< Uumama 43 >
1 Amma illee beelli biyyattiitti baayʼee hammaatee ture.
Njaa ilikuwa kali katika nchi.
2 Erga isaan midhaan biyya Gibxiitii fidan sana nyaatanii fixanii booddee abbaan isaanii, “Ammas dhaqaatii midhaan xinnoo dabalaa nuu bitaa” jedheen.
Ikawa walipokuwa wametumia chakula chote walichokitoa Misri, baba yao akawambia, “Nendeni tena; mtununulie chakula.”
3 Yihuudaan immoo akkana isaan jedhe; “Namichi sun, ‘Yoo obboleessi keessan isin wajjin dhufe malee isin lammata ija koo hin argitan’ jedhee of eeggannoo cimaa nuu kenne.
Yuda akamwambia, “Yule mtu alituonya kwa ukali, 'Hamtauona uso wangu ndugu yenu asipokuwa nanyi.'
4 Yoo ati obboleessa keenya nu wajjin ergite nu dhaqnee midhaan siif binna.
Ikiwa utamtuma ndugu yetu pamoja nasi, tutashuka na kuwanunulia chakula.
5 Sababii namichi sun, ‘Yoo obboleessi keessan isin wajjin dhufe malee isin lammata ija koo hin argitan’ nuun jedheef, yoo ati isa ergite malee nu gad hin buunu.”
Lakini usipompeleka, hatutashuka. Kwa maana yule mtu alitwambia, 'Hamtauona uso wangu ndugu yenu asipokuwa nanyi.”
6 Israaʼel immoo, “Isin maaliif akka obboleessa biraa qabdan namichatti himuudhaan rakkina natti fiddan?” jedhee gaafate.
Israeli akawambia, “Kwa nini mlinitendea mimi vibaya hivyo kwa kumwambia mtu huyo kwamba mnaye ndugu mwingine?”
7 Isaanis akkana jedhanii deebisan; “Namichi waaʼee mataa keenyaatii fi waaʼee maatii keenyaa jabeessee nu gaafate. Innis, ‘Abbaan keessan amma iyyuu jiraa? Obboleessa biraa qabduu?’ jedhee nu gaafate; nu gaaffiidhuma isaa deebifneef. Yoos akka inni, ‘Obboleessa keessan as fidaa’ nuun jedhu akkamiin beekuu dandeenya ree?”
Wakasema, “Yule mtu alituuliza habari zetu na familia yetu kwa kina. Akasema, 'Je baba yenu bado yuko hai? Je mnaye ndugu mwingine?'Tukamjibu kulingana na maswali haya. Tungejuaje kwamba angetwambia, 'Mleteni ndugu yenu?”
8 Yihuudaanis abbaa isaa Israaʼeliin akkana jedhe; “Akka nu, atii fi ijoolleen keenya duʼa jalaa baanee jiraannuuf gurbicha na wajjin ergi; nu kaanee deemnaatii.
Yuda akamwambia Israeli baba yake, “Mtume kijana pamoja nami. Tutainuka na kwenda ili kwamba tuishi tusife, wote sisi, wewe, na hata watoto wetu.
9 Ani wabii isaafin taʼa; waaʼee isaas anuma mataa koo gaafachuu ni dandeessa. Yoo ani deebisee isa siif fidee fuula kee dura dhaabuu baadhe, ani bara jireenya koo guutuu fuula kee duratti balleessaa kanatti nan gaafatama.
Mimi nitakuwa mdhamini wake. Utaniwajibisha mimi. Kama nisipomleta na kumweka mbele yako, basi nibebe lawama daima.
10 Utuu turuu baannee silaa yoona yeroo lama dhaqnee deebineerra ture.”
Kwani kama tusingekawia, bila shaka hata sasa tungekuwa tumekwisha rudi mara ya pili.”
11 Kana irratti abbaan isaanii Israaʼel akkana isaaniin jedhe; “Erga akkas taʼee waan kana godhaa; oomisha biyya kanaa filatamaa keessaa kennaa tokko tokko jechuunis haphee dibatan xinnoo ishee, damma xinnaa isaa, urgooftuu fi qumbii xinnoo ishee, ocholoonii fi lawuzii xinnoo ishee geessaatii namichaaf kennaa.
Israeli baba yao akawambia, “Kama ni hivyo, basi fanyeni hivi. Chukueni baadhi ya mazao mazuri ya nchi katika mifuko yenu. Mchukulieni yule mtu zawadi: baadhi ya malhamu, asali, viungo na manemane, jozi na lozi.
12 Isin waan meetii afaan qalqalloo keessanii keessa kaaʼamee isinii deebiʼe sana deebisuu qabdaniif meetii sana harka lama fudhadhaatii deemaa; meetiin sun dogoggoraan dhufe taʼaatii.
