< Uumama 41 >
1 Erga waggaan lama guutuun darbee booddee Faraʼoon abjuu tokko abjoote. Kunoo inni qarqara laga Abbayyaa dhaabachaa ture.
Bayan shekaru biyu cif, Fir’auna ya yi mafarki. A mafarkin, ya ga yana tsaye kusa da Nilu,
2 Kunoo, saawwan babbareedoo fi gagabbatoon torba laga Abbayyaa keessaa ol baʼan; isaanis shambaqqoo keessa dheedaa turan.
sai ga shanu bakwai masu ƙiba mulmul, suka fito daga kogin, suna kiwo a cikin kyauro.
3 Ammas kunoo, saawwan fofokkisoo fi huhuqqatoon kanneen biraa torba laga Abbayyaa keessaa ol baʼanii saawwan ededa lagaa turan sana bira dhadhaabatan.
Bayansu, sai ga waɗansu shanu bakwai, munana, ramammu, suka fito daga Nilu, suka tsaya kusa da waɗancan masu ƙiban, a bakin kogin.
4 Saawwan fofokkisoo fi huhuqqatoon sunis saawwan babbareedoo fi gagabbatoo torban sana nyaatan. Faraʼoonis hirribaa dammaqe.
Shanun nan da suke munana ramammu, suka cinye shanu bakwai nan masu ƙiba mulmul. Sai Fir’auna ya farka.
5 Ammas deebiʼee rafee abjuu lammaffaa abjoote; kunoo mataan midhaanii torba misee tolee somaa tokko irratti guddachaa ture.
Ya sāke yin barci, sai ya yi mafarki na biyu; ya ga kawuna bakwai na dawa, ƙosassu masu kyau, suka yi girma a kara guda.
6 Ergasii immoo kunoo mataan midhaan qaqancaroo hobombolettii baʼaa biiftuutiin gubatanii torba biraa bibbiqilan.
Bayansu, sai ga waɗansu kawuna bakwai na dawa, suka fito sirara waɗanda iskar gabas ta sa suka yanƙwane.
7 Mataan midhaan qaqancaroo sanaas mataa misee tole torban sana lilliqimse; Faraʼoonis hirribaa dammaqe; kunoo wanni sunis abjuu ture.
Siraran dawan suka haɗiye kawuna bakwai nan ƙosassu masu kyau. Sai Fir’auna ya farka, ashe, mafarki ne.
8 Ganama sana yaadni isaa ni jeeqame; inni nama ergee tolfattootaa fi beektota Gibxi hunda waamsifate. Faraʼoonis abjuu isaa isaanitti hime; garuu namni abjuu sana isaaf hiikuu dandaʼu tokko illee hin argamne.
Da safe sai hankalinsa ya tashi, saboda haka sai ya aika a kawo dukan masu duba da masu hikima na Masar. Fir’auna ya faɗa musu mafarkansa, amma babu wanda ya iya ba shi fassararsu.
9 Ergasii itti gaafatamaan dhugaatii sun Faraʼooniin akkana jedhe; “Ani harʼa balleessaa koo yaadadheera.
Sai shugaban masu shayarwa ya ce wa Fir’auna, “Yau an tuna mini da kāsawata.
10 Yeroo tokko Faraʼoon tajaajiltoota isaatti aaree anaa fi itti gaafatamaa buddeenaa sana mana ajajaa waardiyyaa keessatti hidhe.
Sai ya ci gaba ya ce, Fir’auna ya taɓa husata da bayinsa, ya kuma jefa ni da shugaban masu tuya a cikin kurkuku a gidan shugaban masu tsaro.
11 Tokkoon tokkoon keenya halkanuma tokkoon abjuu abjoonne; tokkoon tokkoon abjuu sanaas hiikkaa mataa isaa qaba ture.
Kowannenmu ya yi mafarki a wani dare, kowane mafarki kuma ya kasance da ma’anarsa.
12 Ibrichi dargaggeessi tokko nu wajjin achi ture; innis tajaajilaa ajajaa eegumsaa ture. Nu abjuu keenya itti himannaan inni tokkoo tokkoo keenyaaf akkuma abjuu keenyaatti hiikkaa isaa nutti hime.
