you. Your hand will be on the neck of your enemies. Your father's sons will bow down before you.
9 Yaa Yihuudaa ati saafela leencaa ti; yaa ilma koo ati adamoodhaa deebita. Inni akka leencaa, akka leenca dhalaas, riphee ciisa; eenyutu ija jabaatee isa kaasa ree?
Judah is a lion's cub. From the prey, my son, you rise up. Like a lion he crouches and lies down, as a lioness. Who will rouse him up?
10 Hamma bulchaan dhufutti bokkuun harka Yihuudaatii, uleen bulchiinsaa miilla isaa gidduudhaa hin dhabamu; saboonnis isaaf ni ajajamu.
The scepter will not depart from Judah, nor the ruler's staff from between his feet, until he comes to whom it belongs. And it is he whom the peoples will obey.
11 Inni harree isaa muka wayiniitti, ilmoo harree isaa immoo damee filatamaatti hidhata; wayyaa isaa daadhii wayiniitiin, wandaboo isaa immoo dhiiga gumaa wayiniitiin miiccata.
Binding his foal to the vine, and his donkey's colt to the choice vine. He will wash his garments in wine, and his robes in the blood of grapes.
12 Iji isaa daadhii wayinii irra diimata; ilkaan isaa immoo aannan irra addaata.
His eyes will be darker than wine, and his teeth whiter than milk.
13 “Zebuuloon qarqara galaanaa jiraata; buufata dooniiwwaniis taʼa; daangaan isaas hamma Siidoonaatti balʼata.
Zebulun will dwell at the seashore, and he will be a harbor for ships, and his border will be at Sidon.
14 “Yisaakor harree jabaa feʼiisa lama gidduu ciisuu dha.
Issachar is a strong donkey lying down between the saddlebags.
15 Innis yeroo akka iddoon boqonnaa isaa hammam gaarii taʼee fi akka lafti isaa tolaa taʼe argutti baʼaa baachuuf gatiittii isaa gad qabata; hojii humnaa hojjechuuf of kenna.
When he sees a good resting place, that the land is pleasant, he will bend his back to the burden, and become a slave doing forced labor.
16 “Daan gosoota Israaʼel keessaa akka isa tokkootti, saba isaatiif murtii qajeelaa ni kenna.
Dan will judge his people as one of the tribes of Israel.
17 Daan bofa qarqara karaa ti; akka buutii daandii irraa, kan akka namichi farda yaabbatu gara duubaatti kufuuf kottee fardaa idduu ni taʼa.
Dan will be a serpent on the road, a viper by the path, that bites the horse's heels so that his rider falls backward.
18 “Yaa Waaqayyo, ani fayyisuu kee nan eeggadha.
I wait for your salvation, God.
19 “Gaad weerartootaan ni dhaʼama; inni garuu faana buʼee isaan dhaʼa.
Gad will be attacked by raiders, but he will raid at their heels.
20 “Aasheer buddeenni isaa furdaa dha; inni mootiidhaaf nyaata tolaa ni kenna.
Asher's food will be rich, and he will provide royal delicacies.
21 “Niftaalem borofa hiikamtee dha; dubbii gaariis ni dubbata.
Naphtali is a doe set free that bears beautiful fawns.
22 “Yoosef muka wayinii ija qabeessa, muka wayinii ija qabeessa burqaa bishaaniitti dhiʼoo jiruu dha; dameen isaa dallaa irra yaaʼa.
Joseph is a fruitful son, a fruitful son by a spring. His branches run over a wall.
23 Warri iddaa qabatan waraana isatti banan; isatti futtaasan; isa jibbanis.
The archers will attack him with bitterness, and shoot at him, and harass him.
24 Garuu iddaan isaa jabaatee hafe; irreen harka isaa, harka Waaqa Jabaa Yaaqoobiin jabeeffame. Achiis Tiksee sanaan, Kattaa Israaʼeliin,
Yet his bow will remain steady, and his arms will be made agile by the hands of the Mighty One of Jacob, by the name of the Shepherd, the Rock of Israel,
25 Waaqa abbaa keetii isa si gargaaruun, Waaqa Waan Hunda Dandaʼu isa eebba samii gubbaatiin, eebba gadi fagoo isa jalaatiin, eebba harmaatii fi gadameessaatiin si eebbisu sanaan ni eebbifamta.
by the God of your father, who will help you, and El Shaddai, who will bless you with blessings of the sky above, blessings of the deep that lies below, and blessings of the breasts and of the womb.
26 Eebbi abbaa keetii, eebba tulluuwwan durii, arjummaa gaarran durii caala. Kun hundi mataa Yoosefiitti, gubbee mataa isa obboloota isaa keessaa hoogganaa taʼeetti haa qabatu.
The blessings of your father are greater than the blessings of the ancient mountains, and the bounty of the everlasting hills. They will be on the head of Joseph, and on the brow of the prince among his brothers.
27 “Beniyaam yeeyyii baayʼee beelaʼee dha; ganama waan adamse itti gaggabee nyaata; galgala immoo boojuu hira.”
Benjamin is a ravenous wolf. In the morning he will devour the prey, and at evening he will divide the plunder."
28 Warri kunneen hundi gosoota Israaʼel kudha lamaan; kunis waan abbaan isaanii yeroo eebba tokkoo tokkoo isaaniif taʼuun isaan eebbisetti isaanitti dubbatee dha.
All these are the twelve tribes of Israel, and this is what their father said to them when he blessed them. He blessed each one with his own individual blessing.
29 Ergasiis Yaaqoob akkana jedhee isaan ajaje; “Ani gara saba kootiitti walitti qabamuu gaʼeera; holqa lafa qotiisaa Efroon namicha gosa Heeti sanaatti abbootii koo biratti na awwaalaa.
Then he instructed them, and said to them, "I am to be gathered to my people. Bury me with my fathers in the cave that is in the field of Ephron the Hethite,
30 Holqi kunis holqa biyya Kanaʼaan keessatti Mamree biratti lafa qotiisaa Makfelaa keessatti argamu kan Abrahaam iddoo awwaalaa godhachuuf Efroon namicha gosa Heeti sana irraa lafa qotiisaa wajjin bitatee dha.
in the cave that is in the field of Machpelah, which is near Mamre in the land of Canaan, which Abraham bought along with the field from Ephron the Hethite as a burial place.
31 Abrahaamii fi niitiin isaa Saaraan achitti awwaalaman; Yisihaaqii fi niitiin isaa Ribqaan achitti awwaalaman; anis achumattan Liyaa awwaale.
There they buried Abraham and his wife Sarah. There they buried Isaac and his wife Rebekah, and there I buried Leah.
32 Lafti qotiisaatii fi holqi isa keessa jiru Heetota irraa bitaman.”
The field and the cave that is in it were purchased from the sons of Heth."
33 Yaaqoob akkuma ilmaan isaa ajajuu raawwateen miilla isaa siree irratti ol deebifatee hafuura dhumaa baafate; gara saba isaattis walitti qabame.
When Jacob finished instructing his sons, he drew his legs up into the bed and breathed his last, and was gathered to his people.

< Uumama 49 >