< Uumama 46 >

1 Israaʼel waan qabu hunda fudhatee kaʼe; yeroo Bersheebaa gaʼettis Waaqa abbaa isaa Waaqa Yisihaaqiifis aarsaa dhiʼeesse.
ויסע ישראל וכל אשר לו ויבא בארה שבע ויזבח זבחים לאלהי אביו יצחק
2 Waaqnis halkan mulʼataan, “Yaaqoob! Yaaqoob!” jedhee Israaʼelitti dubbate. Innis, “Kunoo ani as jira” jedhee deebise.
ויאמר אלהים לישראל במראת הלילה ויאמר יעקב יעקב ויאמר הנני
3 Waaqnis akkana jedhe; “Ani Waaqayyo, Waaqa abbaa keetii ti. Gibxitti gad buʼuu hin sodaatin; ani achitti saba guddaa sin taasisaatii.
ויאמר אנכי האל אלהי אביך אל תירא מרדה מצרימה כי לגוי גדול אשימך שם
4 Ani si wajjin Gibxitti gad buʼee deebisee sin fida. Harkuma Yooseftu ija kee walitti siif qaba.”
אנכי ארד עמך מצרימה ואנכי אעלך גם עלה ויוסף ישית ידו על עיניך
5 Yaaqoobis Bersheebaadhaa kaʼee qajeele; ilmaan Israaʼelis abbaa isaanii Yaaqoob, ijoollee isaaniitii fi niitota isaanii gaariiwwan Yaaqoobin baachuuf Faraʼoon erge sana irra teessisan.
ויקם יעקב מבאר שבע וישאו בני ישראל את יעקב אביהם ואת טפם ואת נשיהם בעגלות אשר שלח פרעה לשאת אתו
6 Yaaqoobii fi sanyiin isaa hundis horii isaaniitii fi qabeenya Kanaʼaanitti horatan of faana fudhatanii Gibxitti godaanan.
ויקחו את מקניהם ואת רכושם אשר רכשו בארץ כנען ויבאו מצרימה יעקב וכל זרעו אתו
7 Innis sanyii isaa hunda jechuunis ilmaan isaa, ilmaan ilmaan isaa, intallan isaatii fi intallan ilmaan isaa fudhatee Gibxitti godaane.
בניו ובני בניו אתו בנתיו ובנות בניו וכל זרעו--הביא אתו מצרימה
8 Maqaawwan ilmaan Israaʼel warra Gibxitti godaanan sanaa jechuunis Yaaqoobii fi sanyiiwwan isaa kanneenii dha: Ruubeen jechuunis ilma Yaaqoob hangafticha.
ואלה שמות בני ישראל הבאים מצרימה יעקב ובניו בכר יעקב ראובן
9 Ilmaan Ruubeen: Henook, Faluusoo, Hezroonii fi Karmii.
ובני ראובן--חנוך ופלוא וחצרן וכרמי
10 Ilmaan Simiʼoon: Yemuuʼeel, Yaamiin, Oohad, Yaakiin, Zooharii fi Shaawul ilma dubartii Kanaʼaan sanaa.
ובני שמעון ימואל וימין ואהד--ויכין וצחר ושאול בן הכנענית
11 Ilmaan Lewwii: Geershoon, Qohaatii fi Meraarii.
ובני לוי--גרשון קהת ומררי
12 Ilmaan Yihuudaa: Eeri, Oonaan, Sheelaa, Faaresii fi Zaaraa. Eerii fi Oonaan garuu biyya Kanaʼaanitti duʼan. Ilmaan Faares: Hezroonii fi Hamuul.
ובני יהודה ער ואונן ושלה--ופרץ וזרח וימת ער ואונן בארץ כנען ויהיו בני פרץ חצרן וחמול
13 Ilmaan Yisaakor: Toolaa, Fuwaa, Yoobii fi Shimroon.
ובני יששכר--תולע ופוה ויוב ושמרן
14 Ilmaan Zebuuloon: Sered, Eeloonii fi Yahiliʼeel.
ובני זבלון--סרד ואלון ויחלאל
15 Isaan kunneen intala isaa Diinaa dabalatee ilmaan Liyaan kaaba dhiʼa Phaadaan Arraamitti Yaaqoobiif deessee dha. Ilmaanii fi intallan isaa kunneen walumaa galatti soddomii sadii turan.
אלה בני לאה אשר ילדה ליעקב בפדן ארם ואת דינה בתו כל נפש בניו ובנותיו שלשים ושלש
16 Ilmaan Gaad: Ziifiyon, Hagii, Shuunii, Esboon, Eerii, Aroodii fi Ariʼeel.
ובני גד צפיון וחגי שוני ואצבן ערי וארודי ואראלי
17 Ilmaan Aasheer: Yimnaa, Yishwaa, Yishwii fi Beriiyaa. Obboleettiin isaaniis Seraa dha. Ilmaan Beriiyaa: Hebeerii fi Malkiiʼeel.
ובני אשר ימנה וישוה וישוי ובריעה--ושרח אחתם ובני בריעה חבר ומלכיאל
18 Isaan kunneen ijoollee Ziifaan Yaaqoobiif deessee dha. Ziifaan ishee Laabaan intala isaa Liyaadhaaf kenne sanaa dha. Isaan walumaa galatti kudha jaʼa turan.
