< Uumama 42 >

1 Yaaqoob yommuu akka Gibxi keessa midhaan jiru dhagaʼetti, ilmaan isaatiin, “Isin maaliif wal ilaaltu?” jedhe.
Now Jacob became aware that there was grain in Egypt. He said to his sons, “Why do you look at one another?”
2 Itti fufees, “Kunoo ani akka Gibxi keessa midhaan jiru dhagaʼeera. Akka nu duʼa jalaa baanee jiraannuuf gad buʼaatii achii midhaan nuu bitaa” jedhe.
He said, “See here, I have heard that there is grain in Egypt. Go down there and buy for us from there so we may live and not die.”
3 Obboloota Yoosef keessaa kudhan Gibxi keessaa midhaan bituuf gad buʼan.
Joseph's ten brothers went down to buy grain from Egypt.
4 Yaaqoob garuu balaatu isa irra gaʼa jedhee waan sodaateef obboleessa Yoosef Beniyaamin isaan wajjin hin ergine.
But Benjamin, Joseph's brother, Jacob did not send with his brothers, for he feared that harm might come to him.
5 Beelli biyya Kanaʼaan keessa waan tureef ilmaan Israaʼelis warra midhaan bitachuu dhaqan wajjin deeman.
The sons of Israel came to buy among those who came, for the famine was in the land of Canaan.
6 Yoosefis bulchaa biyyattii kan uummata biyyattii hundatti midhaan gurguru ture. Obboloonni Yoosefis yommuu achi gaʼanitti fuula isaaniitiin lafatti gombifamanii sagadaniif.
Now Joseph was the governor over the land. He was the one who sold to all the people of the land. Joseph's brothers came and bowed down to him with their faces to the ground.
7 Yoosef akkuma obboloota isaa argeen isaan beeke; garuu akkuma nama isaan hin beekneetti afaan hamaa isaanitti dubbatee, “Isin eessaa dhuftan?” jedhee isaan gaafate. Jarris, “Midhaan bitachuuf jennee Kanaʼaanii dhufne” jedhanii deebisan.
Joseph saw his brothers and recognized them, but he disguised himself to them and spoke harshly with them. He said to them, “Where have you come from?” They said, “From the land of Canaan to buy food.”
8 Yoo Yoosef obboloota isaa beeke iyyuu jarri isa hin beekne.
Joseph recognized his brothers, but they did not recognize him.
9 Innis abjuu waaʼee isaanii abjoote sana yaadatee, “Isin basaastota dadhabbii biyyattii basaasuuf dhuftanii dha!” jedheen.
Then Joseph remembered the dreams he had dreamed about them, and he said to them, “You are spies! You have come to see the undefended parts of the land.”
10 Isaan immoo akkana jedhanii deebisan; “Yaa gooftaa akkas miti; nu garboonni kee midhaan bitachuu dhufne.
They said to him, “No, my master. Your servants have come to buy food.
11 Nu hundi ilmaan abbaa tokkoo ti; nu garboonni kee namoota amanamoo dha malee basaastota miti.”
We are all one man's sons. We are honest men. Your servants are not spies.”
12 Innis, “Akkas miti; isin dadhabbii biyyattii basaasuu dhuftan” jedheen.
He said to them, “No, you have come to see the undefended parts of the land.”
13 Isaan garuu akkana jedhanii deebisan; “Nu garboonni kee obboloota kudha lama, ilmaanuma abbaa tokkoo kan biyya Kanaʼaan jiraatuu ti. Kunoo quxisuun hunda keenyaa amma abbaa keenya bira jira; inni tokko garuu hin jiru.”
They said, “We your servants are twelve brothers, the sons of one man in the land of Canaan. See, the youngest is this day with our father, and one brother is no longer alive.”
14 Yoosef garuu akkana jedheen; “Akkuma ani isiniin jedhe sana isin basaastota!
Joseph said to them, “It is what I said to you; you are spies.
15 Akki isin ittiin qoramtan kana; ani maqaa Faraʼooniin nan kakadha; yoo obboleessi keessan quxisuun sun as dhufe malee isin asii hin sochootan.