Chukueni pesa mara mbili mikononi mwenu. Pesa iliyorudishwa katika magunia yenu, muichukue tena katika mikono yenu. Pengine walikosea.
13 Obboleessa keessanis fudhadhaatii dafaa gara namichaatti deebiʼaa.
Mchukueni ndugu yenu pia. Inukeni na mwende tena kwa mtu yule.
14 Akka inni obboleessa keessan kaanii fi Beniyaam illee isin wajjin deebisee erguuf Waaqni Waan Hunda Dandaʼu akka namichi garaa isinii laafu haa godhu. Ani yoo ijoollee dhabe illee ijoollee nan dhaba.”
Mungu Mwenyezi na awape kuona rehema mbele ya huyo mtu, hivyo kwamba awafungulie ndugu yenu mwingine na Benjamini. Kama nikipotelewa na watoto, nimepotelewa.”
15 Namoonni sunis kennaawwan sana, meetii sana harka lamaa fi Beniyaaminis fudhatanii ariitiidhaan Gibxitti gad buʼanii fuula Yoosef dura dhadhaabatan.
Watu wale wakachukua zawadi hii, na katika mikono yao wakachukua mara mbili ya kiasi cha pesa, pamoja na Benjamini. Wakaamka na kushuka Misri na kusimama mbele ya Yusufu.
16 Yoosefis yommuu Beniyaamin isaan biratti argetti hangafa hojjettoota mana isaatiin, “Namoota kana mana kootti geessi; horii tokko qalii nyaata qopheessi; isaan saʼaatii jaʼatti na wajjin nyaatuutii” jedhe.
Yusufu alipomwona Benjamini akiwa nao, akamwambia mtunzaji wa nyumba yake, “Walete watu hao ndani ya nyumba, chinja mnyama na umwandae, kwani watu hawa watakula chakula cha mchana pamoja nami.”
17 Namichi sunis akkuma Yoosef isa ajaje godhe; jara sanas mana Yoosefitti geesse.
Mtunzaji wa nyumba akafanya kama Yusufu alivyosema. Akawaleta wale watu nyumbani kwa Yusufu.
18 Namoonni sun yeroo mana Yoosefitti geeffamanitti sodaatanii akkana jedhan; “Nu sababii meetii yeroo jalqabaa deebiʼee afaan qalqalloo keenyaa keessatti argame sanaatiif as fidamne; inni nu rukutee, nu moʼatee, akka garbootaatti nu qabatee harroota keenya fudhachuu barbaada.”
Wale ndugu wakaogopa kwa vile walivyoletwa katika nyumba ya Yusufu. Wakasema, “Ni kwa sababu ya pesa iliyorudishwa katika magunia yetu mara ya kwanza tulipoletwa ndani, kwamba atafute nafasi kinyume chetu. Kwamba aweze kutukamata na kutuchukua kama watumwa, na kuchukua punda wetu.” Wakamsogelea mtunzaji wa nyumba ya Yusufu,
19 Kanaafuu jarri gara hangafa hojjettoota Yoosefitti ol baʼanii balbala manaa duratti itti dubbatan.
nao wakaongea naye mlangoni mwa nyumba,
20 Akkanas jedhan; “Yaa gooftaa, nu yeroo jalqabaa midhaan bitachuuf as gad buunee turre.
wakisema, “Bwana wangu, tulikuja mara ya kwanza kununua chakula.
21 Nus yeroo iddoo bullu geenyee qalqalloo keenya bannetti tokkoon tokkoon keenya afaan qalqalloo keenyaa keessatti meetii keenya akkuma jirutti arganne. Kanaafuu meetii sana deebifnee fidnee dhufneerra.
Ikawa, tulipofika katika eneo la kupumzikia, tukafungua magunia yetu, na, tazama, pesa ya kila mtu ilikuwa katika gunia lake, pesa yetu kwa kiasi kamili. Tumeileta katika mikono yetu.
22 Meetii biraas ittiin midhaan bitachuuf fidnee dhufneerra. Eenyu akka meetii keenya qalqalloo keenya keessa nuu kaaʼes hin beeknu.”
Tumekuja na pesa nyingine pia mikonon mwetu ili kununua chakula. Hatujui aliyeziweka pesa katika magunia yetu.”
23 Innis deebisee, “Homaa miti; hin sodaatinaa. Waaqni keessan, Waaqni abbaa keessanii qalqalloo keessanitti badhaadhummaa isinii naqeera; meetiin keessan na gaʼee jira” jedheen. Ergasiis Simiʼoonin gara isaaniitti gad baase.