To, wani saurayi, mutumin Ibraniyawa ya kasance a can tare da mu, bawan shugaban masu tsaro. Sai muka faɗa masa mafarkanmu, ya kuwa fassara mana su, yana ba wa kowane mutum fassarar mafarkinsa.
13 Akkuma inni nuu hiike sana taʼe; ani iddoo kootti nan deebiʼe; namichi kaanis ni fannifame.”
Abubuwan kuwa suka kasance daidai yadda ya fassara su gare mu; aka mai da ni a matsayina, ɗaya mutumin kuwa aka rataye shi.”
14 Faraʼoonis nama ergee Yoosefin waamsise; boolla hidhaa keessaa baasaniis dafanii isa fidan. Innis haaddatee uffata isaas geeddarratee fuula Faraʼoon duratti dhiʼaate.
Sai Fir’auna ya aika a kawo Yusuf, aka kuwa kawo shi da sauri daga kurkuku. Sa’ad da ya yi aski, ya kuma canja tufafinsa, sai ya zo gaban Fir’auna.
15 Faraʼoonis Yoosefiin, “Ani abjuu abjoodheen ture; garuu namni tokko iyyuu naa hiikuu hin dandeenye. Ani akka ati yeroo abjuu dhageessu hiikuu dandeessu dhagaʼeera” jedhe.
Fir’auna ya ce wa Yusuf, “Na yi mafarki, kuma babu wanda ya iya fassara shi. Amma na ji an ce sa’ad da ka ji mafarki, kana iya fassara shi.”
16 Yoosef immoo, “Ani hiikuu hin dandaʼu; Waaqni garuu Faraʼooniif deebii nagaa ni kenna” jedhee Faraʼooniif deebise.
Yusuf ya amsa wa Fir’auna ya ce, “Ba ni ne da iyawar ba, Allah zai iya ba wa Fir’auna amsar da yake nema.”
17 Faraʼoonis Yoosefiin akkana jedhe; “Ani abjuu kootiin qarqara laga Abbayyaa irra dhaabachaan ture;
Sa’an nan Fir’auna ya ce wa Yusuf, “A cikin mafarkina, na ga ina tsaye a bakin Nilu,
18 Kunoo saawwan gagabbatoo fi babbareedoon torba lagicha keessaa ol baʼanii shambaqqoo keessa dheedaa turan.
sai ga shanu bakwai masu ƙiba mulmul, suka fito daga kogin, suna kiwo a cikin kyauro.
19 Isaan duubaan immoo saawwan huhuqqatoo, baayʼee fofokkisoo fi qaqalloon biraa torba ol baʼan; ani takkumaa saawwan fofokkisoo akkanaa guutummaa biyya Gibxi keessatti hin argine.
Bayansu kuma, sai ga waɗansu shanu bakwai suka fito ƙanjamammu, munana, ramammu. Ban taɓa ganin irin munanan shanu haka a cikin dukan ƙasar Masar ba.
20 Saawwan huhuqqatoo fi fofokkisoon sun saawwan gagabbatoo duraan ol baʼan torban sana nyaatan.
Ramammun shanun nan munana, suka cinye shanun nan bakwai masu ƙiba da suka fito da fari.
21 Garuu erga isaan nyaatanii booddee namni tokko illee akka isaan saawwan sana nyaatan beekuu hin dandeenye; isaan akkuma utuu hin nyaatiniin dura turan sana fofokkisoo turaniitii. Anis hirribaa nan dammaqe.
Amma ko bayan da suka cinye su, babu wanda zai iya faɗa cewa sun yi haka; suna nan dai munana kamar yadda suke a dā. Sai na farka.
22 “Akkasumas ani abjuu kootiin mataa midhaanii torba kan misee fi gaggaarii somaa tokko irratti guddachaa jiru nan arge.
“Har yanzu kuma, a cikin mafarkina na ga kawuna bakwai na dawa ƙosassu masu kyau, suna girma a kara guda.
23 Isaan duubaanis kunoo mataan midhaanii cocoollagaan, qaqallaan kan hobombolettii baʼa biiftuutiin gubate torba ol baʼe.
Bayansu, sai ga waɗansu kawuna bakwai suka fito, yanƙwananne sirara waɗanda iskar gabas ta yanƙwane.
