< Uumama 47 >
1 Yoosefis gara Faraʼoon dhaqee, “Abbaan kootii fi obboloonni koo bushaayee isaanii, loon isaaniitii fi waan qaban hunda fudhatanii biyya Kanaʼaan dhufanii kunoo biyya Gooshen jiru” jedhee itti hime.
José fue a informar al faraón y le dijo: “Mi padre y mis hermanos, junto con sus rebaños y manadas y todas sus posesiones, han llegado de la tierra de Canaán y ahora están aquí en Gosén”.
2 Innis obboloota isaa keessaa nama shan filatee Faraʼoonitti dhiʼeesse.
José tomó a cinco de sus hermanos para que lo acompañaran y se los presentó al Faraón.
3 Faraʼoonis, “Hojiin keessan maali?” jedhee obboloota Yoosef gaafate. Isaanis, “Nu garboonni kee akkuma abbootii keenyaa tiksoota” jedhanii deebisaniif.
El faraón les preguntó a los hermanos: “¿Qué trabajo hacen ustedes?” “Nosotros, sus siervos, somos pastores, como nuestros padres antes que nosotros”, respondieron ellos.
4 Akkanas jedhaniin; “Sababii beelli biyya Kanaʼaanitti cimee bushaayeen garboota keetii waan dheedan dhabaniif nu yeroo gabaabaa as jiraachuu dhufne. Akka nu garboonni kee biyya Gooshen keessa jiraannuuf maaloo nuu eeyyami.”
“Hemos venido a vivir a Egipto porque no queda hierba en Canaán para que nuestros rebaños coman”, explicaron. “La hambruna es muy grave en Canaán. Así que nos gustaría pedir permiso para vivir en Gosén”.
5 Faraʼoonis Yoosefiin akkana jedhe; “Abbaan keetii fi obboloonni kee siif dhufaniiru;
El faraón le dijo a José: “Ahora que tu padre y tus hermanos han llegado para unirse a ti,
6 lafti Gibxi fuuluma kee dura jira; abbaa keetii fi obboloota kee iddoo lafa hundumaa caalu irra qubachiisi. Isaan biyya Gooshen keessa haa jiraatan. Ati yoo namoota isaan keessaa dandeettii qaban beekte loon koo irratti itti gaafatamtoota isaan godhi.”
puedes elegir el lugar que quieras en Egipto, el mejor lugar, para que ellos vivan. Déjalos vivir en Gosén. Si conoces a alguno de ellos que sea bueno en lo que hace, ponlo también a cargo de mi ganado”.
7 Ergasii Yoosef abbaa isaa Yaaqoobin fidee fuula Faraʼoon duratti dhiʼeesse. Erga Yaaqoob Faraʼoonin eebbisee booddee,
Entonces José fue con su padre Jacob y le presentó al faraón. Después de que Jacob bendijera al faraón,
8 Faraʼoon, “Umuriin kee hammam?” jedhee isa gaafate.
el faraón le preguntó: “¿Cuánto tiempo has vivido?”
9 Yaaqoobis Faraʼooniin akkana jedhe; “Barri ani keessummummaan jiraadhe waggaa dhibbaa tokkoo fi soddoma. Baroonni koos muraasa; hamaadhas; innis bara abbootiin koo keessummummaan jiraatan sanaan wal qixxee miti.”
“He estado andando de aquí para allá durante 130 años”, respondió Jacob. “Mi vida ha sido corta y difícil; no he vivido tanto como mis antepasados que también vagaban de un lugar a otro”.
10 Kana booddee, Yaaqoob Faraʼoonin eebbisee fuula isaa duraa gad baʼe.
Entonces Jacob bendijo de nuevo al faraón antes de dejarlo.
11 Yoosefis akkuma Faraʼoon isa ajajetti abbaa isaatii fi obboloota isaa Gibxi keessa qubachiise; lafa lafa hunda caalu, aanaa Raamsee handhuuraa godhee isaanii kenne.
Entonces José dispuso que su padre y sus hermanos vivieran en Egipto y les dio tierra en la mejor parte, cerca de Ramsés, como el Faraón lo había ordenado.
12 Akkasumas Yoosef abbaa isaatiif, obboloota isaatii fi warra mana abbaa isaa jiran hundaaf akkuma baayʼina ijoollee isaaniitti midhaan kenne.