אלה בני זלפה אשר נתן לבן ללאה בתו ותלד את אלה ליעקב שש עשרה נפש
19 Ilmaan Raahel niitii Yaaqoob: Yoosefii fi Beniyaam.
בני רחל אשת יעקב יוסף ובנימן
20 Minaasee fi Efreem, Aasenati intala Phooxiiferaa lubicha magaalaa Ooni sanaa irraa Gibxi keessatti Yoosefiif dhalatan.
ויולד ליוסף בארץ מצרים אשר ילדה לו אסנת בת פוטי פרע כהן אן--את מנשה ואת אפרים
21 Ilmaan Beniyaam: Belaa, Beker, Ashbeel, Geeraa, Naʼamaan, Eehii, Roosh, Muufiim, Hufiimii fi Ardi.
ובני בנימן בלע ובכר ואשבל גרא ונעמן אחי וראש מפים וחפים וארד
22 Isaan kunneen ilmaan Raahel Yaaqoobiif deessee dha; isaanis walumaa galatti nama kudha afur turan.
אלה בני רחל אשר ילד ליעקב--כל נפש ארבעה עשר
23 Ilmi Daan: Hushiimii dha.
ובני דן חשים
24 Ilmaan Niftaalem: Yahizeel, Guunii, Yeexerii fi Shiileem.
ובני נפתלי--יחצאל וגוני ויצר ושלם
25 Isaan kunneen ilmaan Bilihaan Yaaqoobiif deessee dha; Bilihaan ishee Laabaan intala isaa Raaheliif kenne sanaa dha; isaan walumaa galatti nama torba turan.
אלה בני בלהה אשר נתן לבן לרחל בתו ותלד את אלה ליעקב כל נפש שבעה
26 Namoonni Yaaqoob wajjin Gibxitti godaanan utuu niitota ilmaan isaa hin dabalatin sanyiin isaa walumaa galatti jaatamii jaʼa turan.
כל הנפש הבאה ליעקב מצרימה יצאי ירכו מלבד נשי בני יעקב--כל נפש ששים ושש
27 Ilmaan Gibxitti Yoosefiif dhalatan lamaan dabalatee miseensonni maatii Yaaqoob warri Gibxitti godaanan walumaa galatti torbaatama turan.
ובני יוסף אשר ילד לו במצרים נפש שנים כל הנפש לבית יעקב הבאה מצרימה שבעים
28 Yaaqoobis akka inni dhaqee karaa Gooshenitti nama geessu gaafatuuf Yihuudaa of dura gara Yoosefitti erge. Yommuu isaan Gooshen gaʼanitti,
ואת יהודה שלח לפניו אל יוסף להורת לפניו גשנה ויבאו ארצה גשן
29 Yoosef gaarii isaa qopheeffatee abbaa isaa Israaʼel simachuuf Gooshenitti qajeele. Innis akkuma fuula isaa duratti mulʼateen morma isaatti marmee yeroo dheeraa booʼe.
ויאסר יוסף מרכבתו ויעל לקראת ישראל אביו גשנה וירא אליו ויפל על צואריו ויבך על צואריו עוד
30 Israaʼelis Yoosefiin, “Ani sababii akka ati amma iyyuu lubbuun jirtu ofii kootiin argeef siʼachi duʼu illee hin gaabbu” jedhe.
ויאמר ישראל אל יוסף אמותה הפעם אחרי ראותי את פניך כי עודך חי
31 Yoosefis obboloota isaatii fi warra mana abbaa isaa jiraataniin akkana jedhe; “Ani ol baʼee Faraʼoonitti nan dubbadha; akkanas nan jedhaan; ‘Obboloonni koo fi warri mana abbaa koo jiraatan kanneen biyya Kanaʼaan jiraachaa turan natti dhufaniiru.
ויאמר יוסף אל אחיו ואל בית אביו אעלה ואגידה לפרעה ואמרה אליו אחי ובית אבי אשר בארץ כנען באו אלי
32 Namoonni kunneen tiksoota; isaan loon tikfatuutii. Isaan bushaayee isaanii, loonii fi waan qaban hunda fudhatanii dhufan.’
והאנשים רעי צאן כי אנשי מקנה היו וצאנם ובקרם וכל אשר להם הביאו
33 Yoo Faraʼoon ofitti isin waamee, ‘Hojiin keessan maal?’ jedhee isin gaafate,
והיה כי יקרא לכם פרעה ואמר מה מעשיכם
34 ‘Nu garboonni kee akkuma abbootii keenyaa ijoollummaa keenyaa jalqabnee hamma ammaatti horii tikfachaa turre’ jedhaa deebisaa. Yoos inni sababii tiksoonni hundinuu warra Gibxi biratti jibbamaniif akka isin biyya Gooshen keessa jiraattan isinii eeyyamaa.”
ואמרתם אנשי מקנה היו עבדיך מנעורינו ועד עתה--גם אנחנו גם אבתינו בעבור תשבו בארץ גשן כי תועבת מצרים כל רעה צאן

< Uumama 46 >