24 Mataawwan midhaanii qaqalʼaan sun mataa midhaanii gaggaarii torban sana liqimsan; anis waan kana tolchitootatti nan hime; garuu namni tokko iyyuu naa ibsuu hin dandeenye.”
Siraran kawunan dawan nan suka haɗiye kawuna bakwai nan masu kyau. Na faɗa wannan wa masu duba, amma ba wanda ya iya fassara mini shi.”
25 Yoosef immoo Faraʼooniin akkana jedhe; “Abjuun Faraʼoon lamaanuu tokkuma. Waaqni waan hojjechuuf jiru Faraʼoonitti mulʼiseera.
Sai Yusuf ya ce wa Fir’auna, “Mafarkan Fir’auna, ɗaya ne. Allah ya bayyana wa Fir’auna abin da yake shirin yi.
26 Saawwan babbareedoon torba waggaa torba; mataawwan midhaanii gaggaarii torbas waggaa torba; abjuun sun tokkuma.
Shanu masu kyau nan, shekaru bakwai ne, kawunan dawa bakwai ƙosassun nan kuwa shekaru bakwai ne; mafarkan iri ɗaya ne.
27 Saawwan qaqalloo fi fofokkisoon torban duubaan ol baʼanis waggaa torba; mataawwan midhaanii qaqancaroon hobombolettii baʼa biiftuutiin gubatan torban immoo waggoota beelaa torba.
Shanun nan ramammu, munana, da suka zo daga baya, shekaru bakwai ne, haka ma kawuna dawan nan shanyayyu da iskar gabas ta yanƙwane. Shekaru ne bakwai na yunwa.
28 “Wanni kun akkuma ani Faraʼoonitti himee dha. Waaqni waan hojjechuuf jiru Faraʼoonitti argisiiseera.
“Haka yake kamar yadda na faɗa wa Fir’auna cewa Allah ya nuna wa Fir’auna abin da yake shirin yi.
29 Barri quufaa guddaan isaa torba biyya Gibxi guutuutti ni dhufa;
Shekaru bakwai na yalwar abinci suna zuwa a dukan ƙasar Masar,
30 isaan booddeedhaan garuu waggoonni beelaa torba ni dhufu. Quufni biyya Gibxi hundi ni irraanfatama; beelli sunis biyya balleessa.
amma shekaru bakwai na yunwa za su biyo bayansu. Tsananin yunwar za tă sa a manta da dukan isashen abincin da aka samu a ƙasar Masar, yunwa kuwa za tă rufe dukan ƙasar.
31 Waan beelli duubaan dhufu sun baayʼee hamaa taʼuuf quufni biyyattii hin yaadatamu.
Ba za a tuna da isashen abincin da aka samu a ƙasar ba, domin yunwar da za tă biyo baya za tă zama da tsanani ƙwarai.
32 Abjuun kun bifa lamaan Faraʼoonitti kennamuun isaa waan dubbichi Waaqaan murteeffameef dha; Waaqnis waan kana dafee ni raawwata.
Dalilin da aka ba wa Fir’auna mafarkan nan kashi biyu kuwa shi ne cewa Allah ya riga ya ƙaddara al’amarin. Allah zai aikata shi, ba da daɗewa ba.
33 “Kanaafuu Faraʼoon nama hubataa fi beekaa tokko filatee biyya Gibxi irratti haa muudu.
“Yanzu fa, bari Fir’auna yă nemi mutum mai basira da kuma hikima, yă sa shi yă shugabanci ƙasar Masar.
34 Faraʼoon akka isaan waggoota quufaa torban keessa midhaan biyya Gibxiitii galfamu harka shan keessaa harka tokko walitti qabaniif qondaaltota biyya irratti haa muudu.
Bari Fir’auna yă naɗa komishinoni a kan ƙasar don su karɓi kashi ɗaya bisa biyar na girbin Masar a lokacin shekaru bakwai na yalwar abinci.
35 Isaanis waggoota gaarii dhufuuf jiran kana keessa midhaan hunda walitti haa qaban; akka nyaataaf taʼuufis midhaan kana taayitaa Faraʼoon jalatti magaalaawwan keessatti haa kuusan; haa eeganis.
Ya kamata su tara dukan abincin waɗannan shekaru masu kyau da suke zuwa, su yi ajiyar hatsin a ƙarƙashin ikon Fir’auna, don a ajiye a birane don abinci.
