< Uumama 45 >

1 Kana irratti Yoosef namoota hunda duratti of qabuu dadhabee, “Namoota hunda fuula koo duraa gad yaasaa!” jedhee iyye. Kanaaf yommuu Yoosef obboloota isaatti of beeksisetti namni tokko iyyuu isa bira hin turre.
Joseph was not able to control his feelings any longer. He did not want to cry in front of his servants, so he said to them loudly, “All of you go outside!” After they went outside, there was no one else there with Joseph when he told his brothers who he was.
2 Sababii inni guddisee booʼeef warri Gibxi ni dhagaʼan; warra masaraa Faraʼoon birattis ni dhagaʼame.
He cried so loudly that the people of Egypt who were outside heard it, and even the people in the king’s palace heard it.
3 Yoosefis obboloota isaatiin, “Ani Yoosef; abbaan koo amma iyyuu jiraa?” jedhee gaafate. Obboloonni isaa garuu sababii fuula isaa duratti naʼanii turaniif deebii isaaf kennuu hin dandeenye.
Joseph said to his brothers, “I am Joseph! Is our father still alive?” But his brothers were not able to reply, because they were frightened because of what he said.
4 Yoosefis obboloota isaatiin, “Mee as natti dhiʼaadhaa” jedhe. Isaan isatti dhiʼaannaan inni akkana jedhe; “Ani Yoosef obboleessa keessan isa isin Gibxitti gurgurtan sanaa dha!
Then Joseph said to his brothers, “Come close to me!” When they came closer, he said, “I am your brother Joseph! I am the one you sold to traders who brought me here to Egypt!
5 Ammas sababii asitti na gurgurtaniif hin gaabbinaa; ofittis hin aarinaa. Waaqni lubbuu baraaruuf jedhee isin dura na ergeeraatii.
But now, do not be distressed, and do not be angry with yourselves for having sold me to people who brought me here, because it was to save you from dying [because of the famine] that God sent me here ahead of you.
6 Waggoota lamaan kana beelatu biyyattii keessa ture; waggoota shanan dhufan keessas lafa qotachuu fi midhaan galfachuun hin jiru.
There has been a famine in this country for two years, and it will continue for five more years, so that no one will plow ground, and there will be no crops to harvest.
7 Waaqni lafa irratti sanyii isiniif hambisuu fi furii guddaadhaan lubbuu keessan oolchuuf jedhee isin dura na erge.
But God sent me here ahead of you, to keep you from starving, and to make sure that your descendants will survive.
8 “Waaqatu as na erge malee isin miti. Inni Faraʼooniif abbaa na godhe; warra mana isaa jiran hunda irratti gooftaa, biyya Gibxi hunda irratti immoo bulchaa na godhe.
Therefore, it was not you who sent me here; it was God who sent me here! He has caused me to become like a father to the king. I am in charge of everything in his palace and the governor of everyone in Egypt!
9 Ammas dafaa gara abbaa kootti deebiʼaatii akkana isaan jedhaa; ‘Ilmi kee Yoosef akkana jedha: Waaqni Gibxi hunda irratti gooftaa na godheera. Gara kootti gad buʼi; hin turinis.
Now return to my father quickly, and say to him, ‘This is what your son Joseph says: “God has caused me to become the governor over the whole land of Egypt. Come down to me immediately!
10 Ati biyya Gooshen keessa ni jiraatta; ati, ijoolleen keetii fi ijoolleen ijoollee keetii, bushaayeen kee, loon keetii fi wanni ati qabdu hundi natti dhiʼaattanii jiraatu.
You can live in the Goshen region. You and your children and your grandchildren, your sheep and goats and cattle, and everything that you own, will be near me.
11 Sababii amma iyyuu waggaan beelaa shan dhufaa jiruuf ani achitti sin soora; yoo kanaa achii atii fi warri mana kee jiraatan, wanni ati qabdu hundinuus ni rakkattu.’
Since there will be five more years of famine, I will make sure that you have food. If you do not come here, you and your family and all of your servants will starve. [EUP]”’
12 “Akka namni isinitti dubbachaa jiru kun anuma taʼe kunoo, iji keessan, iji obboleessa koo Beniyaamis ni arga.
“Look closely, and all of you can see, including my brother Benjamin, that it is really I, Joseph, who am speaking to you.
13 Ulfina Gibxi keessatti naa kenname hundaa fi waan argitan hunda abbaa kootti himaa. Abbaa koos dafaatii as fidaa.”
Go and tell my father about how greatly I am honored here in Egypt. And tell him about everything else that you have seen. And bring my father down here quickly!”
