< Uumama 48 >
1 Yeroo muraasa booddee, “Kunoo, abbaan kee dhukkubsateera” jedhanii Yoosefitti himan. Innis ilmaan isaa lamaan Minaasee fi Efreemin fudhatee dhaqe.
Baada ya muda Yosefu akaambiwa kwamba, “Baba yako ni mgonjwa.” Kwa hiyo akawachukua wanawe wawili Manase na Efraimu, pamoja naye.
2 Yaaqoob yeroo, “Ilmi kee Yoosef gara kee dhufeera” jedhanii itti himanitti, Israaʼel of jajjabeessee kaʼee siree irra taaʼe.
Yakobo alipoambiwa, “Mwanao Yosefu amekujia kukuona,” Israeli akakusanya nguvu zake, akaketi kitandani.
3 Yaaqoobis Yoosefiin akkana jedhe; “Waaqni Waan Hunda Dandaʼu biyya Kanaʼaan keessatti Luuzitti natti mulʼatee achitti na eebbise;
Yakobo akamwambia Yosefu, “Mungu Mwenyezi alinitokea huko Luzu katika nchi ya Kanaani, huko akanibariki,
4 akkanas naan jedhe; ‘Ani akka ati hortuu fi akka ati baayʼattu nan godha. Tuuta sabaa sin godha; ani biyya kana dhaala bara baraa godhee sanyiiwwan kee warra si booddeetiif nan kenna.’
naye akaniambia, ‘Nitakufanya ustawi na kuongezeka hesabu yako, nitakufanya kuwa jamii ya mataifa, nami nitakupa nchi hii uimiliki milele wewe na wazao wako baada yako.’
5 “Egaa amma ilmaan kee lamaan warri utuu ani as gara kee hin dhufin dura Gibxitti siif dhalatan sun akkuma ilmaan kootti ilaalamu; akkuma Ruubeenii fi Simiʼoon kan koo taʼan sana Efreemii fi Minaaseenis kanuma koo taʼu.
“Sasa basi, wanao wawili waliozaliwa kwako huku Misri kabla sijaja hapa kwako watahesabiwa kuwa ni wangu; Efraimu na Manase watakuwa wangu, kama vile Reubeni na Simeoni walivyo wangu.
6 Ijoolleen isaan booddeen siif dhalatan kan kee taʼu. Dhaala qoodachuu keessatti immoo maqaa obboloota isaanii jalatti lakkaaʼamu.
Lakini watoto utakaowazaa baada yao watakuwa wako. Katika nchi watakayoirithi, watatambuliwa kwa jina la ndugu zao.
7 Yeroo ani kaaba dhiʼa Phaadaaniitii deebiʼaa turetti utuma Efraataa gaʼuuf xinnuma nuu hafee jiruu Raahel biyya Kanaʼaan keessatti na jalaa duunaan achumatti karaa Efraataa dhaqu biratti awwaalladhe.” Efraataan kunis Beetlihemii dha.
Nilipokuwa ninarudi kutoka Padani, katika huzuni yangu Raheli alifariki katika nchi ya Kanaani tulipokuwa tungali tukisafiri, tukiwa karibu kufika Efrathi. Kwa hiyo nilimzika huko, kando ya njia iendayo Efrathi” (yaani Bethlehemu).
8 Israaʼel yeroo ilmaan Yoosef argetti, “Isaan kunneen eenyu?” jedhee gaafate.
Wakati Israeli alipowaona wana wa Yosefu, akauliza, “Hawa ni nani?”
9 Yoosef immoo abbaa isaatiin, “Isaan kunneen ilmaan biyya kanatti Waaqni naaf kennee dha” jedhe. Kana irratti Israaʼel, “Akka ani isaan eebbisuuf natti fidi” jedhe.
Yosefu akamjibu baba yake, “Hawa ni wana ambao Mungu amenipa nikiwa huku.” Ndipo Israeli akasema, “Walete kwangu ili niwabariki.”
10 Yeroo kanatti Israaʼel dulloomee iji isaa dadhabee ture; innis waa hubachuu hin dandaʼu ture. Kanaafuu Yoosef ilmaan isaa Israaʼelitti dhiʼeesse; Israaʼelis isaan dhungate; isaan hammates.
Basi macho ya Israeli yalikuwa hayaoni vizuri kwa sababu ya uzee, naye aliona kwa shida. Kwa hiyo Yosefu akawaleta wanawe karibu na baba yake, Israeli akawabusu na akawakumbatia.
11 Israaʼelis Yoosefiin, “Ani fuuluma kee iyyuu nan arga jedhee hin yaadne; Waaqni garuu akka ani ijoollee kee iyyuu argu naa eeyyame” jedhe.
Israeli akamwambia Yosefu, “Kamwe sikutazamia kuuona uso wako tena, lakini sasa Mungu ameniruhusu kuwaona watoto wako pia.”
12 Yoosefis jilba Israaʼel irraa achi isaan butee fuula isaatiin lafatti gad gombifame.
Ndipo Yosefu akawaondoa wanawe magotini mwa Israeli naye akasujudu hadi nchi.