También les proporcionó alimentos a todos ellos: a su padre, a sus hermanos y a toda la familia de su padre, según el tamaño de cada familia.
13 Waan beelli akka malee cimeef biyyattii guutuu keessa wanni nyaatamu hin jiru ture; sababii beela sanaatiinis Gibxii fi Kanaʼaan akka malee miidhaman.
No quedaba comida en todo el país porque la hambruna se había vuelto muy grave. A lo largo de Egipto y Canaán la gente se moría de hambre.
14 Yoosefis kaffaltii midhaan namoonni bitachaa turan sanaa maallaqa biyya Gibxii fi Kanaʼaan keessatti argamu hunda walitti qabee masaraa Faraʼoonitti galche.
Mediante la venta de grano, José recogió todo el dinero en Egipto y Canaán, y lo colocó en el tesoro del Faraón.
15 Maallaqni warra Gibxii fi warra Kanaʼaan dhumnaan warri Gibxi hundi gara Yoosef dhufanii, “Midhaan nuu kenni. Nu maaliif fuula kee duratti duuna? Maallaqni keenya dhumeera” jedhan.
Una vez que el dinero de Egipto y Canaán se había acabado, todos los egipcios vinieron a José y le exigieron: “¡Danos comida! ¿Quieres que muramos delante de ti? ¡Hemos perdido todo nuestro dinero!”
16 Yoosef immoo, “Erga maallaqni keessan dhumee horii keessan fidaa; qooda horii keessanii ani midhaan isiniif nan kenna” jedhe.
“Tráiganme su ganado”, les dijo José. “Si se han quedado sin dinero, les daré grano a cambio de su ganado”.
17 Isaanis horii isaanii Yoosefitti fidan; Yoosefis qooda fardeen isaanii, qooda bushaayee isaanii, qooda loowwan isaaniitii fi qooda harroota isaanii midhaan kenneef. Innis bara sana geeddaraa horii isaanii hundaa midhaan isaan soore.
Así que los egipcios le trajeron a José su ganado, y él les dio grano a cambio de sus caballos, ovejas, cabras, ganado y burros. Durante ese año, José les dio grano a cambio de su ganado.
18 Waggaan sun dhumnaan jarri waggaa itti aanutti gara isaa dhufanii akkana jedhan; “Erga maallaqni keenya dhumee horiin keenya kan kee taʼee as, yaa gooftaa keenya akka dhagna keenyaa fi lafa keenya malee wanni tokko iyyuu nuuf hin hafin nu gooftaa keenya jalaa hin dhoksinu.
Pero cuando terminó ese año, vinieron a él al año siguiente y le dijeron: “Mi señor, no podemos ocultarte el hecho de que nuestro dinero ha desaparecido y que ahora eres dueño de nuestro ganado. Todo lo que nos queda por darte son nuestros cuerpos y nuestra tierra.
19 Nu maaliif fuula kee duratti duuna? Nuu fi lafti keenyas maaliif badna? Nuu fi lafa keenya fudhadhuutii qooda isaa midhaan nuuf kenni. Nu lafa keenya wajjin Faraʼooniif ni garboomna. Akka nu duʼa jalaa baanee jiraannuuf, akka laftis duwwaa hin hafneef sanyii nuuf kenni.”
¿Quieres que muramos delante de ti? Entonces cómpranos a nosotros y a nuestra tierra a cambio de comida. Entonces nuestra tierra pertenecerá al Faraón, y seremos sus esclavos. Danos grano para que podamos vivir y no muramos, y así la tierra no quedará abandonada”.
20 Yoosefis lafa biyya Gibxi hundumaa Faraʼooniif bite. Warri Gibxi hundi waan beelli isaanitti cimeef lafa isaanii gurguran; laftis kan Faraʼoon taʼe;
Así que José compró toda la tierra de Egipto para el Faraón. Todos y cada uno de los egipcios vendieron sus campos, porque la hambruna les estaba haciendo mucho daño. La tierra terminó siendo propiedad del Faraón,
21 Yoosefis daangaa biyya Gibxi tokko irraa hamma daangaa kaaniitti saba garbummaa jala galche.
y todo el pueblo se convirtió en esclavos suyos, de un extremo a otro de Egipto.