36 Midhaan kunis akka biyyattiin beelaan hin badneef waggoota beelaa torban Gibxitti dhufuuf jiru keessa akka fayyaduuf biyyattiidhaaf ol haa kaaʼamu.”
Ya kamata a adana abincin nan don ƙasar, kāriya shekaru bakwai na yunwa, domin a yi amfani da shi a lokacin shekarun yunwan da za su zo wa Masar, saboda kada ƙasar ta lalace da yunwa.”
37 Dubbichis Faraʼoonii fi qondaaltota isaa hunda biratti gaarii ture.
Shirin ya yi wa Fir’auna da kuma dukan hafsoshinsa kyau.
38 Faraʼoonis, “Nama akka namicha kanaa kan Hafuurri Waaqaa keessa jiru argachuu dandeenyaa ree?” jedhee isaan gaafate.
Saboda haka Fir’auna ya tambaye su, “Za mu iya samun wani kamar wannan mutum, wannan wanda Ruhun Allah yake cikinsa?”
39 Faraʼoonis Yoosefiin akkana jedhe; “Erga Waaqni waan kana hunda sitti mulʼise, namni akka kee hubataa fi beekaa taʼe tokko iyyuu hin jiru.
Sai Fir’auna ya ce wa Yusuf, “Da yake Allah ya ba ka sanin dukan waɗannan, babu wani mai basira da kuma hikima kamar ka.
40 Ati masaraa koo irratti itti gaafatamaa taata; sabni koo hundinuus ajaja kee jalatti bula. Ani ulfina teessoo qofaan si caala.”
Za ka shugabanci fadata, kuma dukan mutanena za su zama a ƙarƙashinka. Da sarauta kaɗai zan fi ka girma.”
41 Faraʼoonis Yoosefiin, “Ilaa, ani biyya Gibxi hunda irratti si muudeera” jedhe.
Saboda haka Fir’auna ya ce wa Yusuf, “Ga shi na sa ka zama shugaban dukan ƙasar Masar.”
42 Ergasii Faraʼoon qubeelaa chaappaa isaa quba isaa irraa baasee quba Yoosefitti kaaʼe. Uffata quncee talbaa haphii irraa hojjetame isatti uffise; amartii warqee morma isaatti kaaʼe.
Sa’an nan Fir’auna ya zare zoben sarauta daga yatsarsa, ya sa shi a yatsan Yusuf. Ya sanya masa rigar lallausan lilin, ya kuma sa masa sarƙar zinariya a wuyansa.
43 Innis gaarii isaa isa lammaffaa irra isa teessise; namoonnis, “Sagadaa!” jechaa fuula isaa dura deemanii iyyaa turan; akkanaan Faraʼoon biyya Gibxi hunda irratti isa muude.
Ya sa shi ya hau keken yaƙi a matsayi mai binsa na biyu, mutane kuwa suka yi shela a gabansa suna cewa, “A ba da hanya!” Ta haka ya sa shi shugaba a kan dukan ƙasar Masar.
44 Ergasiis Faraʼoon Yoosefiin, “Ani Faraʼoonii dha; garuu ajaja kee malee namni guutummaa Gibxi harka isaa yookaan miilla isaa sochoosu tokko iyyuu hin jiru” jedhe.
Sa’an nan Fir’auna ya ce wa Yusuf, “Ni ne Fir’auna, amma in ba tare da umarninka ba, ba wanda zai ɗaga hannu ko ƙafa a cikin dukan Masar.”
45 Faraʼoonis Yoosefiif maqaa Zaafenaat-Phaneʼaa jedhamu baase; intala Phooxiiferaa lubicha magaalaa Ooni kan Aasenati jedhamtu illee itti heerumsiise. Yoosefis biyya Gibxi hunda keessa naannaʼe.
Fir’auna ya ba wa Yusuf suna Zafenat-Faneya, ya kuma ba shi Asenat’yar Fotifera firist na On, ta zama matarsa. Yusuf kuwa ya zaga dukan ƙasar Masar.
46 Yoosef yeroo tajaajila Faraʼoon mooticha Gibxi jalqabetti nama waggaa soddomaa ture; innis fuula Faraʼoon duraa baʼee deemee biyya Gibxi hunda keessa nanaannaʼe.