Mtunzaji wa nyumba akasema, “Amani iwe kwenu, msiogope. Mungu wenu na Mungu wa baba yenu ndiye aliyeweka pesa katika magunia yenu. Nilipokea pesa yenu.” Kisha mtunzaji wa nyumba akamleta Simoni kwao.
24 Hangafni hojjettootaa sunis jara sana mana Yoosefitti geessee akka isaan miilla isaanii dhiqataniif bishaan kenneef; harroota isaaniitiif immoo okaa kenne.
Msimamizi wa nyumba akawapeleka watu hao katika nyumba ya Yusufu. Akawapa maji, nao wakaosha miguu yao. Akawalisha punda wao.
25 Isaanis achitti akka nyaatan waan dhagaʼaniif dhufaatii Yoosef kan saʼaatii jaʼaatiif kennaa isaanii qopheeffatan.
Wakaandaa zawadi kwa ajili ya Yusufu aliyekuwa akija mchana, kwani walikuwa wamesikia kwamba watakula pale.
26 Yeroo Yoosef manatti galetti isaan kennaa manatti ol galchanii turan sana kennaniif; fuula isaa durattis lafatti gombifamanii harka fuudhan.
Yusufu alipokuja nyumbani, wakaleta nyumbani zawadi iliyokuwa mikononi mwao, nao wakainama mbele yake hata chini.
27 Innis nagaa isaan gaafatee, “Abbaan keessan jaarsi isin waaʼee isaa natti himtan sun akkam? Inni amma iyyuu jiraa?” jedheen.
Akawauliza juu ya hali zao na kusema,”Je baba yenu hajambo, yule mzee mliyemnena? Je bado yu hai?”
28 Jarris, “Tajaajilaan kee abbaan keenya amma iyyuu ni jira; nagumas” jedhanii deebisan. Ulfina isaaf kennuufis gad jedhan.
Wakasema, “Mtumishi wako baba yetu hajambo. Na bado yu hai” Wakajinyenyekeza na kuinama chini.
29 Innis ol ilaalee obboleessa isaa, ilma haadha isaa Beniyaamin argee, “Inni kun obboleessa keessan quxisuu isin waaʼee isaa natti himtan sanaa?” jedhee gaafate. Itti fufees, “Ilma ko, Waaqni si haa eebbisu” jedheen.
Alipoinua macho yake akamwona Benjamini ndugu yake, mwana wa mamaye, naye akasema, “Je huyu ndiye mdogo wenu mliyemsema?” Na kisha akasema, “Mungu na awe mwenye neema kwako, mwanangu.”
30 Yoosef yommuu obboleessa isaa argetti garaan raafamee dafee gad baʼe; booʼuu barbaadees kutaa mana isaa seenee achitti booʼe.
Yusufu akaharakisha kutoka chumbani, kwani aliguswa sana kuhusu nduguye. Akatafuta mahali pa kulia. Akaingia chumbani mwake na kulia umo.
31 Ergasiis fuula isaa dhiqatee gad baʼe; of jajjabeessees, “Nyaanni haa dhiʼaatu” jedhe.
Akaosha uso wake na kutoka nje. Akajizuia mwenyewe, akasema, “karibuni chakula.”
32 Jarris sababii warri Gibxi Ibroota wajjin hin nyaanneef Yoosefiif kophaatti, obboloota isaatiif kophaatti, warra Gibxi kanneen isa wajjin nyaataniifis kophaatti dhiʼeessan; Ibroota wajjin nyaachuun warra Gibxi biratti jibbisiisaa tureetii.
Watumishi wakamhudumia Yusufu peke yake na wale ndugu peke yao. Wamisri pale wakala pamoja naye peke yao kwa sababu Wamisri hawakuweza kula mkate na Waebrania, kwani hilo ni chukizo kwa Wamisri.
33 Namoonni sunis akkuma umurii isaaniitti hangafaa jalqabanii hamma quxisuutti fuula isaa dura tataaʼanii dinqifatanii wal ilaalan.
Wale ndugu wakakaa mbele yake, mzaliwa wa kwanza kwa kulingana na haki yake ya uzaliwa, na mdogo kulingana na ujana wake. Wale watu wakashangaa wote.
34 Maaddii Yoosef irraas nyaanni qoodameef; qoodni Beniyaam garuu qooda tokko tokko isaaniitiif kenname dachaa shan taʼa ture. Jarris akkasiin Yoosef wajjin dhuganii itti hoʼe.
Yusufu akapeleka sehemu kwao kutoka katika chakula kilichokuwa mbele yake. Lakini sehemu ya Benjamini ilikuwa mara tano zaidi ya kila ndugu zake. Wakanywa na wakamfurahia.