22 Lafti inni hin bitin lafa lubootaa qofa ture; kunis sababii isaan Faraʼoon irraa qooda argatanii fi sababii qooda Faraʼoon isaaniif kennu sanaan jiraataniif. Kanaafuu isaan lafa isaanii hin gurgurre.
La única tierra que no compró fue la de los sacerdotes porque tenían una asignación de alimentos que les proporcionó el Faraón, así que no tuvieron que vender sus tierras.
23 Yoosefis saba sanaan akkana jedhe; “Kunoo ani harʼa isinii fi lafa keessan Faraʼooniif biteera. Kunoo lafatti sanyii facaafadhaa.
Entonces José le dijo al pueblo: “¡Escúchenme! Ahora que los he comprado a ustedes y a su tierra para el Faraón, les daré semillas para que siembren los campos.
24 Yommuu midhaan galfamutti harka shan keessaa harka tokko Faraʼooniif ni kennitu. Harka afran hafe immoo sanyii facaafattan, nyaata ofii keessanii, nyaata warra mana keessan jiraataniitii fi nyaata ijoollee keessanii godhattu.”
Sin embargo, cuando recojan la cosecha, tienen que dar una quinta parte al Faraón. Las otras cuatro quintas partes las podrán guardar como semilla para los campos y como alimento para ustedes mismos, sus hogares y sus hijos”.
25 Jarris, “Ati duʼa nu oolchiteerta; nu fuula gooftaa keenyaa duratti fudhatama haa argannuu malee Faraʼooniif garboota ni taana” jedhan.
“Nos has salvado la vida”, declararon. “Ojalá sigas tratándonos bien, mi señor, y seremos esclavos del Faraón”.
26 Yoosefis akkasiin akka harka shan keessaa harki tokko kan Faraʼoon taʼuuf Gibxi keessatti seera lafaa dhaabe; seerri sun hamma harʼaatti illee ittiin hojjetamaa jira. Lafa lubootaa qofattu utuu kan Faraʼoon hin taʼin hafe.
Así que José hizo una ley para Egipto, que sigue vigente hoy en día: Que una quinta parte de todos los productos de la tierra pertenecen al Faraón. Sólo la tierra de los sacerdotes estaba exenta ya que no pertenecía al Faraón.
27 Israaʼeloonnis Gibxi keessa kutaa biyya Gooshen keessa qubatan. Achittis qabeenya argatan; horaniis guddaa baayʼatan.
Los israelitas se establecieron en Gosén, en Egipto, donde se convirtieron en prósperos terratenientes y aumentaron rápidamente en número de habitantes.
28 Yaaqoob waggaa kudha torba biyya Gibxi keessa jiraate; barri jireenya isaas waggaa dhibba tokkoo afurtamii torba ture.
Jacob vivió en Egipto durante diecisiete años, por lo que vivió en total 147 años.
29 Israaʼelis yeroon duʼa isaa dhiʼaannaan ilma isaa Yoosefin ofitti waamee akkana jedheen; “Yoo ani fuula kee duratti fudhatama argadhe, mee harka kee gudeeda koo jala kaaʼiitii akka gaarummaa na argisiiftuu fi akka naaf amanamtu waadaa naaf seeni. Gibxitti na hin awwaalin;
Cuando llegó el momento de su muerte, Israel llamó a su hijo José y le dijo: “Si me consideras, pon tu mano debajo de mi muslo y promete tratarme con amor y fidelidad. No me entierres aquí en Egipto.
30 yeroo ani abbootii koo wajjin boqodhutti biyya Gibxii na baasii iddoo isaan itti awwaalamanitti na awwaali.” Innis, “Akkuma ati jette nan godha” jedhe.
Cuando muera, entiérrame con mis antepasados. Deben llevar mi cuerpo desde Egipto hasta la tumba familiar y enterrarme con ellos”. “Haré lo que tú digas”, prometió José.
31 Israaʼelis, “Naa kakadhu” jedheen. Yoosefis ni kakateef. Israaʼel immoo mataa ulee isaatti irkatee sagade.
“Júrame que lo harás”, dijo. Y José juró que lo haría. Entonces Israel se inclinó en actitud de adoración en la cabecera de su cama.