13 Innis ergasii lamaan isaanii iyyuu fuudhee Efreemin karaa mirga isaatiin gara harka Israaʼel isa bitaatti, Minaasee immoo bitaa isaatiin gara harka Israaʼel isa mirgaatti fidee isatti dhiʼeesse.
Yosefu akachukua wale wana wawili, Efraimu kwenye mkono wake wa kuume akimwelekeza kwenye mkono wa kushoto wa Israeli, na Manase katika mkono wake wa kushoto akimwelekeza kwenye mkono wa kuume wa Israeli, akawaleta karibu na babu yao.
14 Israaʼel garuu utuma Efreem quxisuu taʼee jiruu harka isaa mirgaa mataa Efreem irra kaaʼe; Minaaseen immoo utuma hangafa taʼee jiruu Israaʼel harka isaa wal qaxxaamursee harka isaa bitaa mataa Minaasee irra kaaʼe.
Lakini Israeli akaupeleka mkono wake wa kuume, akauweka juu ya kichwa cha Efraimu, ingawa alikuwa ndiye mdogo, na mkono wake wa kushoto akaukatisha, akauweka juu ya kichwa cha Manase, ingawa Manase alikuwa ndiye mzaliwa wa kwanza.
15 Innis akkana jedhee Yoosefin eebbise; “Waaqni inni abbootiin koo Abrahaamii fi Yisihaaq fuula isaa dura jiraatan, Waaqni inni bara jireenya koo guutuu hamma harʼaatti tiksee koo ture sun,
Ndipo akambariki Yosefu akisema, “Mungu ambaye baba zangu Abrahamu na Isaki walimtii, Mungu ambaye amekuwa mchungaji wa maisha yangu yote mpaka leo hii,
16 Ergamaan Waaqayyoo kan balaa hunda jalaa na baase sun ilmaan kanneen haa eebbisu. Isaan maqaa kootiin, maqaa abbootii koo Abrahaamii fi Yisihaaqiin haa waamaman; isaan lafa irratti guddaa haa baayʼatan.”
Malaika ambaye aliniokoa kutoka madhara yote, yeye na awabariki vijana hawa. Na waitwe kwa jina langu na kwa majina ya baba zangu Abrahamu na Isaki, wao na waongezeke kwa wingi katika dunia.”
17 Yoosef yommuu akka abbaan isaa harka isaa mirgaa mataa Efreem irra kaaʼe argetti ni gadde; kanaafuu inni harka abbaa isaa mataa Efreem irraa fuudhee mataa Minaasee irra kaaʼuuf jedhee kaase.
Yosefu alipoona baba yake akiweka mkono wa kuume juu ya kichwa cha Efraimu, hakupendezwa, kwa hiyo akauchukua mkono wa baba yake kutoka kichwa cha Efraimu na kuuweka juu ya kichwa cha Manase.
18 Yoosef abbaa isaatiin, “Yaa abbaa ko, akkas miti; inni kun hangafa; harka kee mirgaa mataa isaa irra kaaʼi” jedhe.
Yosefu akamwambia, “Hapana, baba yangu, huyu ndiye mzaliwa wa kwanza; uweke mkono wako wa kuume juu ya kichwa chake.”
19 Abbaan isaa garuu didee akkana jedheen; “Ani nan beeka; yaa ilma koo nan beeka. Innis saba taʼa; saba guddaa isaa taʼa. Taʼus obboleessi isaa inni quxisuun isa caalaa guddaa taʼa; sanyiin isaas tuuta saba baayʼee ni taʼa.”
Lakini baba yake akakataa, akasema, “Ninajua, mwanangu, ninajua. Yeye pia atakuwa taifa, naye pia atakuwa mkuu. Hata hivyo, ndugu yake mdogo atakuwa mkuu kuliko yeye, nao wazao wake watakuwa kundi la mataifa.”
20 Innis gaafa sana akkana jedhee isaan eebbise; “Israaʼel maqaa keetiin eebba kana kenna; ‘Waaqni akka Efreemii fi akka Minaasee isin haa taasisu.’” Yoosefis akkasiin Minaasee dura Efreemin dabarse.
Akawabarikia siku ile na kusema, “Kwa jina lenu Israeli watatamka baraka hii: ‘Mungu na awafanye kama Efraimu na Manase.’” Kwa hiyo akamtanguliza Efraimu mbele ya Manase.
21 Ergasii Israaʼel Yoosefiin akkana jedhe; “Kunoo ani duʼuu gaʼeera; Waaqni garuu isin wajjin taʼee biyya abbaa keessaniitti isin deebisa.
Ndipo Israeli akamwambia Yosefu, “Mimi ninakaribia kufa, lakini Mungu atakuwa pamoja nanyi, na atawarudisha katika nchi ya baba zenu.
22 Ani qooda obboloota keetii caalchisee qooda tokko siifin kenna; kunis lafa ol kaʼaa ani Amoorota irraa goraadee koo fi iddaa kootiin fudhadhe sanaa dha.”
Kwako wewe, kama aliye juu ya ndugu zako, ninakupa sehemu moja zaidi ya ndugu zako, lile eneo nililoteka kwa Waamori kwa upanga wangu na upinde wangu.”