Yusuf yana zuwa shekara talatin sa’ad da ya shiga hidimar Fir’auna sarkin Masar. Yusuf kuwa ya fita daga gaban Fir’auna, ya zaga ko’ina a Masar.
47 Waggoota quufaa torban sana keessa lafti midhaan akka malee baayʼatu kennite.
A shekaru bakwai na yalwa, ƙasar ta ba da amfani mai yawa.
48 Yoosefis midhaan waggoota torban sana keessa Gibxii galfame hunda walitti qabee magaalaawwan keessatti kuuse. Midhaan lafa qotiisaa naannoo magaalaas tokkoo tokkoo magaalaa sanaa keessatti kuuse.
Yusuf ya tattara dukan abincin da aka samu a waɗannan shekaru bakwai na yalwa a Masar, ya kuma yi ajiyarsu a cikin birane. A kowane birni, ya sa abincin da aka nome a kewayensa.
49 Yoosefis midhaan baayʼinni isaa guddaa akka cirracha galaanaa taʼe kuuse. Waan midhaan sun safaramuu hin dandaʼaminiif inni safaruu dhiise.
Sai Yusuf ya tara hatsi da yawan gaske, kamar yashi a bakin teku, har sai da ya kāsa iya auna shi, gama ba a iya aunawa.
50 Yoosef utuu waggoonni beelaa sun hin dhufin dura Aasenati intala Phooxiiferaa lubicha magaalaa Ooni irraa ilmaan lama dhalche.
Kafin shekarun yunwa su zo, Asenat’yar Fotifera, firist na On, ta haifa wa Yusuf’ya’ya maza biyu.
51 Yoosefis, “Waaqni rakkina koo hundaa fi mana abbaa koo hunda na irraanfachiiseera” jedhee maqaa ilma isaa hangaftichaa Minaasee jedhee moggaase.
Yusuf ya ba wa ɗansa na fari suna Manasse ya ce, “Gama Allah ya sa na mance dukan wahalata da dukan gidan mahaifina.”
52 “Waaqni biyya ani itti rakkadhe keessatti na baayʼiseera” jedhee ilma isaa isa lammaffaa immoo Efreem jedhee moggaase.
Ya ba wa ɗansa na biyu suna Efraim ya ce, “Gama Allah ya wadata ni cikin wahalata.”
53 Gibxi keessatti waggoonni quufaa torban sun darbee,
Shekaru bakwai na yalwa a Masar suka zo ga ƙarshe,
54 akkuma Yoosef dubbate sana waggoonni beelaa torba jalqabe. Biyyoota biraa hunda keessa beelatu ture; biyya Gibxi guutuu keessa garuu midhaanitu ture.
sai shekaru bakwai na yunwa suka soma shigowa, kamar yadda Yusuf ya faɗa. Aka yi yunwa ko’ina amma ban da ƙasar Masar. Don akwai abinci.
55 Yeroo Gibxi guutuun beelaʼuu jalqabetti namoonni midhaan barbaadanii Faraʼoonitti iyyatan; Faraʼoon immoo warra Gibxi hundumaan, “Yoosef bira dhaqaatii waan inni isinitti himu godhaa” jedhe.
Sa’ad da dukan Masar ta fara jin yunwa, sai mutane suka yi wa Fir’auna kuka don abinci. Sai Fir’auna ya ce wa dukan Masarawa, “Ku tafi wurin Yusuf, ku kuma yi abin da ya faɗa muku.”
56 Beelli guutuummaa biyyattii keessa babalʼannaan Yoosef mankuusaalee hundumaa banee namoota Gibxitti midhaan gurgure; beelli Gibxi hunda keessatti hammaatee tureetii.
Sa’ad da yunwa ta bazu a dukan ƙasar, sai Yusuf ya buɗe gidajen ajiya, ya kuma sayar da hatsi ga Masarawa, gama yunwa ta yi tsanani a dukan Masar.
57 Waan guutuu addunyaa irratti beelli hammaateef biyyoonni hundinuu Yoosef irraa midhaan bitachuuf gara Gibxi dhufaa turan.
Dukan ƙasashe kuwa suka zo Masar don saya hatsi daga Yusuf, gama yunwa ta yi tsanani a dukan duniya.