14 Ergasiis morma obboleessa isaa Beniyaamitti marmee booʼe; Beniyaamis booʼaa isa hammate.
Then he threw his arms around his [younger] brother Benjamin’s neck and cried. And Benjamin hugged him and cried.
15 Yoosefis obboloota isaa hunda dhungatee itti booʼe. Ergasii obboloonni isaa isa wajjin haasaʼan.
And then as he kissed his older brothers [on their cheeks], he cried. After that, his brothers started to talk with him.
16 Yommuu akka obboloonni Yoosef dhufan masaraa Faraʼoonitti dhagaʼametti, Faraʼoonii fi qondaaltonni isaa ni gammadan.
Someone went to the palace and told the news that Joseph’s brothers had come. The king and all his officials were pleased.
17 Faraʼoonis Yoosefiin akkana jedhe; “Obboloota keetiin akkana jedhi; ‘Waan kana godhaa: Horii keessan feʼadhaa biyya Kanaʼaaniitti deebiʼaatii
The king said to Joseph, “Tell your brothers this: ‘Put loads of grain on your animals and return to the Canaan region.
18 abbaan keessanii fi maatiiwwan keessan natti fidaa. Ani lafa biyya Gibxi keessaa lafa hunda caalu isiniif nan kenna. Isin cooma biyyattii ni nyaattu.’
Then bring your father and your families back here. I will give you the best land in Egypt, and you will have the best food in the land to eat.’
19 “Akkasumas akkana jedhii isaanitti himi; ‘Waan kana godhaa: Ijoollee keessaniifis, niitota keessaniifis biyya Gibxiitii gaariiwwan fudhadhaa; abbaa keessanis fidaatii kottaa.
“Also tell this to your brothers: ‘Take some carts from Egypt to carry your children and your wives, and get them and your father and come back here quickly.
20 Waaʼee qabeenya keessanii hin yaaddaʼinaa; wanni biyya Gibxi guutuu keessaa waan hunda caalu kan keessan taʼaatii.’”
Do not worry about bringing your possessions, because the best things in Egypt will be yours. Because of that, you will not need to bring any of your things from Canaan.’”
21 Ilmaan Israaʼelis akkasuma godhan. Yoosefis akkuma Faraʼoon isa ajajetti gaariiwwan kenneefii karaa isaaniitiif illee galaa galaaseef.
Jacob’s sons did what the king suggested. Joseph gave them carts and food to eat along the way, as the king had ordered.
22 Tokkoo tokkoo isaaniitiif wayyaa kenne; Beniyaamiif garuu meetii saqilii dhibba sadiitii fi wayyaa irraa jalaa shan kenne.
To each of them he gave new clothes, but he gave 300 pieces of silver and five sets of new clothes to Benjamin!
23 Abbaa isaatiif immoo harroota, wanni biyya Gibxi gaggaariin itti feʼame kudhan, akkasumas harroota dhaltuu midhaan, buddeenaa fi galaan biraa karaa isaatiif itti feʼame kudhan erge.
And this is what he sent to his father: Ten male donkeys, loaded with some of the best goods that come from Egypt, and ten female donkeys loaded with grain and bread and other food for his father’s trip to Egypt.
24 Innis akkasitti obboloota isaa erge; innis yeroo isaan qajeelanitti, “Karaatti wal hin lolinaa!” jedheen.
Then he sent his brothers on their way, saying to them “Do not quarrel along the way!”
25 Isaanis Gibxi keessaa ol baʼanii gara biyya Kanaʼaan abbaa isaanii Yaaqoob bira dhaqan.
So they left Egypt and came to their father Jacob in Canaan.
26 Isaanis, “Yoosef amma iyyuu jira! Biyya Gibxi guutuu iyyuu isumatu bulcha” jedhaniin. Yaaqoob immoo naasuudhaan of wallaale; jara amanuus hin dandeenya.
One of them told him, “Joseph is still alive! In fact, he is the governor over all of Egypt!” Jacob was extremely astonished; he could not believe that it was true.
27 Garuu yeroo jarri waan Yoosef isaaniin jedhe hunda isatti himanii innis gaariiwwan Yoosef isa fichisiisuuf ergeef sana argetti lubbuun abbaa isaanii Yaaqoob ni bayyanatte.
But they told him everything that Joseph had said to them, and Jacob saw the carts that Joseph had sent to carry him and his family and possessions to Egypt. Then their father Jacob’s shock ended.
28 Israaʼelis, “Na gaʼa! Ilmi koo Yoosef amma iyyuu jira. Anis utuun hin duʼin dhaqee isa nan arga” jedhe.
He said, “What you have said is enough to convince me! My son Joseph is still alive, and I will go and see him before I die!”

< Uumama 45 >