By this you will be tested. By the life of Pharaoh, you will not leave here, unless your youngest brother comes here.
16 Akka inni dhaqee obboleessa keessan fiduuf of keessaa nama tokko ergaa; isin warri haftan immoo mana hidhaatti galfamtu; akkasiinis dubbiin keessan qoratamee akka dhugaa taʼee fi akka dhugaa hin taʼin ni ilaalama; yoo kanaa achii, ani maqaa Faraʼooniin nan kakadha; isin dhugumaan basaastota!”
Send one of yourselves and let him get your brother. You will remain in prison, that your words may be tested, whether there is truth in you.”
17 Innis hunda isaanii guyyaa sadii mana hidhaa keessa turse.
He put them all in custody for three days.
18 Guyyaa sadaffaatti Yoosef akkana isaaniin jedhe; “Isin waan kana godhaa; ni jiraattu; ani Waaqa nan sodaadhaatii.
Joseph said to them on the third day, “Do this and live, for I fear God.
19 Isin yoo namoota amanamoo taatan obboloota keessan keessaa tokko as mana hidhaa haa turu; warri kaan garuu deemaa; maatii keessan kanneen beelaʼaniif midhaan geessaa.
If you are honest men, let one of your brothers be confined in this prison, but you go, carry grain for the famine of your houses.
20 Garuu obboleessa keessan quxisuu naa fidaa; akkasiin dubbiin keessan ni mirkaneeffama; isinis hin duutan.” Isaanis akkasuma godhan.
Bring your youngest brother to me so your words will be verified and you will not die.” So they did so.
21 Isaanis akkana waliin jedhan; “Nu dhugumaan sababii obboleessa keenyaatiif adabamaa jirra. Yeroo inni nu kadhatetti lubbuun isaa hammam akka dhiphachaa turte argineerra; nu garuu isa dhagaʼuu didne; dhiphinni kun kanaaf nutti dhufe.”
They said to one another, “We are truly guilty concerning our brother in that we saw the distress of his soul when he pleaded with us and we would not listen. Therefore this distress has come upon us.”
22 Ruubeen immoo, “Ani, ‘Gurbaa kana hin miidhinaa’ jedhee isinitti hin himnee? Isin garuu na dhagaʼuu diddan! Kunoo nu dhiiga isaatti ni gaafatamna” jedhe.
Reuben answered them, “Did I not tell you, 'Do not sin against the boy,' but you would not listen? Now, see, his blood is required of us.”
23 Sababii Yoosef karaa nama afaan hiikuutiin isaanitti dubbachaa tureef isaan akka inni waan isaan dubbatan hubatu hin beekne.
They did not know that Joseph understood them, for there was an interpreter between them.
24 Yoosef achi isaan irraa garagalee booʼuu jalqabe; ergasii immoo isaanitti garagalee isaanitti dubbate. Simiʼooninis isaan keessaa baasisee fuuluma isaanii duratti hiisise.
He turned from them and wept. He returned to them and spoke to them. He took Simeon from among them and bound him before their eyes.
25 Yoosef akka qalqalloo isaaniitti midhaan guutaniif, akka meetii tokkoo tokkoo isaanii deebisanii qalqalloo isaanii keessa isaaniif kaaʼanii fi akka karaa isaaniitiif galaa isaaniif kennan ajaje. Erga wanni kun isaaniif godhamee booddee
Then Joseph commanded his servants to fill his brothers' bags with grain, and to put every man's money back into his sack, and to give them provisions for the journey. It was done for them.
26 jarri midhaan isaanii harroota isaaniitti feʼatanii qajeelan.
The brothers loaded their donkeys with their grain and departed from there.
27 Isaan keessaa inni tokko iddoo bulanitti harree isaatiif nyaata kennuuf jedhee qalqalloo isaa bane; kunoo afaan qalqalloo keessattis meetii isaa argate.
As one of them opened his sack to give his donkey feed in the lodging place, he saw his money. Behold, it was in the opening of his sack.
28 Innis obboloota isaatiin, “Meetiin koo naa deebiʼeera; kunoo qalqalloo koo keessa jira” jedhe. Kana irratti isaan naʼanii walitti garagalanii hollachaa, “Wanni Waaqni nutti hojjete kun maali?” jedhan.
He said to his brothers, “My money has been put back. Look at it; it is in my sack.” Their hearts sank and they turned trembling to one another, saying, “What is this that God has done to us?”
29 Isaanis gara biyya Kanaʼaan abbaa isaanii Yaaqoob bira dhufanii waan isaan irra gaʼe hunda isatti himan; akkanas jedhan;
They went to Jacob, their father in the land of Canaan and told him all that had happened to them. They said,
30 “Namichi gooftaa biyya sanaa taʼe afaan hamaa nutti dubbatee akka waan nu biyyattii basaasuu dhaqneetti nu lakkaaʼe.
“The man, the lord of the land, spoke roughly with us and thought that we were spies in the land.
31 Nu garuu akkana jenneen; ‘Nu namoota amanamoo dha malee basaastota miti.
We said to him, 'We are honest men. We are not spies.
32 Nu obboloota kudha lama ilmaanuma abbaa tokkoo ti; inni tokko hin jiru; quxisuun hunda keenyaa immoo abbaa keenya bira biyya Kanaʼaan jira.’
We are twelve brothers, sons of our father. One is no longer alive, and the youngest is this day with our father in the land of Canaan.'
33 “Namichi gooftaa biyya sanaa taʼe immoo akkana nuun jedhe; ‘Akki ani akka isin namoota amanamoo taatanii fi hin taʼin ittiin beeku kana; obboloota keessan keessaa isa tokko as na biratti dhiisaatii maatii keessan kan beelaʼaniif midhaan geessaa.
The man, the lord of the land, said to us, 'By this I will know that you are honest men. Leave one of your brothers with me, take grain for the famine in your houses, and go your way.
34 Garuu akka ani akka isin namoota amanamoo malee basaastota hin taʼin beekuuf obboleessa keessan isa quxisuu sana naa fidaa. Ergasii ani obboleessa keessan deebisee isinii kenna; isinis biyya kana keessatti daldalachuu ni dandeessu.’”
Bring your youngest brother to me. Then I will know that you are not spies, but that you are honest men. Then I will release your brother to you, and you will trade in the land.'”
35 Yommuu isaan qalqalloo isaanii keessaa midhaan garagalchanitti, kunoo meetiin tokkoo tokkoo isaanii hidhaa hidhaan qalqalloo isaanii keessa ture. Isaanii fi abbaan isaanii yeroo meetii hidhame sana arganitti ni rifatan.
It came about as they emptied their sacks, that, behold, every man's bag of silver was in his sack. When they and their father saw their bags of silver, they were afraid.
36 Abbaan isaanii Yaaqoobis, “Isin ijoollee koo na dhabsiiftan. Yoosef hin jiru; Simiʼoonis hin jiru. Amma immoo Beniyaamin fudhachuu barbaaddu. Wanni hundi natti hammaateera!” jedheen.
Jacob their father said to them, “You have bereaved me of my children. Joseph is no longer alive, Simeon is gone, and you will take Benjamin away. All these things are against me.”
37 Ruubeen immoo abbaa isaatiin, “Yoo ani deebisee isa siif fiduu baadhe ilmaan koo lamaan ajjeesuu ni dandeessa; isa imaanaa natti kenni; ani deebisee isa nan fida” jedhe.
Reuben spoke to his father, saying, “You may kill my two sons if I do not bring Benjamin back to you. Put him in my hands, and I will bring him to you again.”
38 Yaaqoob garuu akkana jedhe; “Ilmi koo isin wajjin achi gad hin buʼu; obboleessi isaa duʼeera; isa qofatu hafe. Yoo karaa keessan irratti balaan isa irra gaʼe, isin akka arriin koo gaddaan awwaala seenu gootu.” (Sheol h7585)
Jacob said, “My son will not go down with you. For his brother is dead and he alone is left. If harm comes to him on the road in which you go, then you will bring down my gray hair with sorrow to Sheol.” (Sheol h7585)

< Uumama 42 >